Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchiinsa Naannoo Amaaraatti komishinariin poolisii haaraa muudaman
Komishinii Poolisii Federaalaatti Komishinara Itti-aanaa kan turan Tekollaa Ayfokkiruu Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraa akka gaggeessaniif muudaman.
Obbo Tekollaan Ebla 27, 2021 irraa kaasanii Komishinarii Poolisii Naannoo Amaaraa ta'uun ramadamuu isaanii BBCn mirkaneeffateera.
Komishinariin duraanii Komishinii Poolsiii Naannoo Amaaraa Abbaree Addaamuu waggoota lamaa oliif itti-gaafatamummaan hojjechaa turaniiru.
Komishinariin haaraa Obbo Tekollaan osoo waggoota sadiin dura Poolisii Federaalaa keessatti itti-gaafatamaa ta'uun hin ramadamiiniin dura Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraa keessatti gita gara garaarra hojjetaniiru.
Kanaan dura godina Walloo Kaabaatti ajajaa poolisii magaalaa Kombolchaa, aanaa Ambaasel, itti-gaafatamaa qajeelcha poolisii godina Shawaa Kaabaa, akkasumas komishinara itti-aanaa Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraa ta'uun tajaajilaniiru.
Dabalataanis Obbo Tekollaan komishinarii Manneen Sirreessaa Naannichaa kan turan yoo ta'u, hojii nageenya kabachiisuu irrattis bobba'anii gahee isaanii bahaniiru.
Poolisii Federaalaatti erga makamaniin boodas biiroo qorannoo, komishinar janaraala itti-aanaa damee faayinaansiifi loojistikiirras tajaajilaniiru.
Obbo Tekollaan Nagaafii Tasgabbiin digirii maastersii qabu.
Walitti bu'iinsa dhiyeenya kana naannoo Amaaraatti uumamaniifi haleellaawwan qaqqabaniif lubbuun namoota baayyee baduufi qabeenyarras miidhaan qaqqabuu hordofeeti Obbo Tekollaan kan gara aangootti dhufan.
Keessattuu aanaalee godina Shawaa Kaabaatti haleellaa qaqqabe jedhameen lakkoofsi namootaa sirriitti adda hin ba'iin jiru darbuu, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'uun ibsameera.
Rooyitars aanga'aa olaanaa tokko waabeffachuun akka gabaasetti 'walitti bu'insa kanaan namoonni 200 ta'an ajjeefamaniiru.''
Naannoo Amaaraa magaalota gara garaa keessatti ajjeechaafi buqqaafamuu dhalattoota Amaaraa naannicha keessaafi naannichaan alatti irra gahe jedhan kan balaaleeffataniifi akka dhaabbatuuf kan gaafatan hiriirri mormii torban darbe keessa guyyoota walitti aananiif gaggeeffamaniiru.
Kana hordofees, Pirezedaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Agenyehu Teshaager ibsa kennanii turan.
Obbo Agenyehu ibsa isaanii kanaan, biyyattii bakka gara garaa keessatti haleellaan dhalattoota Amaaraarra gahaa jiraachuu ibsuun, "Amaaraan naannichaan ala jiraatan akkas ta'an jechaa osoo jirruu, naannoo keenya keessatti bulchiinsa godinaale Addaa Saba Oromoofi Kaaba Shawaa keessatti haleellaan raawwatameera," jedhan.
Haleellaa kanaan namonn baayyeen akka ajjeefaman kan himan Pirezedaantiin naannichaa, "haleellaan kun maaliif qaqqabee osoo hin taane, yeroo haleellaan kun raawwatamutti eessa turre? Maal gochaa turre? Caasaan nageenyaa maal hojjechaa ture? Caasaan odeeffannoo naannichaa hoo maal ture? Jechuun caasaa jiran akka gamaggamaniifi rakkoo mudatan furuudhaaf qulqulleeffachaa jirra jechuun isaanii ni yaadatama.
Obbo Tekollaatiin gara gaggeessummaa Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraatti akka dhufu kan taasise, akkuma Pirezedaantiin Naannichaa jedhan gamaggama caasaa nageenyaarratti taasifame hordofeeti.