Poolisiin duraanii ajjeechaa Joorji Filooyidiin shakkame gibira waliin dhahuun himatame

Madda suuraa, AFP
Qondaalli poolisii Miniyaappoolis duraanii nama gurraacha Joorj Filooyidiin ajjeesuun shakkame yakka gibira waliin dhahuun himatameera.
Direek Chiyooviiniifi haatiwarraa isaa galii hojiiwwan garaagaraa irraa argatan gabaasuu dhiisuun himatamniiru. Maallaqa doolaara 38,000 tahus mootummaaf hin galchine jedhamaniiru.
Poolisiin kun namni gurraachi Joorj Filooyiid Caamsaa keessa osoo lubbuun hin darbiin dura mormasaarra daqiiqaa sagaliif jilbeeffatee hafuura isa dhorkee ture.
Gochi kun akka addunyaatti mormii kan kaase yoo tahu,hojimaatni poolisii illee akka haaromsamu taasisee jira.
Direek ajjeechaa sadarkaa lammaffaan kan himatame yoo tahu, isa dabalatee poolisoonni ajjeechaa Joorj Filooyid irratti hirmaatan jedhaman hojiirraa ari’amaniiru.
Haati warraa Direek gibira sobaa galmeessisuufi waliin dhahuun Waashingitanitti himatamtee jirti.
Lamaan isaanii galii doolaara 464,433 bara 2014-2019 argatan beeksisuu dhiisuun himatamaniiru. Galii kana Direek hojii eegumsaa dabalataafi guyyaa boqonnaatti immoo reestoraantiitti dalaguun kan argatanii dha.
Abbaan alangee Imraan Alii gibirri isaan otoo hin kaffalaiin hafan hanguma qorannoon itti fufeen dabaluu danda’a jedheera.
Ajjeechaa Joorji Filooyidiin booda haati warraa Direek gaa’elaan turuu akka hin barbaanne beeksisuun wal-hiikaniiru.
Abbaan alangee taaksii kaffaluu dhiisuun,’’qarshii kiisii lammiilee keessaa hanga fudhachuuti,’’ jedheera.
‘’Poolisiis taate, hakiima yookiin abbaan alangee eenyuyyuu seeraa ol miti,’’ jedheera.














