Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: Indiyaatti oksijiinii gara alaatti dhangala'uun dhukkubsattoonni Covid 22 du'an
Hospitaala Indiyaa 'Zaakir Huseen' keessatti dhukkubsattoota Covid-19 achitti yaalamaa turan keessaa yoo xiqqaate 22 sababa hanqina oksijiinii du'an.
Oksijiiniin hospitaalaa magaalaa Nashik keessatti argamu keessatti wayita guutamaa turetti taankariin cabuun garaa alaatti waan dhangalaa'eef hanqinni kun mudatee lubbuu namaa galaafate.
Balaan kun akkamiin akka mudatee fi kuusaan oksijiinii sun maaliif akka dhukkubsatootarraa oksijiinii adda kute hanga yoonaa wanti ifa ta'e hin jiru.
Qondaaltonni akka jedhanitti daqiiqaa 30 'f oksijiiniin gara ventilaatarii namoonni akkaan miidhaman ittiin harganiitti dhangala'aa hin turre, wayita kana namoonni hedduun du'an.
"Dhimmicha qorannee tarkaanfii fudhanna,'' jedhan, komishinara magaalaa Nashik kan ta'an Kailash Jadhav.
Hospitaalichi wayita oksijiinii fixaa jiruttidha kan inni taankarii oksijiinii sana akka dhufee guutuuf gaafate.
Hospitaalonni biyyattii sababa dhukkubsattoonni heddummaataa jiraniif hanqina oksijiiniif saaxilamaa jiru.
"nama badii kana raawwate irratti tarkaanfii sirriin akka fudhatama barbaanna,'' jedha namni akkawoon isaa sababa hanqina oksijiinin duraa du'an Amol Vyavhare.
Namni biraan Vicky Jadhav, akkawoonshee wayita isheen battala balaan mudate dura nyaata bituufiif biraa baate fooyyee akka qabdu himte, yeroo isheen deebitu garuu duuteetti.
Weerara koronaavaayirasii marroo lammaffaan akkaan goolamaa kan jirtu Indiyaan, guyyaa guyyaan namoonni 200,000 caalan akka qabamaa jiran gabaasaa jirti.
Lakkoofsi namoota qabamanii fi akkaan dhukkubsatanii dabaluun ammoo hospitaalota biyyattiin qabdu daran dhiphiseera.
Hanqinni Oksijiinii, siree irra ciisanii wal'aanamanii fi qorichaa akka malee mudachaa jiraachuu himti biyyattiin.