Covid-19: Indiyaatti oksijiinii gara alaatti dhangala'uun dhukkubsattoonni Covid 22 du'an

Indiyaan oksijiinii kutaalee garaagaraan ga'uuf jecha addatti geejjiba baaburaa Oksijiin Eksipirees jedhamu eegalte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaan oksijiinii kutaalee garaagaraan ga'uuf jecha addatti geejjiba baaburaa Oksijiin Eksipirees jedhamu eegalte

Hospitaala Indiyaa 'Zaakir Huseen' keessatti dhukkubsattoota Covid-19 achitti yaalamaa turan keessaa yoo xiqqaate 22 sababa hanqina oksijiinii du'an.

Oksijiiniin hospitaalaa magaalaa Nashik keessatti argamu keessatti wayita guutamaa turetti taankariin cabuun garaa alaatti waan dhangalaa'eef hanqinni kun mudatee lubbuu namaa galaafate.

Balaan kun akkamiin akka mudatee fi kuusaan oksijiinii sun maaliif akka dhukkubsatootarraa oksijiinii adda kute hanga yoonaa wanti ifa ta'e hin jiru.

Ogeessonni fayyaa wayita kutaa namoonni akkaan miidhamanitti wal'aansa kennan

Madda suuraa, Getty Images

Qondaaltonni akka jedhanitti daqiiqaa 30 'f oksijiiniin gara ventilaatarii namoonni akkaan miidhaman ittiin harganiitti dhangala'aa hin turre, wayita kana namoonni hedduun du'an.

"Dhimmicha qorannee tarkaanfii fudhanna,'' jedhan, komishinara magaalaa Nashik kan ta'an Kailash Jadhav.

Hospitaalichi wayita oksijiinii fixaa jiruttidha kan inni taankarii oksijiinii sana akka dhufee guutuuf gaafate.

Hospitaalonni biyyattii sababa dhukkubsattoonni heddummaataa jiraniif hanqina oksijiiniif saaxilamaa jiru.

"nama badii kana raawwate irratti tarkaanfii sirriin akka fudhatama barbaanna,'' jedha namni akkawoon isaa sababa hanqina oksijiinin duraa du'an Amol Vyavhare.

Namni biraan Vicky Jadhav, akkawoonshee wayita isheen battala balaan mudate dura nyaata bituufiif biraa baate fooyyee akka qabdu himte, yeroo isheen deebitu garuu duuteetti.

Siliindaroota oksijiinii

Madda suuraa, Getty Images

Weerara koronaavaayirasii marroo lammaffaan akkaan goolamaa kan jirtu Indiyaan, guyyaa guyyaan namoonni 200,000 caalan akka qabamaa jiran gabaasaa jirti.

Lakkoofsi namoota qabamanii fi akkaan dhukkubsatanii dabaluun ammoo hospitaalota biyyattiin qabdu daran dhiphiseera.

Hanqinni Oksijiinii, siree irra ciisanii wal'aanamanii fi qorichaa akka malee mudachaa jiraachuu himti biyyattiin.