Mootummaa Itoophiyaa: 'Dhimmoota nageenya biyyaalessaa qoran irratti tarkaanfii araarama hin qabne eegalleerra'

Mootummaan dhimmoota nageenya biyyaalessaa qoran irratti tarkaanfii araarama hin qabne fudhachuu eegaluu caasaan waloo Nageenyaafi Tasgabbii beeksise.

Caasaan waloo Nageenyaa fi Tasgabbii kun jaarmiyaalee akka Komishinii Poolisii Federaalaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Tika Biyyaalessaa fi Ejensii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaarraa hundeeffame.

Caasaan kun ibsa Jimaata galgala baaseen ''qaamolee farreen nageenyaa ta'aniif obsa hin qabu'' jedheera.

''Diddaa uummataa umuun biyyattii gara walitti bu'iinsaafi jeequmsaatti galchuuf qaamoleen keessaa fi alaan wal ta'anii socho'aa jiraachuu isaaniif ragaa gahaa qabna'' jedha caasaan waloo nageenyaa fi tasgabbii.

Mootummaan eenyummaa, bulchiinsa daangaafi gaaffiilee ofiin of bulchuun walqabatan haala barbaachisuun keessummeessaa jiraatus qaamoleen badiisaa biyyattii jeequmsatti ofaa jiruu jedha.

Ergama kana galmaan gahuuf sanada qophaayee fi taatota badii kanaa kan ibsu ragaan harka isaa gahus, caasaan nageenyaa fi tasgabbii kun ibseera.

Ibsichi tibba kana Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa fi godina addaa saba Oromootti haleellaawwan raawwatamaniin lubbuun namoota nagaa darbuu, qabeenyi manca'uufi namootni hedduun qe'ee buqqa'uu yaadatee, kana kan raawwate qaamolee farra nageenyaa biyya keessaafi alaa gurmaa'aniidha jedheera.

Naannoo Amaaraa gidduugala Goondarittis hidhattootni Qimaant haleellaa raawwataniin badii qaqqabuu yaadachiiseera.

Akkasuma daangaa naannolee Affaariifi Somaaleettis walitti bu'iinsi lubbuu namootaa galaafate mudachuu eereera.

Walitti bu'iinsa qaamolee hawaasaafi hidhattootaan raawwataman kanaan dabalataan Hidha Haaromsaa Itoophiyaa kan ilaallatuun ''qaamoleen keessaa fi alaa'' bishaan marroo lammataaf hidha sanitti akka hin guutamne hidhattoota Gumuuz leenjisuufi hidhachiisuun naannichatti bobbaasaniirus jedha.

Shira qaamota kanaa fashaleessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu caasaan waloo dhimma nageenyaa fi tasgabbii beeksiseera.

Dabalataaniis gareen hidhattootaa ''ABO-Shanee' xiyyeeffannoo mootummaa bittimsuuf bakka garaagaraatti namoota nagaarratti haleellaa geessisaa jiraatus, haleellaa fi ajjeechaa guutummaatti hambisuuf tarkaanfiin qaama kanarratti fudhatamu cimee itti fufeera jedha.

''Oromiyaa keessatti nageenya mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamaa jiruun ABO-Shaneerratti kasaaraa guddaan gaheera'' jedha ibsichi.

''Mootummaan jijjiiramichi akka hin garagalfamneefi dirreen dimookrasii akka hin dhiphanne obsi agarsiisaa ture nageenya biyyaalessaa kan qoru waan ta'eef, tarkaanfii araarama hin qabne fudhachuu eegaluu ibsuu fedhaa'' jedheera.

Humnoonni alaafi keessaa Itoophiyaa diiguuf hojjetan miidiyaalee hawaasaa fi caasaalee mootummaa keessa galuun nageenyaafi jireenya biyyaa yaaddoo keessa galchaa waan jiraniif uummatni kana beekuun akka tumsu waamicha godheera.

Sochii qaamolee farra nageenyaa fi hidhattootaa ragaadhaan karaa caasaa nageenyaa fi tasgabbii hordofuun to'achuun tarkaanfii atattamaa irratti fudhachuun itti fufas jedhe.