Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taanzaaniyaan lammilee Itoophiyaa seeraan ala biyyattii seenan 1,700 gara biyyaa deebiisuuf
Taanzaaniyaan lammilee Itoophiyaa biyyashee keessatti hidhamanii jiran 1,700 biyyatti akka deebistu Wiixata beeksiste.
Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Pombee Magufuulii lammilee Itoophiyaa mana hidhaa biyyattii keessa jiraniif araara kan taasisan wayita Pirezedaantii Itoophiyaa Saahile-warq Zawudee simatanitti ture.
Pirezidaant Saahile-warq daawwannaa hojii guyyaa tokkoof Taanzaaniyaa turan.
Lammilee Itoophiyaa 1,700 hundi isaanii karaa seeraan alaa osoo Tanzaaniyaa seenuuf yaalanii ture kan qabamanii hidhaman.
Tanzaaniyaan godaantota karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaatti dabarfamaniif ulaa tokkodha.
Haaluma walfakkaatuun, waggoottan lamaan darban keessatti Imbaasiin Itoophiyaa Taanzaaniyaatti argamu lammiilee 3,100 ol ta'an hidhaa hiiksiisee gara biyyaatti deebiisuusaa ragaan fuula waajjirrichaa irraa ni mul'isa.
Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Maagufuliin yeroo pirezidaant Saahila Warqiin simataniitti haasaa taasisaniin, "Sababii walitti dhufeenya biyyoota lamaan jidduu jirurraa kan ka'e, lammiilee Itoophiyaa hidhaa jiran bilisaan gara biyyasaaniitti akka deemaniif hayyamuu keenyaa dubbadheera," jedhan.
Lammiilee Itoophiyaa waggoota torbaaf manneen hidhaa biyyattii keessa turan warra hiikaman keessaatti kan argaman ta'uu himan Pirezedaantichi.
Itti-dabaluunis, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa cimaa ta'usaa eeruun, xiyyaara Diriim laayinar kan namoota 260 fe'uu danda'uun xiyyaara 'Air bus' tokko waliin ta'uun balaliinsa yeroo shaniitiin hunda gara biyyaa deebiisuu ni danda'ama jedhan.
Lammiileen kunneen gara biyyaa yoo deebi'an ijaarsa dinagdee biyyasaaniif gummachuu akka danda'anilleen dabaluun himan Maagufuliin.
''Hidhamtoota hundaa fudhachuuf hanga dhuftanitti, kanneen har'a hidhamanii jiranillee akka gadhiifaman nan hayyama.
Kun ammoo walitti dhufeenya gaarii biyyoota lamaa jidduu jiru kan agarsiisuudha,'' jedhan.Pirezedaantiin Itoophiyaa Saahila-warq Zawudee gama isaniitiin, lammileen Itoophiyaa Taanzaaniyaa keessatti hidhaa jiran mootummaan biyyattii akka biyyatti deebiyan hayyamuu isaatiin, mootummaan Itoophiyaa ammoo lammileen kanneen biyyatti deebisuudhaaf waan danda'ame mara ni godha jedhan.
Lammileen Itoophiyaa mana hidhaa Taanzaaniyaa gara garaa keessa akka jiran eeruun, lammilee kana bilisaan gadi dhiifaman hayyamuu mootummaa biyyattiis galateeffataniiru, Pirezedaant Saahila-warq.
Imbaasiin Itoophiyaa Daar es Salaamitti argamu Mudde keessa fuula marsariitii isaarratti akka beeksisetti, daawwannaa mana sirreessaa kutaawwan bulchiinsaa Taanzaaniyaa afuritti taasiseen Itoophiyaanonni lakkoofsi isaanii 1,100 hidhaa akka jiran ibsee ture.
Namoonni hidhaa jiran kunneen baatiiwwan afran darban keessa karaa seeraan alaa daangaa Taanzaaniyaa qaxxamuranii seenuun poolisiin qabamanii hidhaan ji'a ja'aa hanga waggaa lamaa kan itti murtaa'e ta'uu dabalee ibseera Imbaasichi.
Godaantonni seeraan alaa kunneen baayyinaan kan dhufan godinaalee Hadiyyaafi Kambaataarraati jedhameera.
Sadarkaa lamaffaa irratti ammoo kanneen godinaalee Walaayitaafi Alaabaarraa dhufanis jiraachuu Imbaasichi marsariitii isaarratti ibsee ture.
Godaantonni hidhaman kunneen hundi isaanii dhiirota yommuu ta'an, umuriin isaanii waggaa 14 hanga 47 gidduutti akka argamus ibsameera.