Obboleessi quxisuu Joorji Filooyid mana murtiitti dhihaatee ragaa bahe

Madda suuraa, Rooyitars
Obboleessii quxisuun Joorji Filooyid wayita abbaan alangaa himata qondaala poolisii ajjeechaan himatameeratti mirkanneessuuf jedhutti "obboleessa koon dhabe" jedhe wayita raga bahiinsaaf dhiyaate.
Bulchiinsi Minisootaa torban lamaa oliif dhimma qondaala poolisii Filooyid ajjeesuun himatame Derek Chaavin irratti falmii gaggeessu hordofee, gareen ittisa Chaavin himata dhiyaaterratti Kibxata ibsa kennuu eegala.
Aab Derik Chaavin erga Caamsaa darbe morma Filyood irra jilbeeffachuun erga hidhamee as dhimmisaa qoratama ture. Taatullee Chaavinn himata irratti dhiyaate hin amanne, haalera.
Kun otoo kanaan jiruu, dargaggoon gurraachi ganna 20 rasaasaa poolisiin adiin tokko dhukaaseen tibbana ajjeefamuun muddama Minisootaatti hammeessera.
Sirumaa iddoon daraggoon sun itti ajjeeffame mana murtii dhaddachi Chaavin itti gaggeeffamurraa 10km qofa fagaata.
Dhaddachi Chaavin immoo sirnaan hordofamaa jira.
Viidiyoon nama gurraacha Aab Chaavin wayita morma Filiyood irratti jilbeeffatu agarsiisu addunyaarratti mormii jibba sanyummaan walqabatuu fi imaammata Ameerikaarratti kaase ture.
Obboleessi Filooyid Maal jedhe?
Filoniis Filooyid ga’eessi ganna 39 obboleessa isaa ‘hogganaa maatii keenyati’’ jedhee yaadate suuran ijoollummaasaanii mana murtiitti wayita mul’ifamaa turetti.
Filoniis obbolessa isaa angafa ilma Aayyaa isa guddaa ykn "a big mama's boy" jedhe waame.
Kana malees, yeroo hunda tapha viidiyoo taphachuun akka wal dorgomaa turan fi maayirrattimmoo akka inni injifatu fi yeroo sana yaadate akka gammadu fa’aa dubbate.
Filoniis imimmaan buusaa, akkatti obboleessi isaa gaafa haatisaanii awwaalamte boo’e kaasuun, lamaan isaanii du’aan akka ofi cinaa dhabe haasa’e.

Odeessaalee Joorji Filooyid biroo:

Namoonni ajjeecha sana argan maal himan?
Ispeshaalistiin wal’aansa onnee Chikaagoo keessa maadheffate Dr Jonaatan Rich, Joorji Filooyid dhibee onneetiin akka hin duune ykn immoo dawaa humnaa ol fudhachuun akka hin duune yaada oguummaasaa mana murtiif hime.
Galmee fayyaa isaa bara 2018 irraa kaase jiru wayita hubachiisu rakkoolee akka dhiibba dhiigaa fi araada qorichaa akka qabu garuu dhahannaa onneen wal qabatee rakkoo duraan akka hin qabne kaase.
Sirumaa "onnee addatti cimaa ta’e qaba" jedhe.
Hakiimni kun itti dabaluun wayita dubbatu, viidiyoon Filooyid suuta, adadumaan akka du’uuf sababa kan ture hukkamamuu isaa ta’u dubbate.
Pirofeessarri seeraa fi ogeessi dhimma tarkaanfii humnatti fayyadamuu Sez Istohutooni akka jedhanitti, Chaavin fi poolisoonni wajjin jiran Filooyid qabuuf tarkaanfii humnaa olii fi sababa quubsaa hin qabneef akkasuma sirrii hin taane fayyadamuu ibsaniiru.















