Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ganna dhufu Hidha Haaromsaa Guddicha bishaan guutuun 'haala kamiinuu yeroo biraatti hin dabarafamu'
Marroo lammataaf ganna dhufu Hidha Haaromsa Guddicha bishaaniin guutuuf akka jirtu beeksifte. Sagantaan qabame kun, "Haala kamiinuu yeroo biraatti hin dabarafamuu,'' jedhan Ministirri Bishaanii, Jalliisiifi Aanniisaa Itooophiyaa Injanara Silashii Baqqalaa.
Waggaa 10ffaa ijaarsi Hidha Haaromsaa itti eegale sababeeffachuun Ministeerichi kanneen dhimmicharratti biyyoota biroo waliin mariiyataniifi ogeeyyii biroo hirmaachisuun simpooziyeemii qopheesseera.
Ministirri Haajaa Alaafi walitti qabaan Mana Maree biyyaalessaa deeggarsa hidhichaa Obbo Dammaqaa Mokonniin ''Abbayya misoomsuufi hidha kana xumuruun dhaloota dhufuuf hojjechuurra darbee birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuudha,'' jedhan jechuun EBC'n gabaaseera.
Injinara Silashii Baqqalaa walatajjii kanarratti gannaa kana keessa hidha kana marsaa lammaffaan bishaan guutuun sababa kamiinuu yeroo biraatti hin dabarfamuu jedhaniiru.
Gama kaaniin miidiyaaleen biyya Sudaan gabaasaa akka jiranitti Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook Dhaabbata Biyyaalee Gamtoomanii, Gamtaa afriikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaan marii dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha /GERD/ irratti jaarsummaan akka hirmaatanif xalayaa barreessanii jiru.
Xalayaan Sudaan barreessite kunis biyyoonni sadeen (Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan) waliigalteerra osoo hin gahin Itoophiyaan guutinsa bishaanii marsaa lammaffaa waqtii gannaatti adeemsisuuf karoorfatte akka isaan yaaddesse Ministirri Mummee biyyattii kan ittin ibsan ta'uutu himame.
Ibsa Ministeerri Haajaa Alaa torba torbaniin kennuufi dubbii himaan ministeerichaa Amb. Diinaa Muftii dhimma kana kan gaafatamanii "dhimmichi 'officially' nu bira hin geenye. Garuu kan dhagahaa jirru qaamoleen afran Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa, Gamtaa Afriikaa fi Dhaabbata Biyyaalee Gamtoomanii marii garsadee keessa yaa seenan kan jedhudha," jedhan.
Yaadni Sudaan kun karaa adeemsa isaa eeggaten Itoophiyaa bira akka hin geenye kan himan ambaasaadarichi marii garsadee Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan taasisaa turan keessatti Gamtaan Awurooppaafi Ameerikaa taajjabdummaan, akkasumas Gamtaan Afriikaa qindeessummaan hirmaachaa akka turan himan.
Haata'u malee, yaadni "gaheen taajabdootaa yaa guddatu jedhu gama Sudaanin yeroo dhiyaatu Masriin hin fudhanne. Kanaaf, bittinnaa'e' jedhan.
Waliigalteen biyyaaleen sadeen bara 2015 walif mallatteessan "furmaatni kan dhufu marii biyyaalee sadeen taasisanin qofa" kan jedhu ta'uu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, biyyaalen sadeen mariidhaan waliigaluu kan hin dandeenye yoo ta'e hooggantootni biyyaalee sadeenii mari'achuun mala marii kan biraa akka jijjiiran waliigaltee bara 2015 mallattaa'e kanaan waliigalamuusaa himan.
Kanaaf biyyi tokko mala marii haaraa fiduun hojiirra akka oolu gaafachuun sirrii akka hin taane dubbatan.
Kana malees duudhaa Gamtaan Afriikaa 'rakkoo Afriikaa Afrikaanotaan hiikuu' jedhun rakkinichi akka furamuuf yaada gaarii qabaachuu ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.