Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Komishinariin duraanii naannoo Amaaraa Abbaree Addaamuu du'uun dhaga'ame
Komishinariin duraanii Komishinii Poolisii mootummaa naannoo Amaaraa Abbara Addaamuu 'dhukkuba tasaatiin' du'aan boqochuu isaanii FBCn gabaabe.
FBCn madda amanamoo ta'e irraan mirkaneeffadhe jechuun akka gabaasetti, Komishinariin duraanii Komishinii Poolisii naannoo Amaaraa Abbara Addaamuu 'dhukkuba tasa isaan mudateen' du'aan boqotaniiru.
Gama biraatiin ammoo Abbara Addaamuu wallaansa yeroo atattamaatiif hospitaala erga galanii booda dhibee onnee waliin walqabatee lubbuun isaanii darbuu EBCn maddeen hospitaalaa eeruudhaan gabaaseera.
Akka gabaasa kanaatti, Abbaran dhukkubbiin itti dhaga'amuudhaan wallaansaaf gara hospitaalaa kan deeman har'a ganama ture.
Komishinarri duraanii Abbara Addaamuun dhiyeenya kana aangoo komishinarummaa Komishinii Poolisii naannichaa irraa erga kaafamaniin booda bakka isaanii namni biraan muudamuun isaa ni yaadatama.
Komishinariin duraanii kun hanga torban darbe aangoo irraa itti kaafamanitti waggoota lamaa oliif itti-gaafatamummaan hojjechaa turaniiru.
Obbo Abbareen kitaaba mata-dureen isaa [Olaantummaa Seeraa Misooma Biyyaaf] jedhu dhiyeenya kana maxxansiisaniiru.
Obbo Abbaree Addaamuu digrii isaanii jalqabaafi lamaffaa biyya Siwiidinitti baratan.
Komishinii Poolisii Federaalaatti Komishinara Itti-aanaa kan turan Tekollaa Ayfokkiruutitu bakka Abbaree Addaamuu bu'uun Komishinii Poolisii Naannichaa ta'uun muudame.
Dhiyeenya walitti bu'insa naannoo Amaaraa bakka gara garaatti uumameen lubbuun namoota baayyee badee qabeenyarras miidhaan ga'uu isaa hordofuun ture Obbo Tekollaan kan gara aangootti dhufan.