Maatiin Joorji Filooyid beenyaa doolaara miiliyoona 27 argachuuf

Joorji Filooyid

Madda suuraa, TWITTER/RUTH RICHARDSON

Bara darbe magaalaa Miniyaappoolis keessatti poolisoota adiidhaan haala suukanneessaan kan ajjeefame namni gurraachi Joorji Filooyid jedhamu ajjeefamuunsaa addunyaarratti mormii cimaa kaasisee ture.

Maatiin nama kanaaf beenyaan doolaara Ameerikaa miiliyoona 27 akka kaffalamuuf waliigalteerra ga'ameera.

Wayita poolisii adiin Deerik Chooviin jedhamu morma nama gurraachaa Joorji Filooyid irra jilbaan dhaabbachuun hafuura kutee ajjeesu viidiyoon waraabame Ameerikaa irra darbee addunyaa guutuu irratti dheekkamsa guddaa kaasisee ture.

Viidiyoon kun abukaatoon maatii haqaa fi jijjiiramaaf akka onnatanii falmataniif isaan kakaaseera.Abbootii seeraa dhimma qondaala poolisii ajjeechaa raawwatee qoratan filatamaa jiru.

Dhaddacha fuuldura kanatti dhimmicha ilaaluuf abbootii seeraa barbaachisan 12 keessaa hanga ammaatti ja'a filatamaniiru.

Manni Maree Bulchiinsa magaalaa Miniyaappoolis beenyaan kun akka kaffalamuuf sagalee guutuun mirkaneesseera.Beenyaan osoo manni murtii yakka raawwatamerratti murtee hin dabarsin kaffalamu kun isa baayyee guddaadha jedhameera.

Abukaatoon maatii Filooyid Been Kiraamp,'' beenyaan ajjeechaa kanaaf kenname xiyyeenyaan lubbuu nama gurraachaafis kennamaa jiraachuu mul'isa. Ergaa guddaa qaba. Poolisiin nama gurraacha irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwachuu dhaabuu qaba,'' jedhe.

Waxabajjii bara 2020 keessa Joorji Filooyid erga ajjeefamee ji'a tokko booda abukaatoowwan maatii isaa himata banan.

Qondaaltonni magaalattii humna poolisii isaanii karaa naamusa qabuu fi ga'umsa sirriin leenjisuu dhabuun maal na dhibdeedhaan bira darbaniiru jechuunis falmaniiru.

Nama Joorji Filooyid ajjeese kan waggoota 19'f miseensa poolisii magaalattii ta'e irratti komiiwwan hedduun dhiyaataniiru.

Qondaalli poolisii duraanii kun yakkoota irratti dhiyaatan hundaan yoo adabame waggaa 65 mana hidhaatti dabarsuu danda'a.