Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daunte Wright rasaasaan rukutamee kan du'e 'dogoggoraani'
Namni gurraachi US magaalaa Biruukliin Seentar, Minesootaa keessatti argamtutti rasaasaan kan rukutame dogoggoraani, jedhan ajajaan poolisii naannichaa.
Poolisittiin nama ganna 20 Daantee Raayit meeshaa adoochuun rukutuuf jettee dogoggoraan shugguxii fayyadamte, jechuun Ajajaan olaanaa Tiim Gaanan riippoortarootatti himani. Daantee Raayit rasaasaan kan rukutame 'dogoggoraani'
Poolisiin nama kana rukutte Kiim Pootar akka jedhamtuufi humna poolisii magaalaa Biruukliin Seentar keessa waggaa 26’f hojjachaa akka turte boodarra himame.
Du’aatiin Abba Raayit mormii kan kaase yoo ta’u, seerri sochii sa’aatii darbaa labsameera.
Wiixata halkanis mormitoonni seera ba’e cabsuun fuuldura waajjira poolisii magaalattiitti walitti qabamaniiru.
Akka namni mormii kana arge jedhutti, mormitoonni muraasni richitiifi qaruuraa poolisootatti kan darbatan yoo ta’u, poolisiinis gaasii imimmaanessuufi boombii ifa baasu dhoosaa turani.
Naannoo Miniyaapooliis bakka Joorji Filooyid itti ajjeefametti poolisiin himatame dhaddacha wayita hordofaa jiru kanatti haalli jiru hamaadha.
Daanteen Dilbata darbe seera tiraafiikaa cabsuun konkolaataa akka dhaabu taasifamee, wayita konkolaataatti deebi’uuf jedhu poolisii waliin wallaansoo keessa seenee ture.
Viidiyoon kaameeraa poolisittiin keewwattee turteen waraabame ajajaa poolisii Tiim Gaananiin kan agarsiifame yoo ta’u, Daanteen wayita poolisoonni daandii cinatti harka hidhuuf jedhan diduun konkolaataatti seenuuf yoo jedhu mul’isa.
Achirrattis poolisiin tokko ‘Teezar, Teezar, Teezar’ (meeshaa adoochaa) wayita jettu dhaga’ama.
Adoochaan (Teezar) rasaasa fakkeessaa osoo hin fayyadamin dura hojiirra kan ooludha. Abba Daanteenis konkolaataa kaafatee yoo sokku, poolisiidhumti sun ‘Rasaasaanan rukuteen’ yoo jettu dhaga’ama.
Rasaasaan kan miidhame Daanteenis xiqquma akka deemeen konkolaataan wayiin walitti bu’e.
"Poolisittiin meeshaa adoochuun rukutuuf jetteetu dogoggoraan rasaasa fayyadamte jedheen amana" kan jedhan Tiim Gaanan, itti dabaluun, ‘‘miiraafi gadda namootatti dhaga’amu xiqqeessuuf wantan jedhu hin qabu’’ jedhani.
Poolisittiin adabbii hojiin boqonnaa akka baatu taasifameera.
Achuma waltajjii wal-fakkaatu irratti Kantiibaan magaalaa Biruukliin Seentar Maayik Eeliyat ‘‘Humna qabu hundaan Daanteef haqni akka ba’u nan carraaqa,’’ jedhan.
Mormiifi seera sa’aatii darbaa
Akkuma duuti Daantee dhaga’ameen mormiin magaalaa Biruukliin Seentar gooluu eegale.
Mormitoonni dhibbaan lakkaa’aman fuuldura waajjira poolisii guddichatti maqaa isaa waamaa walitti qabamani.
Manneen daldalaa naannoo sanatti argaman cabsamuun saamichi waan hammaateef Magaalaa Miniyaapooliis fi Seenti Pool keessatti anga’oonni seera galgala sa’aatii 1:00 hanga barii sa’aa 12:00 manaa ba’uu dhorku akka labsamu godhani.
Kaleessa lafti yoo dimimmisuu eegalu poolisiin mormitoonni akka bittinnaa’an itti himus jarri achii deemuu waan didaniif gaasii imimmaanessuufi boombii ifa baasutti fayyadamuu gaazexessitoonni bakkichatti argaman gabaasaniiru.
Miseensonni Eegdota Biyyaalessaa dhaddacha Deereek Chaawuviin eeguuf ramadaman gara Biruukliin Seentaritti akka deeman taasifameera.
Maatiin Daantee Raayit maal jedhani?
Haati isaa Keetiin ‘‘Onneen koo bakka kumatti ciramtee jirti… baay’een isa yaada,'' jette.
‘‘Ilmikoo jireenyakoo ture, deebisee hin argadhuuni’’ jette Wiixata galgala keessa.
"Dogoggoraan? Osoo itti hin yaadin?"
Ilmishee wayita tiraafiikaan qabametti bilbileefii akka ture himte. Urgooftuun daawwitii duuba konkolaataa ittiin ilaalu irratti rarra’ee waan tureef akka dhaabsifame itti himuufi takka turees wallaansoo akka dhageesseefi bilbilli adda cituu himte.
"Xiqquma turee wayitan bilbilu jaalalleen isaa waliin turte bilbila kaasuun rasaasaan rukutamuufi lubbuun darbuu natti himte.''