Covid: Abiddi hospitaala Roomaaniyaatti ka'e dhukkubsattoota Covid-19 galaafate

Balaan abiddaa kun kutaa dhukkubsattoonni daran dhibaman keessa tursiifamanitti mudatee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Balaan abiddaa kun kutaa dhukkubsattoonni daran dhibaman keessa tursiifamanitti mudatee ture

Balaa abiddaa biyya Roomaaniyaa, hospitaala dhukkubsattoonni Covid-19 itti yaalaman keessatti mudateen yoo xiqqaate dhukkubsattoonni 10 yoo du'an, hedduun ammoo madaa'aniiru.

Akka aanga'oonni jedhanitti abiddi kutaa namoonni daran dhukkubsatan keessatti yaalaman keessatti mudate.

Ogeeyyiin fayyaa lubbuu dhukkubsattoota Covid-19 kunneenii baraaruuf waa hedduu ifaajaa kan turan yoo ta'u kan miidhamanis jiru.

Doktarri lubbuu dhukkubsattootaa balaa abiddaa kana jalaa baraaruuf yaalaa ture tokko yeroo ammaa fayyummaansaa haala yaaddessaa keessa jira.

Ministirri Fayyaa Roomaaniyaa Nelu Tataru, balaan abiddaa kun rakkoo teeknikaa elektirikii irraa kan maddeedha jedhan.

Dhukkubsattoonni Covid-19 kanneen lubbuun hafan gara hospitaala biraatti dabarfamaa jiraachuu dubbatan qondaalli kun.

''Ogeeyyiin fayyaa qaamni isaanii gubate ni jiru. doktarri wayita balaan mudatu hojiirra ture, kan qaamni isaa gubatee garmalee miidhames gara hospitaala biraatti dabarfameera.'' jedhan.

Kanneen balaa abiddaa kanaan du'an keessaa saddeet iddoo balaan kun jalqaba itti mudate gamoo lammaffaarratti du'an, lama ammoo kutaa itti aanu keessatti du'an.

Hundi isaaniiyyuu koronaavaayirasiin qabamanii tajaajila wal'aansaa fudhachaa turan, kaansaanii ventileetaraa`n harganaa turan.

Roomaaniyaa keessatti hanga ammaatti namoonni 350,000 caalan koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'an kanneen keessaa 8,813 du'aniiru.

Jimaata darbemmoo namoota 9,489'tu qabaman, 174 ammoo du'an.