Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mohaammad Daksiisoo eessa akka geeffame erga wallaallee torbee darbeera'- Maatii
Sagantaa eebba barattoota Yunvarsiitii Jimmaa baranaa irratti sagalee mormii namoonni siyaasaa hidhaarraa akka gadhiifamaniifi haqa Haacaaluu Hundeessaatiif jechuun sagalee erga dhageessiseen booda ture dargaggoo Mohaammad kan too'atame.
Ergasiis hojjettoota Yunvarsiitii Jimmaa lama waliin hidhaa erga tureen booda yeroo lama galmeen himata adda addaa irratti banamee ture.
Hojjettoonni Yunvarsiitii Jimmaa lamaan boodarra wabiidhaan gadhiifamaniiru.
"Himanni jalqabaa jeequmsa kakaasuu kan jedhuun kan himatame. Ergasii galmeen kun gaafa Gurraandhala 17 bara 2013 cufamnaan ammoo galmee haaraa magaalaa Jimmaa keessatti boombii harkaa dhoosuu jedhuun si'a lama mana murtiitti dhihaatee ture," jedhan abukaatoon isaa Obbo Obsinaan Girmaa.
Barsiisonni Yunvarsiitii Jimmaa 10 biroon ammoo xumura torbee darbeetti to'annoo jala oolfamuun, ''yakka mootummaa fonqolchuu'' jedhuun himatamuun Wixata darbe mana murtiitti dhiyaatanii ture.
Dargaggoo Mohaammad yakka ittiin himatame kanaan mirgi wabii isaa eegamee akka bahu yeroo lama manni murtii ajajus poolisiin osoo hin raawwatin tureera.
Ta'us Bitootessa 23, 2013 wabiidhaan akka bahu ta'ee namootaanis erga walargeen booda osoo hin fagaatin qaamni nageenyaa deebisee akka to'atee tures himan.
Dargaggoon kun erga guyyoota saddeetiin dura qaama nageenyaatiin fudhatamee hanga ammaa eessa akka jiru hin beeknu jedhan maatiin.
Obboleessi isaa Sulxaan Daksiisoo BBCtti akka himetti, Mohaammad achi buuteesaa erga wallaallee amma guyyoota saddeet ta'eera jedha.
Kanaanis maatiin dhiphina hamaa keessa jiraachuu hima.
"Uffatumallee kan ofirratti uffateen ala waan tokko hin qabu ture gaafa fuudhanii deeman. Amma eessa akka geessan beekuu hin dandeenye. Buufata waraanaa keessa galchan kan jedhu oduu dhageenya malee homaa mirkaneefachuu hin dandeenye," jedha.
Abukaatoon isaa Obsinaan gamasaatiin, dargaggoon kun buufataalee poolisii magaalaa Jimmaa keessa jiran lamaan keessa akka hin jirre mirkaneefanneerra jedhan.
Kanaan alatti garuu maamilli isaanii kun maal keessaafi eessa akka jiru beekuun rakkisaadha jechuun dubbatu.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin dhimma dargaggoo Mohaammad Daksiisoo kana itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu himeera.
Komishinichatti Damee Jimmaatti daayireektarri dhimmoota Kominikeeshinii Obbo Dassaaleny Gammachuu BBCtti akka himanitti, bakka dargaggoon kun jiru akka baruuf qaamolee nageenyaa biraa fedhiin jiru gadi aanaadhaa jedhan.
"Poolisii humna addaa Oromiyaa ganama kana gaafannee jirra. Waaree booda ammoo Poolisii Federalaa damee Jimmaa jiru isaan bira akka jiru, yoo jiraatemmoo nageenya akkamiirra akka inni jiru xalayaadhaan gaafachaa jirra," jedhan.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kanaan duras ibsa baasen Mohaammad Deeksisoo atattamaan hidhaatii gadhiifamuu qaba jedhee ture.
Komishinarri Komishinichaa Daani'el Baqqalaa (PhD) akka dubbatanitti, "Naannoo Oromiyaatti kabajamuu dhabuun murtee manneen murtii yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun dhimmi akka malee yaaddessaadha waan ta'eef furmaataafi fala atattamaa barbaada," jedheera.
Komishinichi itti dabaluun, "Manneen hidhaa gara garaa naannoo Oromiyaa keessa jiran ulaagaawwan wabii guutanii garuu hidhamanii jiran akka hidhaatii gadhiifamaniif," gaafachuun isaa ni yaadatamu.
Naannoo Oromiyaatti murteen manneen murtii kabajamuu dhabuun rakkoo mul'achaa jiru ta'uu Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaas kanaan dura BBCtti himee ture.