Filannoo Itoophiyaa 2021: Paartiin Sirna Gadaa filannoon biyyaaleessaa ji'oota jahaan akka fuldurratti siiquuf gaafate

Paartiilee siyaasaa kana dura Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatin haqaman keessaa tokko kan ta'e Paartiin Sirna Gadaa filannoon biyyaalessaa ji'oota jahaan fulduratti akka siiqu gaafate.

Paartichi falmii boordii filannoo walin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti taasiseen, haqamuunsaa sirrii akka hintaane akka murtaa'ef pirezidaantiin Paartiin Sirna Gadaa Obbo Roobalee Taaddasaa BBCtti himan.

"Sababa boordii filannootin filannoon ala taane" kan jedhu paartichi filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa ji'oota jahaan fulduratti akka siiqufi Fulbaana 2014 akka adeemsifamu boordii filannoo gaafachuusaa Pirezidaantii Paartiichaa Obbo Roobalee dubbatan.

Kana malees paartichi maqaasaa gara Paartii Sirna Gadaa Bilisummaa Oromoof jedhutti jijjiirrachuusaas beeksisaniiru.

Falmii mana murtii…

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaafi naamusa filannoo lakkoofsa 1162/2011 bu'uura godhachuun paartileen siyaasaa biyyattii keessa jiran akkaataa ulaagaa labsicharra kaa'amen irra deebin akka galmaa'an taasisuu himaa tureera.

Boordichi paartilee siyaasaa ulaagaa labsicha keessatti kaa'aman hin guunne jedhe ji'a Caamsaa bara 2012 haqamusaanii beeksise keessaa tokko Paartii Sirna Gadaa ture.

"Ragaa hundeesitoota paartichaa hin dhiyeessine" kan jedhu sababa paartichi ittiin haqame akka ta'es Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa himee ture.

Haa ta'u malee, pirezidaantiin paartichaa Obbo Roobaleen akkaataa labsii 1162/2011tiin paartiin sadarkaa naannootti dorgomu mallattoo hundeesitoota 4,000 dhiyeessuu qabaatullee "nuti garuu miseensa 6,845 dhiyeessine. Seera tokko osoo hin cabsiniifi ragaa gaarii osoo qabnuu nu jalaa haqan" jedhan.

Sana booda Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti iyyachusaaniifi Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa walin walfalmuu isaanii, manni murtichaas adeemsi paartichi ittiin haqame sirrii akka hintaane murteessuusaa Obbo Roobaleen himan.

Manni murtichaa boordiin filannoo paartichaaf carraa deebii kennuu/ofirraa ittisuu erga kenneen booda paartichi yaa haqamumoo yaa galmaa'u kan jedhu akka murteessu boordii filannoof aangoo kenne.

Haa ta'u malee "nuyi dhimmichi boordii filannootti deebi'uu hin qabu. Manni murtii murtee dhumaa nuuf yaa kennu jennee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti iyyanne" jedhan Obbo Roobaleen.

Boordiin Filannoos ejjennoo 'paartichi haqamuu qaba' jedhurratti cichuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo dhiyeeffachuusaas himan.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaas oliyyannoo boordii filannoo kuffisuufi oliyyannoosaanii fudhachuusaa Obbo Roobaleen ni dubbatan.

Murtee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa murteesses boordichaaf galchuu isaaniifi deebii boordichaas eegaa akka jiran himaniiru.

Paartiin Sirna Gadaa eenyuu?

Paartiin Sirna Gadaa bara 1995 kan hundeeffame yemmuu ta'u filannoowwan biyyaalessaa sadeen darban irratti hirmaatera.

Filannoo biyyaalessaa bara 1997 adeemsifame irratti paartichi Caffee Oromiyaa keessatti teessoo argatee akka tures Obbo Roobaleen himaniiru.

"Kaayyoon keenya sirna Gadaa ijaaruudha" kan jedhan Obbo Roobalee Taaddasaa, akkaataa sirna Gadaatin filannoon waggaa afur afuriin akka adseemsifamufi yeroon aangoo waggoota saddeetin akka daangeeffamu akka fedhan himu.

Kana malees naannoon Oromiyaa sirna federeeshiniin, biyyi Itoophiyaa immoo konfedereeshiniin ijaarramuu qabu kan jedhus sagantaawwan paartiichaa keessatti argamu.