Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joon Maagufuuli: Covid-19n qabamuu hin oolle jedhamanii shakkamaa kan turan Pirezidantiin Taanzaaniyaa du'aan boqotan
Pirezedaantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin du'aan boqochuusaa Pirezedaantiin Itti-aantuu biyyattii Saamiyaa Suluhuu Hasan ibsa kallattiin TV biyyaalessaarratti kennaniin mirkaneessan.
Akka Pirezedaantiin Itti-aantuu kun jedhanitti, Magufuuliin dhibee onneetiin hospitaala Mzena jedhamu magaalaa daldalaa guddoo Taanzaaniyaa Dar es Salaam keessatti wallaansarra osoo jiranii boqotan.
Oduun du'aan boqochuusaa kun kan dhaga'ame erga torban lamaatii osoo hin mul'atiin turuu isaatiin shakkii Magufuuliin koronaavaayirasiin dhukkubsachuu hin oolle jedhu uumeeti.
Haata'u malee, Pirezedaantiin Itti-aantuu biyyattii ammoo hamii akkasii dhiisaa jetteenii turte.
Ogeessota wallaansa onnee Hospitaala Onnee Jakayaa Kikuweetee irraa dhufaniin yaalamaa turaniiru.
Jalqaba torban kanaa qondaaltonni paartilee mormituu pirezidantichi koronaavaayirasiin qabame jedhanis garuu hin mirkanoofne.
''Har'a gadda cimaan hoogganaa ija jabeessa keenya Pirezidantii Rippablika Taanzaaniyaa Joon Pombee Magufuuli dhabuu keenya isinitti hima, '' jechuun Pirezidantiin Itti - aantuu Saamiyaan kan dubbatan.
Pirezedaantiin Itti-aantuu biyyattii guyyaan gaddaa biyyaalessaa 14 ni labsama jedhan. Alaabaan biyyattii gadi siqee fannifama.
Magufuuiin umurii ganna 61 kan du'an yoo ta'u, pirezedaantii shanaffaa Rippaabilika Taanzaaniyaati.
Onkololeessa bara 2015 ture guyyaa dhaloota isaanii ganna 56'tti pirezidantii ta'un kan muudaman.