Koronaavaayirasii: Dhukkubsattoota Covid-19 irraa bayyanachuu hin dandeenye

Daavidii fi maatiisaa
Ibsa waa'ee suuraa, Daavidii fi maatiisaa

Adduunyaan Daaviid Haaris kutaa xiqqoo keessa jiru keessatti erga daanga'ee bubbuleera.

Torbee torba dura mallattoo Covid-19 kan inni akka qufaa hamaatti ibse mul’isuu eegale.

Ogeessi Arkiteekchari ganna 42 kun yeroosan haadha warraa fi intalasaarraa adda of baase.

Torbee tokko booda fooyya’uu jalqabee ture. Haa ta'u malee torbee lama booda mallattoonsaa itti deebi’e.

“Mallattoo ani hin eegnetu mul’achuu jalqabe,” jedha.

“Mallattoon boodarra mul’ate isa jalqabaarraa hamaa ture – mallattoo akka qufaa, boodarras harganuu dadhabuu jalqabe. Yeroo san kan koronaavaayirasii ta'uu hubate."

“Torbee torbaffaarratti ammallee mallattoo argaa jira, ta’us garuu mallattoo giddu galeessaa ture.”

Daavid adda of baasuu ittuma fufe. Mana fincaanii deemuuf uffatasaa jijjiirratee deema akkasumas kophaasaa nyaata kophaasaa ciisa.

Haati warraasaa daa’imasaanii ji’a kudhanii akka inni arguuf gama foddaatiin fidee daawwitee keessaan argaani.

“Wantoota isa cinqan keessaa tokko waan gargaarsa gaafattu san ofii keetii hojjachuuf yaaluudha.

“Sababa namoonni na caalaa dhukkubsatan jiraniif NHS cinquu hin barbadu.

“Ta’us garuu namoota biroo hin cinqu jedhee osoo gargaarsa hin gaafatini rakkoo keessa galuu hin barbaadu.

“Fayyaan jira jettee osoo yaaddu yoo sitti hammaatu baay’ee sodaachisaadha.”

Gadda daangaa hin qabne

Feelisiitiin ganna 49 yoo taatu mallattoo Covid-19 fakkaatu eega mul’iste booda bayyanachuu osooo hin danda'iin torbee jahaffaa keessa jirti.

Garuu akka Daavid mudannooshee salphaa hin turre.

“Yeroon baay’ee ulfaataa ture guyyoota 10 jalqabaa na dhukkube san akkasumas fooyya’aan jira jedhee yaaduu, achiis fooyya’uu, achiis hammaachuu.

“Yeroo torbee shan gahu natti fakkaate waan dhukkubbii garaa hamaa kan ani faallaa jedhaa ture mul’iseef kan waahilli kiyya kutaa balaa tasaa bilbilte.

dhukkubsattoota gonkumaa covid19 irraa fayyuu hin dandeenye

“Beekuun baay’ee ulfaata. Inni kun hojii vaayirasichaati? Deebii sirni ittisa dhibee kennaa jiruudha? Dhiita’uudhaa?

“Osoo nah in dhukkubiin dura dhukkubbii garaa hin qabu ture. Torbeen shanaffaan garuu baay’ee hamaa ture.”

Feelisiitiis ta’ee Daavid qorannoo Covid-19 hin taasisne ta’us garuu haakimootaan vaayirasichaan qabuu akka hin oolle itti himamee ture.

Isaanis kana booda dhukkubicha dabarsuu akka hin dandeenne itti himameera.

Feelisiitiin garuu mallattoo fi dhukkubbii kanaan rakkataa turte.

“Bayyanachuudhaaf sireerratti yeroo dheeraa dabarseera.

“Dhukkubsachuu fi dhukkubbiirraa fayyuunii fi mudannoon kun hundi xiinsammuudhaaf baay’ee ture.”

Hedduunsaanii saffisaan bayyanatani

Wantoota rakkoo ta’an keessaa waa’een koronaavaayiras hedduunsaanii beekamuu dhabuusaaniti. Isaan keessas namoonni muraasni mallattoo giddu galeessa guyyoota muraasa turu mul’isu isaan kaan immoo fayyaa guutuu qaban torbee hedduuf rakkatu.

Dr Fiilip Gootaard Hospitaala Landan keessatti haakima yoo ta’an, dhukkubsattoonni hedduun saffisaan bayyanatu jedhan.

“Muraasni isaanii qufaa itti fufinsa qabu mul’isu. Ammatti dhukkubsattoota torbee sadi, afur, shan ykn jahaaf miira dadhabbii mul’isan arguu jalqabneerra.

Dargaggeessa fayyaa qabu taatee wanti hin beekne yoo si mudatu nama cinqa.''

“Dhukkubsattoota dhukkubbii biraarraa suuta suutaan bayyanataa jiranirratti wantoota akkanaa arguu malta. Guyyoota gaariis hamaas qabaachuu dandeetta'' jedhu.

Piroofeesar Tiim Ispeektar Koolleejjii Kiingis Landan irraa akka jedhanitti ragaan amma dhufaa jiru akka mul’isutti jiddu galeessaan namoonni mallattoo Covid-19 irraa bayyanachuudhaaf guyyoota 12 itti fudhata.

“Dabalataanis namoonni hamma guyyoota 30 yookiin achii olitti bayyanachaa jiraachuusaanii argaa jirra.

“Ragaa walitti qabnee fi teeknoolojitti fayyadamne wantoota namoonni saffisaan yookiin suutaan akka bayyanatan isaan taasisaa jiran addaan baafnee beekuu dandeenya.”

Daavidii fi Feeliisiitiin bayyanatanii gara jireenyasaanii duranitti deebi’uuf abdii qabu.

Dhukkubbiin umurii ji’oota muraasaa qabu kun wantoota nama ajaa’ibsiisan fiduu itti fufeera isaanis fudhatama hin qaban.