Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'insa daangaa naannolee Somaalii fi Afaariin namooti 50 ol ajjeefaman
Baha Itoophiyaa daangaa Afaarii fi Somaaleetti dhuma torban darbee walitti bu'insa uumamee tureen lubbuun namoota baay'ee darbuu bulchitootni naannolee lamaanii himan.
Naannoo Afaaritti gaafa Sanbataa darbe 25/2013 guyyaa sa'a sagalitti godina 3, aanaa Haarukaatti haleellaa dhaqqabeen lubbuun namoota 30 yoo darbu namootni 50 ol madaa'uu isaanii itdubbi himaan mootummaa naannichaa Obbo Ahimad Halooyitaa himaniru.
Har'a barii sa'a 11 irraa jalqabee godina 3 aanolee Haarukaa, Gel'aaluu, Gawaanee jedhaman keessatti haleellaan raawwatamee manneen gubachuus himaniiru.
Naannoon Somaalii ibsa baaseen, Jimaata darbe gaafa Bitootessa 24 /2013 gandoota Da'awaadii fi Qarafaa jedhaman irratti haleellaan raawwachuun ''horsiisee bultootni 25 ol yoo ajjeefaman, namoota 30 tahan irra ammoo miidhaan qaamaa gahuun qabeenyi isaaniis manca'eera'' jedhe.
Har'a [Kibxata] ganamas gandoota naannoo Somaalii afur jechuun Da'aawadii, Gewuraan, Qalaalee fi Danlehee jedhamanitti haleellaan raawwachuun yeroodhaaf lakkoofsi isaanii kan adda hin baane namootni baay'een ajjeefamuu himaniiru.
Naannoleen lamaan haleellicha kan raawwatan jechuun miseensota poolisii humna addaa walii isaanii himatu.
Dabalataan naannoon Somaalii humni addaa naannoo Afaar humna shororkeessaa ittiin jedhu [UGUGUMA] jedhamu waliin tahuun haleellicha raawwate jechuun himate.
Dubbi himaan mootummaa Afaar Obbo Ahimad ammoo Indefoo, Adaayitoo fi Gadaamaayituu bakkkeewan jedhamanitti daldala seeraan alaa ittisuuf tarkaanfiin fudhatame hordofuun humni addaa naannoo Somaalii horsiisee bultoota irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhate jedhan.
Obbo Ahimad akka jedhanitti haleellaa gaafa Sanbataa raawwate irratti hirmaachuun kan qabaman miseensonni humni addaa naannoo Somaalii jiru.
Naannoo Somaalii fi Afaar gidduutti araarri akka bu'uuf yaaliin taasifamaa ture akka hin milkoofne kan himan Obbo Ahimad, hanga ammaatti bakkeewwan rakkoon itti mudate kanneen humni federaalaas tahe raayyaan ittisaa akka hin dhaqqabne himan.
Naannolee lamaan gidduutti walitti bu'insa daangaa ture yeroo yerootti irra deddebiin ka'uun lubbuu galaafataa jira.
Amma dura akkaataa Boordiin filannoo buufataalee filannooo gandoota naannoleen lamaan irratti wal dhaban daangaarratti argaman keessa jiran itti caasesse ilaalchisee naannoon Afaar komii dhiyeessee kan ture yoo ta'u boordiin filannoo komii sana fudhachuun sirreeffama godhee ture.
Mootummaan naannoo Somaalii ammoo sirreeffama Boordii filannoo kana naannoo Afaariif kan looge jechuun iyyate.
Walitti bu'iinsi ammaa kallattiin dhimma iyyata Boordii filannoo kanan kan walqabatu ta'uun hin beekamne.