Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suupper Liigii: Kilaboonni gurguddoo kubbaa miilaa Awurooppaa maaliif liigii haaraa jalqabuu barbaadan?
Karoorri kilaboonni gurguddoon kubba miilaa Awurooppaa liigii haaraa 'Suupper Liigii Awurooppaa' jedhamu jalqabuuf ibsan qeeqamaa jira.
Kilaboonni liigiicha hundeessuuf waliigalan 'ESL' kun kubba miilaa hunda fayyada jedhan, kaan ammoo karoora ofittummaa irra maddedha jechuun qeequun.
Karoorichi maali?
Kilaboonni gurguddoon 12 tahan waliigaltee liigicha hundeessuu yoo mallatteessan isaan keessaa jaha kilaboota Piriimer Liigii Ingiliziiti.
Arsenaal, Cheelsii, Liiverpuul, Maanchister Siitii, Maanchister Yuunaayitidii fi Tootenahaam yoo tahan kaan ammoo AC Miilaan, Atileetiikoo Maadird, Inter Miilaan, Baarseloonaa, Yuunavtas,fi Riyaal Maadirididha.
Kilaboonni liigicha hundeessan torban gidduutti dorgommicha gaggeessuu kan barbaadan yoo tahu liigii biyyaalessaa keessa jiran keessattis itti fufuun dorgomu.
Suupper Liigiin Awurooppaa garee 20 kan of keessatti qabata jedhamee yaadame. Kilaboota liigicha hundeessan 12 fi sadii ammoo amma itti dabalamu jedhamee kan eegamudha. Isaan miseensota dhaabbataa yoo tahan, dorgommicha keessaa qabxii xiqqaa yoo fidanis gadi bu'uu hin danda'an.
Miseensonni shan kaan ammoo dorgommii wagga waggaan gaggeeffamuun dorgommichaaf darbuu danda'u.
Dorgommiin haaraan kun Shaampiyoonsi Liigii amma gaggeeffamu kan morkatu yoo tahu, adunyaa irratti dorgommii kilaboota gurguddaa isa ol aanaa taha.
Karoorri kun maaliif baay'ee mormame?
Tarkaanfiin kun deeggartootaa, xiinxaltoota kubba miilaa fi dhaabbilee bulchiinsa kubba miilaa mormameera.
Miseensotni 15 liigichaa carraan itti dorgommicha keessaa bahan waan hin jirreef, kubba miilaa sadarkaa ol aanaa dorgommii cufaatti gaggeeffamudha jedhan qeeqxonni.
Piriimer Liigiin '' qajeelfamoota dorgommii banaa fi duudhaa ispoortii kan miidhudha'' jedhe.
Ministerri Aadaa Oliiver Doowdeen, karoorichi caasaa piraamidii kubba miilaa Ingiliz, kan ''fandiin piriimer Liigii milkaa'aa adunyaa liigota irraan hanga hawwaasa naannootti gahu,'' miidhera jedhan.
Kana malees sodaa liigiichi hordoftoota TV guddaa liigota jiran, kan akka Piriimer Liigii Ingilaandii fi Seeri A Xaaliyaanii irraa irraa fudhachuu danda'a jedhus fideera.
Gareen kun maaliif Suuppar Liigii hundeessan?
Maallaqa argachuun humna duuba jirudha. Galiin kilaboota kubba miila sababa weerara koroonaavaayirasiin, deeggartootni dirree keessaa dhabamuu fi yeroon taphaa jeeqamuu isaa irraa kan ka'e miidhameera.
Kilaboonni gurguddoon taphattoota cicimoo miiliyoonotaan kaffalaniif waan qabaniif sun kaffalamuu qaba.
Kilaboonni hundeessanis qooda 3.5bn (£3bn) kan tahu qabaatu.
ESL akka jedhetti, kubba miilaa Awurooppaaf ''kaffaltii waliigaltee'' kan dorgommiin kilaboota Awurooppaa amma kaffalaniin ol nan kaffala jedhe.
Dorgommiin haaraan ammaa kun ''guddina dinagdee jabaa tahe kan qabuu fi yeroo dheeraa keessas kubba miilaa Awurooppaaf deeggarsa kan taasisudha'' jechuun falma.
Yoom jalqaba?
Akka Wixinee qabameetti ESL wagga waggaan ji'a Hagayyaa keessan kan jalqabu yoo tahu ''hamma danda'ametti yeroo dhiyootti'' akka eegalamu yaadama.
Gareen kilaboota 20 bakka lammatti 10, 10 tahuun qoodamuun dirree isaaniif dirree isaaniin ala wal dorgomu.
Garee lamaan irraa tokkoo hanga sadiitti warri bahan dorgommii xumura maayiif darbu. Warrii 4ffaa fi 5ffaa bahan ammoo tapha'a mo'atanii darbuu taphachuun bakka kileboota lamaa hafan guutu.
Haala kanaan akkuma dorgommii Shaampiyoonsi Liigii tapha deebiin wal mo'atanii darbuutti kan gaggeeffamu taha.
Kan xumuraa waancaaf taphatamu ammoo ji'a Caamsaa keessa dirree kileboota lamaaniin alatti gaggeeffama.
Dorgommichi akka hin jalqabneef maaltu godhame?
Uefa, Dhaabbatni bulchiinsa kubba miilaa Awurooppaa, karoorri dorgommii Shaampiyoonsi Liigii kileboota 36 of keessaa qabu hundeeffama Suupper Liigii ni hanbisa jechuun abadata.
Qaamoleen bulchiinsa ispoortii, ''tokkummaan'' liigiin kun adda cabee akka hin hundoofne seeraa fi tarkaanfii gama ispoortii jiruun dura dhaabbanna jedhan.
Uefa' Bulchiinsi kubba miilaa Awurooppaa, kilebootno dorgommicha keessatti hirmaatan, dorgommii biyya keessaa hundaa, sadarkaa Awurooppaa fi sadarkaa adunyaatti jiru keessaa akka haqaman ibse.
Taphattootnis dorgommii Waancaa Adunyaaf biyya isaaniif akka hin taphanne dhorkamuu akka danda'an akeekkachiise.
Maaltu itti aana?
Amma irra caalaan isaa kilebota sichi ESL kana seenuuf mallatteessan irratti hundaa'a. Kilebootni gurguddoon Faransaayii fi Jarmanii akka hin fudhanne himaniru.
Federeshiniin Kubba Miilaa Adunyaa, Fifa'n kana dura Liigiin Awurooppaa adda cabuu akka hin fudhanne ibseera.
Ibsa xumura torbee kanaa irratti, Fifa'n ''akka kuffise'' ibsuun qaamoleen maricha keessatti hirmaatan hundi karaa tasgabbii qabuu fi yaada madaalawaa taheen akka mari'atan waamicha taasiseera.
Kana gidduun ammoo ESL qoqoobbii Uefa yookaan Fifa'n hundeeffama liigichaa irratti dabarsuu dhaabsisuuf yaalaa jira.