Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi NATOn ifatti loltoota isaanii Afgaanistanii baasuu eegalan
Ameerikaan loltoota ishee Afgaanistaanii ifatti baasuu kan jalqabde yoo tahu kun isa pirezidaanti ''waraana bara baraa'' jedhan sana gara xumuraatti fida.
Loltootni Ameerikaa fi Naton waggoota 20 oliif Afgaanistan keessaa turan. Loltoota kanneen baasuun hanga Fulbaana 11tti kan itti fufu yoo tahu, tarkaanfichi yeroo walitti bu'insi dabalaa jirutti eegale.
Humnootni nageenyaa Afgaanistaan haleellaa deebii isaan irra gahuuf dammaqanii qophaa'anii jiru
Taaliibaan waliigaltee mallattaa'een daanga'uun loltoota idil-adunyaa biyyichaa haleeluu akka hin dhiisne akeekkachiiseera.
Akkaataa waliigaltee bara darbe hidhattootaa fi pirezidaanti Tiraampi gidduutti mallattaa'een, humnootni alaa Caamsaa 1 biyyicha keessaa bahuu qabu. Taaliibaan ammoo gama isaan loltoota idil adunyaa irra haleellaa akka hin dhaqqabsiisu.
Qondaaltonni mootummaa Rooyitarsitti akka himanitti, yeroo ammaa kana Taalibaan buufata waraanaa humnoota Lixaa garee morkattoota Islaamaan akka hin haleelamne ittisaa jira.
Kuni garuu humnoota Taaliibaan humna nageenyaa Afgaanistaanii fi lammiilee nagaa haleeluu irraa hin dhaabne.
Jeneraalli AmeerikaanIskoot Miiler, yeroo loltoota baasaa jiran kanatti haleellaan loltoota biyya alaa irratti akka hin raawwatamne akeekkachiisaniiru.
" Dogogora tokko hin hojjetiinaa, haleellaa humnoota qindaa'aa irra gahuuf humnaan karaa waraanaa deebii kenninu qabna, akkasumas haalatti humnoota nageenyaa Afgaanistaan deeggarru qabna,'' jechuun viidiyoo kraa Tiwiitera isaanii maxxansaniin ibsan.
Ji'a darbe pirezidaanti Baayiden isa loltootni Caamsa 1tti bahu jedhame, Waggaa 20ffaa haleellaa 9/11 irratti haala nageenyaa himuun hanga Fulbaana bara kanaatti akka turu godhan.
Dubbii himaan Taaliibaan, ''waliigaltee cabsuun humnootni Taaliibaan humnoota biyya alaa jiran irratti tarkaanfii barbaachisaadha jedhan fudhuuf karaa bana'' jedhan.
Garuu loltootni Taaliibaan haleellaa jalqabuuf hogganoota isaanii irraa ajaja eeggatu. Xiinxaltootni tokko tokko akka jedhanitti, guyyaan Ameerikaan loltoota ishee itti baastu eeguun haleellaa cimaa dhaqqabuu malu hanbisa.
Yeroo ammaa Ameerikaan xaxattee achii bahuuf hanqinni loojistikii mudateera. AP'n akka gabaasetti humni waraanaa Ameerikaa meeshaa kamtu fe'amuu qaba, kamtu ammoo asumatti gabaa Afgaanistaanitti gurgurama kan jedhu adda baasaa jiru.
Humni Waraanaa Ameerikaa maaliif Afgaanistaanii deeman?
Fulbaana 11 bara 2001, haleellaan Ameerikaa irratti raawwate gara namoota 3,000 galaafate. Osama Bin Laaden, dursaan garee shororkeessaa al-Qaayidaa haleellichaaf akka itti gaafatamu dafeema adda bahe.
Taaliibaan, garee finxaaleyyii Islaamaa kan Afgaanistaan gaggeessan Bin Laaden irra goruun dabarsanii kennuu didan. Kanaaf haleellaa 9/11 ji'a tokko booda Ameerikaan haleellaa qilleensa irraa Afgaanistaan irratti gaggeesite.
Biyyootni kaanis lolichatti makamnaan Taaliibaan hatattamaan aangoo irraa kaafame. Garuu guutummaan hin dhabamsiifamne, dhiibbaan isaanii booda irra ka'aama dhufe.
Erga sanaa Ameerikaa fi michoonni ishee mootummaa Afgaanistaa kufaatii fi haleellaa cimaa Taaliibaan irraa oolchuun itti ulfaate.
'Bara dukkanaa Taaliibaan'
Loltoota baasuun kun yeroo humnootni nageenyaa mootummaa fi Taaliibaan wal haleelaa jiranitti jalqabe, waliigalteen nageenyaas hin raawwanne.
Walitti bu'insi kutaa Givaazni halkan tokkotti lubbuu namoota lakkoofsi isaanii hin baramne galaafate.
Jimaata, haleellaa boombii konkolaataa irraan Pul e- Alam, Loogar keessatti dhaqqabeen namootni 30 ajjeefamuun 110 ammoo madaa'an, irra caalaan isaanii barattootadha.
Pirezidaantiin US, Jooy Baayiden, Ameerikaan loltoota ishee kan baasuu eegalte biyyattiin kana booda buufata jihaadistoota alaa biyyoota Lixaa haleelanii tahuu akka hin dandeenye mirkaneessuuni jedhan.
Pirezidaantiin Afgaanistaan Ashraaf Gaanii, humnootni nageenyaa mootummaa hidhattoota guutummaan qolachuuf humna qabu jedhan.
Loltoota US fi Nato baasuun sababa Taaliibaan dhiyeessee ittiin lolaa ture dhabamsiisa jedhan. ''Eenyuun ajjeesta? Maal balleesita? haalotni ittiin humnoota alaa ittiin lolaa turte amma xumurameera.''
Namootni baay'een garuu abdii inni qabu kana hin deeggarre. ''Namni hundinuu bara dukkanaa Taaliibaan sanatti galla jechuun sodaatu,'' Meenaa Nowrozi raadiyoo dhuunfaa magaalaa Kabul jiru keessaa kan hojjettu akka AFPtti himtetti.
"Taliibaan har'as sanuma. isaan hin jijjiiramne. US loltoota isaanii yoo xiqqaate waggaa tokkoof yookaan lamaaf dheeressuun tursiisuu qabu ture.''
Gbaasaan BBC Paakistaanii fi Afgaanistaan Sekunder Kermaanii, waliigalteen nageenyaa mootummaa Afgaanistaanii fi hidhattootaa adda cituun, kana irratti ammoo gidduugaltummaa idil-adunyaa dhamabuun, walitti bu'insicha ni dabala. jedhe.