Waldhibdee daangaa Itiyoophiyaafi Sudaan: Ameerikaaan muddamni akka tasgabbaa'u gaafatte

Guyyaa Wiixataa Ministira Muummee Sudaan waliin marii kan taasisan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan, muddama gama rakkoo daangaa Itoophiyaa waliin jiru akka tasgabbeessuun barbaachisu gaafatan.

''…barbaachisummaa muddama daangaa Itoophiyaa Sudaan naannawa al - Fashagaa jiru tasgabbeessuu'' akkasumas dhimmicha karaa nagaan hikuuf fedhii mul'ateerratti mari'atuun ibsameera jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa US Need Piraayis.

Waajjirri Ministeera Dhimma Alaa US akka beeksisetti marii qondaaltota lamaan irratti dhimmi Hidha Abbayyaas ka'eera.

Baatii Sadaasa darbe lola Tigraayitti eegale hordofee ture Sudaan lafa kiyya jettuurratti waraana kan bobbaaste.

Itoophiyaan immoo adeemsa Sudaan kana 'weerara' jechun ibsuun marii dura waraanni akka bakkicha gadhiisu gaafatte. Lolichas damee waraanaa Sudaanitu afarsaa jira jechuun Itoophiyaan himatti.

Lafti qonnaaf mijatuufi al- Fashagaa jedhamee waamamu erga dhihootti biyyoota lamaan kan wal dhabsiise yoo ta'u, muddama dhalateen lubbuun darbuufi qabeenyillee baduu gama biyyoota lamaanii ibsameera.

Gama kaaniin, jaarsummaan Hidha Abbayyaa dura aantummaa Pirezidantii Rippablika Dimookiraatawaa Kongoon hoogganamu har'a [Kibxata] xumurama jedhamee eegama.

Biliinkan maal jedhan?

Hariiroon Ameerikaan Sudaan waliin qabdu erga bulchiinsi Omaar al-Bashiir bu'e booda haalaan fooyya'eera.

Ameerikaan carraaqqii mootummaan cee'umsaa Sudaan humna siviliin gaggeeffamu 'nagaa buusuuf, dhimmoota naannawaafi diinagdee hiikuufi riformii siyaasaa gaggeessu' akka deeggartu ibsiteetti.

Guyyaa Wiixataa Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook waliin kan mari'atan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkeen, waliigaltee Sudaan hidhattoota SPLM-N Al Hilu waliin taasiste akka Ameerikaan fudhattu ibsaniiru.

Haleellaa imbaasii Ameerikaa Keeniyaa fi Taanzaaniyaa keessa jiran al-Qaayidaan qaqqabsiisef mootummaan Ameerikaa Sudaan himata ture.

Sababa kanaafi kaaniif, walitti dhufeenyi Ameerikaafi Sudaan yeroo dheeraaf laafee ture.

Baatii Mudde darbe garuu Ameerikaan Sudaaniin tarree shororkeessuummaa keessaa haquu ishee beeksiste.

Dhimma Hidha Abbayyaa

Waajjirri Ministeera Dhimma Alaa US qondaaltonni lamaan waa'ee marii hidha Abbayyaa irratti mari'achuullee ibse.

Kana dura Ameerikaan biyyoota sadii araarsuuf jaarsummaa teessuus Itoophiyaan waliigaltee sana keessaa of baasuu ibsiteetti. Kunis, Ameerikaan gara Masriitti caalsifatte jechuun himachuuni.

Ergasii mariin Gamtaa Afrikaatin hoogganame waggaa tokko darbeef Dura Taa'aa gamtichaafi Pirezidantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaaposaatin gaggeeffamaa ture.

Marii kanaan rakkoowwan muraasa furamanis waliigaltee xumuraarra gahuun hin danda'amne ture.

Dura Taa'aa Gamtaa Afrikaa ta'un kan filaman Pirezidantiin Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo Fiiliks Sishekedii, ammaan achi jaarsummaadhaan biyyoota sadan araarsuuf ni carraaqu.

Mariin xumura torban darbe eegalee biyyoota sadii gidduutti taasifamaa turees Kibxata har'aa ni xumurama jedhamee eegama.

Kana dura Masriifi Sudaan Gamtaa Afrikaan ala, UN, USA, akkasumas Gamtaan Awurooppaa qooda jaarsummaa akka qabaatan gaafatanii turan. Haa ta'u malee, Itoophiyaan kana hin fudhanne.

Kana dura ejjennoo Itoophiyaatti dhiheenya qabdu kan qabaachaa turteefi booda Masriitti kan gorte Sudaan akkasumas Masriin; ganna baranaa Itoophiyaan yeroo lammataaf bishaan osoo hin guutin waliigalteen akka taasifamu gaafataniiru.

Itoophiyaan garuu karoorichi akka qabametti ganna baranaa bishaan guutuun ni adeemsifama jetteetti.

Pirojektiin Hidha Abbayyaa yoo xumurame Afrikaarraa ijaarsa guddicha bishaanirraa humna elektirikii maddisiisu ni ta'a.

Itoophiyaan rakkoo ibsaa furuufi diinagdee ishee cimsuuf laga guddicha addunyaa hidhuu ishee ibsituus, Masriifi Sudaan jireenyi lammiilee isaanii bishaaanicharratti akka hundaa'e ibsuun yaaddoo isaanii ibsaa turuun ni yaadatama.