Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: 'Obbooleettiin kiyya wayita du'aa turte 'akkan faanashee hordofu natti himte'
Areemaa Nasreen ogummaan narsii kan turte yoo ta'u umuriin baayyee dargaggeetti turte. Isheenis hojjattoota fayyaa jalqaba wayita weerarri dhibee Covid- 19 mudatu ittiin du'an keessaa tokko.
Erga isheen duuteen waggaa tokkoon booda obbooleettiin ishee attamiin jechi dhumaa Areemaa akka kallattii jireenyaa ishee geeddare dubbatti.
Kaazeemaa Afzaal yeroo dhumaatiif obbooleetti ishee kan wal agarteen wayita isheen veenteleetarii argachuuf hospitaalaa galteedha. Lamaan isaanitu umurii shamarrummaatii qabanii oggummaa fayyaa irra hojjatu.
''Isheenis harka ishee raasaa siin jaaladha naan jette'' jetee attamiin karra cufamee duuba akka galte yaadatti Kaazemaan obbolleettii ishee kan umurii waggaa 36.
Garuu Areemaan ergaa dhumaa dabarsitu tokko qabdi ture. ''Akkas jette 'obboleettiikoo.. akka cimtee hojjattuun barbaada. Akka duukaa kiyyaa hordoftuun barbaada,'' jette Kaazeemaan. Dhummarratti kan isheen jette kana ture jetti.
Obboolaa lamaan kunneenis Inglizii, Weest Miidlaands keessatti obboleettii isaani qixusuu Ash waliin guddatan.Areemaanis Kaazeemaa waggaa sadii qofaan caalti turte. Garuu isheen ''akka haadhaa turte'' jetti.
Jireenyi isaaniis waliif ofiilaalii ture. Areemaa fi Kaazeemaa osoo umurii shamarranii keessa jiranu ture gaa'iila dhaabbachuf gara Paakistaan deemanii kan ture.
Isaanis guyyaa tokkootti dhiiroota obboolaatti heeruman. Baatii jahaaf waliin jiraatanis. ''Dafnee guddanee, dafnee ijoollees goodhannee'' jetti Kaazeemaan. Obbolaan kunneenis ijoollee sadii godhataniiru. Sirriyyuu isa dhumaa guyyaa walfakkaatuutti dahanii ture.
Lamaanu hojii eegaluu baayyee saffisaa turan. Areemaan Hospitaalaa naannoo jireenyaa isaaniitti aragamu Maanoriitti waggaa 19tti bara 2003tti eegalte. Obboleettiin ishee quxiuunis dafteetuma ishee hordofte.
Narsii ta'u hawwii obboleetti angafaa kan yeroo hundaa ture. Deeggarsa abbaa warraashee Faasil Taahseentiin, miseensa maatii kan jalqabaa yunvarsitii gale taate.
Bara 2009ttis hosptaalaatti narsii ta'uun hojii itti eegalteetti hojii argatte.
''Inis hawwii yeroo ijoolluummaa ishee ture,'' jetti Kaazeemaan akka kana dhugomfattuuf deeggarsa abbaan warraa obbolleettii ishee taasiiseef galateeffachaa.
''Dubartii Ashiyaatiif erga heerumteen booda barachuun, keessattuu abbaa warraa biyya biraatii dhufeef baayyee rakkisaadha. Garuu inni hanga dhumaatti ishee deegaraa ture. 'Waan barbaadee hojjadhu' jedhaan turees.''
Oggummaan narsummaas amalaafi laphee isheen namaaf qabduu ni ta'a ture.
Baayyee namootaaf kunuunsa taasifti turte jetti wayita mala oboolleettii ishee ibsitus. Kana malees yeroo hunda namoota gargaaruuf maallaqa gara biyyaatti ergaa turu himti.
Dhukkubsattootaafi maatiis hospitaala keessa hijjatuutti haala garaa garaatiin gargaaraa turte. Sababii kanaanis Areemaan Kutaa Wallaansa dhukkubsattoota cimoo (acute medical unit (AMU))tti baayyee beekamu taate. Akkuma baatii sadiif kutaa sana keessa hojjatteen dhukkubbii dugdaa himachuu eegalte.
