'Sudaan loltoota Itoophiyaa qabee 61 deebiseera kan jette oduu sobaati' - Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Sudaan loltoota Itoophiyaa to'annoo jala oolchitee turte 61 ol Itoophiyaaf deebisuu miidiyaleen Sudaan tibbana gabaasaa turan.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti ibsa har'a miidiyaalee biyya keessaafi alaaf ibsa kan laatan, "Sudaan loltoota Itoophiyaa 61 qabee deebiseera jette. Kun oduu sobaati.

''Amma biyyoota lamaan gidduutti walitti bu'iinsi loltootaa hin jiru. Kanaaf, wanta hin jirretti loltoota qabachuu hin danda'an," jedhan.

''Biyyoota lamaan gidduutti akka lolli waraanaa jirutti fakkeessaa jiru,'' jechuunis himan.

Haata'u malee, Sudaan lammiilee Itoophiyaa 61 qabdee akka deebiste kan himan ambaasaadarichi, isaan keessaa 59 qonnaan bultoota, lama immoo milishoota ta'uu himan.

Qonnaan bultoonni 59 kunneenis kan naannoo daangaa biyyoota lamaaniirra jiraatan ta'uu dubbatan.

Waldhabdee dhimma daangaa biyyoota lamaan gidduutti uummameef Itoophiyaan ammas furmaata karaa nagaaf cichoomina akka qabdu himan.

Dhimma marii Hidha Haaromsaa guddicha Itoophiyaa…

Marii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa torbee lama dura Koongoo Kinshaatti taasifameen walqabatee Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanif xalayaa barreessuushee kan himan Ambaasaaddar Diinaa Mufti, "Itoophiyaan adeemsa marii Gamtaa Afriikaan hogganamuf kutannoo cimaa qabaachuufi biyyoonni lamaan Masiriifi Sudaan garuu gama kanaan tumsaa akka hin jirre xalayichaan ibsameera," jedhan.

Biyyoota lamaan adeemsi marii gama Gamtaa Afriikaatin taasifamu akka hin milkoofne hojjechaa jiraachuus himan.

Mariin gama Gamtaa Afriikaatin taasifamu bu'aa argamsiisusaa himuunis, "sochii adeemsa marichaa harka Gamtaa Afriikaatii baasuf taasifamu gama keenyaan fudhatama hin qabu," jedhan.

Kana malees, Itoophiyaan xalayaa Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanif barreessiteen manni marichaa biyyoota lamaan irratti dhiibbaa akka taasisu gaafachuushee himaniiru.

"Sudaan ajandaa dhuunfaashee hin qabdu. Duubaa kan isaan dhiibu qaama biraati" kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, biyyattin ajandaa qaama biraa raawwachiisaa jiraachuu himan.

Sudaan kanaan dura mariin Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti taasifamu Yunaayitis Isteets, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaafi Gamtaa Afriikaa akka hirmaachisu yaada dhiyeessitee turuunshee ni yaadatama.

Dhimma kana kan gaafataman dubbi humaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, yaada Sudaan kana diduunshee "sodaarraa yookin hawaasa idil-addunyaa tuffachuurraa kan ka'e miti. Kaayyonsaa dhuga qabeessa waan hin taanef," jedhan.

Kana malees, Itoophiyaan dhimma Hidhichaa irratti qofa mari'achuu akka barbaaddu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, biyyoota lamaan garuu marichi laga Abbayyaa/Nile irratti akka ta'u akka barbaadan himan.

"Isaan waliigaltee itti fayyadamaafi qabeenyummaa lagichaafi laggeen Abbayyaaf galtee ta'an dhaalchisu keessa seenaa jechaa jiru. Kana mootummaan Itoophiyaa hin fudhatu," jedhan.