Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galuun siyaasa yeroon walqabataa?
Biiroon Barnootaa Oromiyaa barnoota Sirna Gadaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa Oromiyaa keessatti ALI bara 2013 irraa eegalee barsiisuuf qophaa’uu beeksise.
Hoogganaa Itti aanaa biiroo kanaa kan ta’an Dr. Galaanaa G/Mikaa’eel, waajirri isaanii barnoota Sirna Gadaa sirna barnootaa keessa akka galu gaaffiin waggootaaf gaafatamaa ture amma furmaata argachuu BBC’f himan.
Haala amma jiruun kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa qophaa’uu Dr. Galaanan himaniiru.
Gosti barnootaa Sirna Gadaa duudhaalee Sirna Gadaa keessa jiran hunda isaanii boqonnaa fi umriin qoodee barattootni akka irraa baratan gargaara jedhan.
Kitaabnii barataa fi qajeelchi barsiisaa kan hanga kutaa afurii jiru xumuramuu fi kan 5-8 jiru ammoo barreefamaa akka jiru himameera.
Barnootni haaraan kun manneen barnootaa Oromiyaa keessatti Afaan Oromoon barsiisan hunda keessatti akka kennamu Dr. Galaanan himaniiru.
''Oromiyaan alatti ijoolleen Afaan Oromootiin barattu kan Finfinnee jirtu, kan Hararii jirtu kan Gaambellaa jirtu, kan Beenishangul jirtus ni fudhatti,'' jedhan.
Manneen Barnootaa Oromiyaa keessatti Afaan Amaaraan barsiisaan ''fedha isaaniirratti hundaa’uun, duudhaan, aadaan Oromoo, safuun Oromoo nu fayyada yoo jedhan ni fudhatu,’’ jedhan Dr, Galaanaan.
Haata’u malee kitaabileen barataa amma qophaa’an akkasumas qajeelchi barnotaa qophaaye ammatti Afaan Oromoon qofa akka qophaaye dubbataniiru.
''Fuula duratti suuta suuta waliigalteen biyyaalessaa hamma uumamutti dirqisiisuudhaaf fedha hin qabnu.’’
Barsiisonni gosa barnootaa kana barsiisuuf fedha qaban filatamanii leenjiin akka kennamus Dr. Galaanaan himaniiru.
Fuula duratti ''barsiisaa of danda’ee sirna Gadaan eebbifametu barsiisa,'' jedhan.
Qabiyyeen barnoota kanaa duudhaalee garaagaraa sirni Gadaa of keessatti hammatu hunda kan of keessaa qabu ta’ee, gulantaalee barnootaa jiran keessatti dandeettii hubannaa barattootaa haala gituun qophaa’uullee dubbatan.
Barsiisa barnoota idileen duraa, mirga dubartootaa, qabiinsa qabeenya uumamaa dabalatee walitti bu’insi akkamitti Sirna Gadaa keessatti akka furamu, barattootni gosa barnootaa kan keessatti ni baratu jedhan.
''Walumaagalatti duudhaa sirna Gadaa ijoolleen ittiin guddachuu qaban hunda kan of keessaa qabudha,’’ jedhan.
Barnoota sadarkaa lammaffaa keessatti gosa barnootaa kana galchuuf kanirratti hojjetamu ta’uunillee ibsameera.
Sirna barnootaa keessa galuun siyaasa amma jiruun walqabataa?
Sirni Gadaa akka gosa barnootaa tokkootti akka kennamu ta’ee sirna barnootaa keessatti galuun isaa tibba kana dhaagahame.
Oromiyaa keessatti keessumaa haala siyaasaa amma jirun mootummaan gaaffiifi dantaa Oromoof xiyyeeffannoo kennaa hin jiru komiin jedhu akkasumas mormiin irratti dhagahamaa jiru callisiisuuf Sirna Gadaa itti fayyadame jedhu qeeqxonni mootummaa.
Hoogganaa itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaan ''kana wanti siyaasa waliin walitti isa fidu hin jiru,'' jedhu.
''Gaaffiin kun waggaa 20 oliif gaafatamaa ture. Erga jijjiiramni dhufees biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin sirna barnootaa keessa galchuuf hojjechaa turre. Amma kan eegale miti,’’ jedhu.
''Ji’a sagal duras ogeeyyii walitti fidnee akkamiin sirna barnootaa keessa galchuun akka danda’u marii eegalle,'' kan jedhan hooggnaan kun, sababa Covid-19’n hojiin kun hanga tokko harkifachuu dubbatan.
'Halkanuma tokkotti siyaasa wayiitu dhalate jedhamee sirni barnootaa qophaa’u hin jiru. Waan uummata fayyaduuf hojjechaa jirra,’’ jedhan.
Qophiin guutuun ogeeyyii sirna Gadaa qo’ataniifi sirna kana jiraataniin kanneen Oromiyaa nannoolee hundarraa irratti hirmaataniin gosti barnootaa kun qophaayaa jira jedhan Dr. Galaanaan.
Sirni Gadaa Hambaa Killiyyaa Addunyaa jedhamuun bara 2016’tti UNESCO’n galmaahe.
Magaalaa Finfinnee keessatti gosti barnootaa kun manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa hunda keessatti ni kennama jechuun odeeffannoon dogoggoraa miidiyaalee hawaasaa qabate madda falmii ture.
Gariin kennamuu isaa yoo deeggaran kaan ammoo cimsanii mormaniiru.
Dr. Galaanaan lammiileen Itoophiyaa hundi Hambaan Kiliyyaa addunyaa kun nuufis ni hojjeta barachuu qabna jedhanii yoo itti amananiifi waliigalteen irra gahame ni kennama; kanaan achi nama kamirrattuu fe’uu hin feenu jedhan.