Maatinis dhiibbaa sochii mana isheetii jedhanii yaadanii ture.
''Gonkumaa dhukkubsattee hinbeektu'' jetti Kaazeemaan. Yoo isheen dadhabbiifi rincicummaan himattu, hunduu baayyee waan hojjattuuf jennee turre. Qufaan boodarra dhufe.''
Bitooteessa bara 2020 wayita waa'ee mallattoowwan weerarichaa wanti beekamuu wan muraasni qofa ture. Areemaanis hojiishee ittuma fufte.
''Dabareen dhumaa baayyee rakkisaa ture,'' jechuun yaadatti haala yeroo sana ture. ''Akka gara manaa galtuuf itti himne isheen garuu turu barbaadde. Afuura baafachuuf rakkataa turte.''
Baayyee dadhabaa wayita adeemtu maatiin ambulaansii waaman. Qorannoo taasifameen sodaan ishee adda bahe.
''Isheenis ergaa barreeffammaa naaf ergiteen Covid-19 qabamuu emoojii boossuu waliin naaf ergite. Isheenis hospitaalichatti hafte. Guyyaa muraasaan booda Sombi kiyyaa guteera'' jechuun erguuf yaadatti.
Achiin kutaa dhukkubsattoonni ciminaan dhukkubasatan itti wallaanama geeffamte.
Kaazeemaan mana haabee fiiguu akka eegalte yaadatti.
Jalqabarratti waan itti fooyya'e fakkaate ture. Booda garuu Areemaan baayyee dadhabaa adeemte.
''Bilbila naaf bilbilanii, 'baayyee gaddinaa' naan jedhan- anis maal jechuudha, obboleettiin kee duute jechuu barbaaddee?'' jedhe.
''Isheenis harka abbaa warraa irratti ture.''
Obboleettiin quxisuunis akka oggummaa ishee hordoftuuf yeroo baayyee obboolaan lamaan ni dubbatu turan. Garuu ishee barnoota sadarkaa lammaaf waan hinxumurreefu hin abdattu turte.
''Gonkumaa hindanda'u, cimtu miti hinjedhiin. Na aman ni dandeessa'' jechaa turte.
Ergasiin boodas sammuu koo keessatti eddoo qabate. Obbolleettii ishee dhabuun kan baayyee ishee miidhe ta'ulleen, Kaazeemaan kutaa obboleettiin ishee keessa hojjataa turteetti oggeettii kunuunsa fayyaa ta'uuf cimina argatte.
Torban kanas kunoo apaarantishippii eegalte jirtii Koolleejjii Waalsaatti. Kunis narsii mirkanooftuu ta'uu daandii kan banuufiidha.
"Irsaasii dhukkubsattootaafi irreegtuu kiyya argadheera. Akka barrattuu mana barnootaattiin gammachuun butadhee fudhadhe,'' jetti gammachu itti dhagahame yoo ibsitu.
Suuraan obbooleettii ishee keenyaa hospitaalichaarratti fannifamee jira. Afuurri ishee ammalleen akka jiruutti yaaddi wayita hirriyyota obboolleettii ishee waliin hojjatuutti.
Yaadannoo Areemaatiinis carraa iskolaarshippii dhaabbateera. Kaayyoonisaas nama oggummaa narsii barachu barbaaduun garuu kanfalachuuf hindandeenyeef deeggarsa maallaqaa barbaaduufiidha. Fayyadamaan jalqabaas dhiyootti beeksiifamuuf jira.
''Leegaasiin Areemaa jiraataa ta'ee itti fufuuf'' jetti Kaazeemaan. Hundi keenyaa waa'ee isheetiin ni boonna.
''Namoonni waan tokko fiixaan baafachu hindanda'u jedhanii yaadanis akka isheen kakka'umsa argatanan barbaada, Ni danda'us,'' jetti.