Komishinii Mirgoota Namoomaa: Qabiinsi hidhamtootaa Naannoo Somaalee 'xiyyeeffannoo addaa barbaada'

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa manneen hidhaa naannoo Somaalee daawwachuun ibsa baaseen, ''qabiinsi hidhamtootaa yaaddeessaa fi xiyyeeffannoo addaa kan barbaadudha'' jedhe.

Komishinichi ibsa guyyaa Kibxataa baaseen, naannichatti gama qabiinsa hidhamtootaan fooyya'insi jiraatus, ''ammallee dhimmootniifi iddoon fooyya'insa barbaadan hedduu jiru,'' jedheera.

Komishinichi gabaasa kana kan qindeesse erga magaalaa Jigjigaa dabalatee naannichatti buufataalee poolisiifi manneen hidhaa daawwachuun, akkasumas kanneen hidhaa jala jiraniifi anga'oota wajjin marii gaggeessen booda tahuu hima.

Kanneen keessaa waanti iddoowwan tursiisa shakkamtootaa magaalaa Jigjigaatti arge ''daran yaaddeessaadha'' jedha Komishiniin kun.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhaabbata mootummaa Itoophiyaan hundaa'e yoo tahu, aangoo sarbama mirgoota namoomaa qorachuufi biroon itti kennameera. Komishinichi dhiibbaa mootummaarraa bilisa akka tahes hima.

Komishinichi iddoowwan daawwate keessaa, bakka turtii shakkamtootaa Havaanaa jedhamuun beekamuufi bakka turtii kaawunsilichaa biraa tokkotti, qabiinsa shakkamtootaan yaadda'uu hima.

''Manneen hidhaa kana keessa shakkamtoonni kutaalee qulqullina hin qabneefi darn rukkatan keessa qabamuu, hanqinni nyaataa olaanaa jiraachuu,'' himuun waa'ee daa'imman ganna 18 mana hidhaa keessa jiranis gabaasa kana keessa kaaseera.

''Daa'imman yakkaan shakkamanii hidhaman seera adabbii yakkaa keewwata 17n haalduree tokko malee wabiin akka gadhiifaman eegamus, faallaa kanaatiin daa'imman gaheessota wajjin bakka tokkotti hidhamuu komishinichi argeera.''

Kana malees kanneen hidhaman ''maatiin akka hin gaafanne dhorkamuu, mana murtiitti yeroon dhiyaachuu dhabuufi reebichi akka irra gahe,'' komishinatti himaniiru.

Komishinichi sarbamoonni kunniin akka furaman qaamolee magaalaafi naannoo dhimmichi ilaallatuuf qaamaanis xalayaanis beeksisuu hima.

''Hidhamtoota buufata poolisii Haavaanaa irraa kara Mana amala sirreessaa Goodeetti erguun, baay'ina namaa achi jiru furuuf yaaliin godhamus, kun kan tahe maatii wajjin otoo hin mar'itin akkasumas Manni Hidhaa Goodee ofisaayyuu baay'ina namaa kan qabudha jechuun hidhamtoonni komiisaanii komishinichaaf ibsaniiru,'' jedhe ibsi kun.

Akka ibsa bahe kanaatti, mana amala sirreessaa Goodeetti, kutaaleen 14 kan jiran oggaa tahu, wayita komishinichi daawwatuttis hidhamtoonni 470 achitti argamu turan.

Akkuma mana hidhaa magaalaa Jigjigaatti, Goodeettis daa'imman gannisaanii 18 tahe gaheessoota wajjin hidhaman 50 tahantu jira jedha komishinichi.

Komishinarri komishinichaa Dr Daani'e Baqqalaa dhimma kanarratti waan jedhan: ''Mootummaan Naannoo Somaalee mirgoota namoomaa kabajuufi kabachiisuurratti tarkaanfiiwwan fudhateen fooyya'insi argame kan nama jajjabeessuudha,'' jechuun ''keessattuu hidhaan daa'imman yakka raawwatanii xiyyeeffannoo addaafi tarkaanfii hatattamaa barbaada,'' jedhaniiru.