Addunyaarra lakkoofsi namoota Covid-19'n du'anii miiliyoona sadii dabre

Weerarri koronaavaayirasii erga mudate as addunyaarra lakkoofsi namoota Covid-19'n du'anii miiliyoona sadii dabruu, ragaan Yunivarsiitii Johns Hopkins agarsiise.

Oduun kun kan dhagahame erga daarekatarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ''addunyaan lakkoofsa namoota qabaman isa olaanaatti dhiyaachaa jirti,'' jechuun erga akeekkachiisan booda.

Biyyi vaayirasichaan marroo lammeessoon miidhamaa jirtu Indiyaan, guyyaa Sambataa qofa lakkoofsa haaraa 230,000 galmeessiteetti.

Erga weerarri kun eegale lakkoofsi waliigalaa namoota qabamanii miiliyoona 140tti siqaa jira.

Torban darbe keessa guyyaatti giddugalaan addunyaarra duuti 12,000 galmaa'aa turuu, AFPn gabaaseera.

Dureen WHO Dr Tedroos Adihaanom ''lakkoofsi namoota qabamaniifi duuti galmaa'u haala yaaddeessaa taheen dabalaa dhufeera,'' jechuun guyyaa Jimaataa akeekkachiisaniiru.

Dabaluunis ''addunyaarra ji'oota lamaan dabranitti namoonni vaayirasichaan torban torbaniin qabaman lakkoofsa dachaatti siquun dabaleera,'' jedhan.

US, Indiyaafi Biraazil biyyoota lakkoofsa olaanaa galmeessisan oggaa tahan, sadansaanii walitti du'a miiliyoona tokkoo ol galmeessaniiru.

Haa tahu malee, akka idil-addunyaatti lakkoofsi inni sirrii kan gabaafamuun ol tahuu mala.

Indiyaa maaltu mudate?

Haga torban muraasaan dura, Indiyaan weerara kana waan to'annoo jala oolchite fakkaata ture.

Amajjiifi Guraandhala keessa guyyaatti lakkoofsi namoota qabamanii 20,000 gadi ture. Kunis biyya lakkoofsa uummataa biiliyoona 1.3 qabdu keessatti lakkoofsa xiqqaa ture.

Garuu boodarra lakkoofsi daran dabaluu jalqabe: kanaanis guyyoota sadiif walitti aansuun lakkoofsi olaanaa galmaawe. Har'a (Sambata) qofa namootni 234,000 vaayirasichi irratti argameera.

Hospitaalonni biyyattii hir'ina sireefi oksijiniin rakkachaa jiru. Namootni dhukkubsatan hospitaalaa wayita deebifaman, maatiin ammoo qorsa barbaacha gabaa gurraacha mil'achaa jiru.

Magaalaan guddoo biyyattii Delhiin guyyoota dhuma-torbeerra uggura jala akka turtu labsameera.