Covid-19: Dhohiinsi Tarkiitti uumame dhukkubsattoota koronaavaayirasii sagal ajjeese

Madda suuraa, Getty Images
Tarkii gama kibbaatti hospitaala argamu tokko keessatti ventilaatarri oksijiinii dhohuun namoonni sagal battalatti du'an.
Namoonni kunneen dhukkubsattoota Covid-19 yoo ta'an hospitaala kanatti tajaajila wal'aansa fayyaa argachaa turan.
Dhohiinsi hospitaala yuuniversitii Saankoo keessatti uumame kun kutaa namoonni garmalee dhukkubsatan keessatti yaalaman keessatti balaa abiddaa hamaa uumee ture.
Namoonni sababa balaa kanaa lubbuu dhaban umriinsaanii waggaa 56 fi 85 gidduudha.
Hospitaalicha ka'umsa balaa kanaa adda baasuuf sakatta'iinsa gaggeessaa jiraachuu himeera.
Dhukkubsattoonni hospitaala kanatti yaalamaa turan hedduunsaanii gara hospitaala biraatti dabarfaman.
Mootummaan Tarkii kanneen miidhamaniif dafanii akka dandamatan akkasumas maatii warra du'aniif ammoo jajjabaadhaa jedheera.
Ji'a darbes hospitaala Roomaaniyaa keessatti balaa abiddaa mudateen dhukkubsattoonni Covid-19 kudhan ta'an lubbuu dhabaniiru.
Meeshaaleen wal'aansa fayyaa walriguun abidaa erga uumanii booda ventileetarii oksijiinii dhoosan jedhu qondaaltonni hospitaalaa.
Onkoloolesa darbes balaa walfakkaataan Raashiyaa, naannawa Chelyabinsk keessatti mudatee ture.
Sababa kanaa dhukkubsattoonni Covid-19 kanneen 15o caalan achii baafamuun gara hospitaala dhibii geeffaman.
Akka ragaan Yuuniversitii Joons Hoopkiinsi mul'isutti Tarkii keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona lama ta'an koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u, kanneen keessaa 17,610 kan ta'an lubbuu dhabaniiru.













