Covid: Namchi akkayyaa du'uuf jiraniif oksijiinii miidiyaa hawaasaan gaafate himatame

Poolisiin Indiyaa namticha fuula tiwitaraa isaa fayyadamuun akkayyaa isaa du'aa jiraniif oksijiinii argachuuuf barreesse himate.

Qondaalli poolisii bulchiinsa Utaar Piraadesh nama maqaansaa Shaashaank Yaadaav jedhamu ''kaayyoo sodaa umuutiin oduu hir'ina oksijinii tamsaase,'' jechuun himate.

Mr Yaadaav ergaa tiwitara isaa keessatti osooma waa'ee covid hin dubbatin tarii hidhaa bu'uu danda'a ta'a.

Bulchiinsi Utaar Piraadesh eddoowwan garmalee covid hubaman keessaa tokko. Dureen ministira Yogii Adityaanaat, bulchinsicha keessatti haala balaa covid tureef xiyyeeffannaa hinkennine jedhamun komatamu.

Jalqaba torban kanaatti, Mr Adityaanaat namni odeeffannoo fi holola facaasu kamuu qabeenyaansaa ni fudhatama jedhanii ture.

Akkasumas hospitaaloonni bulchiinsa isaa keessatti argaman kamiyyuu hir'ina oksijiinii hin qaban jedha aanga'aan kun. Haalli jiruu kana hinhimu.

'Odeeffannoo dogongoraa'

Qondaaltoonni magaalaa Ameetii keessaa 'tiwitarri sobaa' nama kanaan barraa'ee namoonni kaan morummaa irratti himannaa akka dhiyeessaan taasiseera jechuun himannaa yakkaa irratti banan.

''Mr Yaadaav odeeffannoo dogongoraa facaasuuf kan barraa'eedha'' jedha qondaalli poolisii gammeessi Ameetii, Arpiit Kaapuur.

Qeeqxoon garuu adeemsi kunis kan mulqama walabummaa siviilootaa fi bilisummaa dubbachu waggoota dhihoon asii kan mul'isuudha jedhu.

Guyyaa Wiixataa Mr Yaadaav waggaa 26 ta'uun himame, fuula miidiyaa hawaasaa irratti silindarii oksijoon gaaffachuuf gabaabsee barreesseen taatoo Booliiwuud beekamtu Soonuu Suud tag taasise.

Barreeffama kanaanis waa'ee covid akkayyaan isaa maali dhukkubsataa akka jiran hin eerre.

Ergaan tiwitarii isaa kunis hiriyyaa isaa kan gaazexessituu quunnameen qodame.

Ministirri Kaabineefi Miseensi paarilaamaa Ameetii Smitii Imraani ergaa tiwitaraa kanaan tag e taasifamte. Isheenis Mr Yaadaav quunnamuuf yaalii taasiisuun alatti qondaaltoota naannichaatti himte dubbicha.

Erga himannaan Yadaav irratti banamee garuu isheen omaa hinjenne.

Akkaayyaan Yaadaav Wiixata alkan ifatti dhiibee onneetiin du'aan boqatan.

Qondaaltoonis Covid-19 hinqabamne jedhu, haata'u malee haala du'a isaarratti wanti ifa ta'e hinjiru.

Covid-19 walqabate haalli jiru MM biyyattii Modii kan haalli inni ittiin to'atee irratti qeequmsi cimaan irratti ka'aa jiru irratti dhiibbaan cimaa jira.

Jalqaba torban kanaatti erga motummaan tiwitarri gochaa isaa qeequu akka haqamaniif ajaja dabarse aarii kaasee ture.

'Baayyina namoota covid gaaffii kaasan'

Bulchiinsi Uttar Piraadesh - kan ummati miliyoonni 240 keessa jiraatutti, namoonni miliyoona 1.12 Covid-19n qabamee 11,414 ammoo ittiin du'aniiru.

Haata'u malee qabatamaa lafa jiruutti itti dhiyeenyaa wayita ilaalamu lakkoofsi motummaan ibsamu kun gaaffii kan kaasan ta'u.

Baatii kana keessa guyyaa tokkootti, qondaaltoonni fayyaa bulchiinsa guutuutti namoonni 68 du'uu himan.

Haata'u malee guyyuma sana gaazexaan tokko qondaaltoota magaalatti guddoo Luuknawu eeruun, awwaalli namoota 98 Covidn du'annii magaalatti qofaatti raawwatameera jechuun gabaase.

Egaan kun waan bulchiinsa Indiyaa takkittii keessatti mudateedha.