Kitaabni qorannoo 'Saddoo Gadaafi Mirgoota Dubartootaa' jedhu eebbifame

Kitaabni qorannoo Afaan Ingiliziitiin dabalatee afaanota sadiitiin qophaa'e 'Saddoo Gadaa' jedhu eebbifame. Kitaaba kana dhaabbata miti-mootummaa 'CARD Ethiopia' jedhamu waliin ta'uun kan qopheessan Gargaaraa Piroofeesaraa Muluqan Kaasahun.

Jaarmiyaaleen aadaa hawaasa keessatti raawwataman mirgoota dubartootaa kabachiisuu keessatti gahee isaan bahaa jiran kitaaba kana keessatti bal'inaan qoratameera.

Barreessaan kitaabichaa Gargaaraa Proofeesaraa Muluqan, kitaaba kana barreessuuf gosoota Oromoo 10 Godinaalee 12 keessatti qorannoo gaggeessuu himan.

"Kitaaba kana barreessuuf qorannoo kanin jalqabe Adoolessa bara 2012. Kanarratti maanguddoota, Abbootii Gadaa, Haadholii Siiqqee, barreessitootafi gaazexeessitoota irraa bifa af-gaaffiifi mariidhaan ragaan funaanameeti," jedhan.

Kitaabichi mata-duree ''Saddoo Gadaa'' jedhu kan qabaates sirni, dimokitaartawaas abbaa irrees ta'uu dandaha kanaaf 'Sirna Gadaa' jechuurra 'Saddoo Gadaa' jechuun filatames jedhan.

Kitaabni kun jaarmiyaaleefi ta'iiwwan aadaa dhimma dubartootaa irratti xiyyeefatan 50 tahan akka hammates dubbatan.

Kitaabni Afaanota Sadiin qophaa'e kun Oromoon osoo sirni dimikiraasii ammayyaa hin dhufin irraa kaasee hangam akka mirga dubartootaaf xiyyeefannoo kennaa dhufe kan mul'isuudhas jedhan.

Seeronni aadaa kunneen gara caalu mirga dubartootaa kan kabachiisan tahanis, dhimmoota akka fuudha irratti fuudha heeyyamuu, dubrummaa, dhaalaafi kanneen biroo irratti garuu seerota ammayyaa waliin walitti bu'us jedhan.

Itoophiyaan 'Feestivaala Dubartoota Itoophiyaa' UNESCO irratti galmeessisuuf hojjechaa jirti kan jedhan barreessaan kun, piroppoozaala UNSCO'f ergame irratti garuu aadaa dubartoota kaaba Itoophiyaa qofatu eerame jedhan.

Kanaaf, aadaan hawaasa bal'aa hanga ammaatti hojiirra jiru kunis xiyyeefannoo argachuu male jedhu.

Jaarmiyaaleen aadaafi ta'iiwwan aadaa mirga dubartootaa kabachiisuuf gargaaran kunneen gara seera ammayyaatiin akka deegaramaniif hojjetamuu akka qabus dhaaman Gargaaraa Piroofeesaraa Muluqan.

Naannoon Oromiyaa dhimmoota aadaa wajjin walqabatan kan itti ilaalamu mana murtii aadaa hundeessuuf sochiin jalqabamuunsaa manni murtii waliigala Oromiyaa ibsee ture.