Ajjeechaa Joorji Filooyid irratti poolisiin ragaa dabalataa argate ibse

Joorj Filooyid

Madda suuraa, TWITTER/RUTH RICHARDSON

Ibsa waa'ee suuraa, Joorj Filooyid

Qondaalli poolisii lammii gurraacha Ameerikaa mormarra jilbeeffachuun ukkaamsee ajjeese yeroo Joorji Filooyid hafuura baafachuu dadhabee wixxifatutti akka hin dubbanne dhorkaa turuu ragaaleen mana murtii mul'isan.

Joorji Filooyid yeroo poolisichi mormarra jilbeeffatee turetti hafuura baafachuu akka hin dandeenyee ibsuun maqaa haadha isaatiifi ijoollee isaa waamaa akka ture sagaleen kaameraa qondaala poolisichaarraa argame mirkaneesseeera.

Odeeffannoowwan argaman karaa abukaatotaa poolisoota ajjeechaa sanaan himataman keessaa tokko irratti akka ragaatti mana murtiitti irratti dhiyaateera.

Poolisoonni afur ajjeechaa Joorji Filooyid keessaa harka qabu jedhaman batalumatti hojiirraa ari'amanii himannillee irratti banameera.

Kessatti ammoo morma Joorji Filooyid irra jilbeeffachuun kan ajjeese Deerik Choviin ajjeechaa sadarkaa lamaffaafi himannaan biroo hedduun irratti dhiyaataniiru.

Poolisoonni sadii isa waliin turan Tomaas Leen, Aleksaander Kungiifi Tuu Taam ajjeechaa sana keessatti tumsa gochuufi hirmaachuun himannaan irratti banameera.

Abokaatoowwan Tomaas Leen himanni isarratti baname akka kufu wayita gaafatanitti ture kan ragaan barreeffamaa jechoota Jorji Filooyis sa'aatii dhumaatti dubbate akka dhiyaatu kan ta'e.

Hanga ammaatti ajjeefamuu Joorji Filooyid ilaalchisee ragaan namni hundinuu beeku viidiyoo dubartiin ijaan argitee waraabde qofa ture.

Sagaleen argame maal jedha?

Viidiyoon mana murtiitti ifa ta'e kun tokko tokkoon barreeffamee taateewwan yeroo ajjeechaa sana turan irratti odeeffannoo ifa ta'e akka kennu himameera.

Viidiyoo kaameraa laphee miseensota poolisii irratti hidhameen waraabame kanaan Joorji Filooyid daandii Miniyaapoolis irratti yeroo poolisiitiin ukkaamfamee qabametti si'a 20 ol hafuura baafachuu akka hin dandeenye dubbachaa ture.

Joorji Filooyid dolaara abbaa 20 sobaa fayyadamuudhaan sijaaraa bitachuuf ture jechuun ture kan poolisootaan to'atame.

Cancalaan akkuma harki isaa hidhameen lafarra ciibsanii poolisichi morma isaarra jilbeeffatee turetti Joorji Filooyid hafuura baafachuuf wallaansoo qabaa "na ajjeesuufii" jechuun dubbachaa ture.

Yeroo kanatti poolisichi 'dubbachuudhaaf kan qilleensa argatte akkamitti hafuura baafachuun dadhabe jetta' jechuun, "waan tokko hin dubbatiin, hin iyyiin," jechuun yeroo akkeekkachiisu ni dhaga'ama.

Haadha isaa irra deddeebiin waamaa "na ajjeesuufi, haadha koo sin jaaladha, ijoollee kootti akkan isaan jaaladhu naaf himi" jechaas ture.

Akka odeeffannoon ifa bahe kun agarsiisutti, yeroo poolisootaan to'atamerraa kaasee ajajamaa kan tureefi yeroo poolisoonni gara konkolaataa isaa dhufanillee irra deddeebi'uudhaan dhiifama isaan gaafataa ture.

Odeeffannoon amma argame kunis ajjeechaa Joorji Filooyid baatii Caamsaa keessa Ameerikaafi kutaalee addunyaa gara garaa keessatti dheekkamsa kaasise ilaalchisee wanta taateewwan dhumaa ifatti agarsiisa.