Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggeessi biliyeenaroota faana dhahee doolaara 117,000 hate to’atame
Dargaggeessi US fuula Twitter namoota bebbeekamoo Ameerikaa fi biliyeenaroota akka Elon Mask, Maayik Biluumbarg, Jeef Bezos fi Biil Geetis fa’aa butuun himatame jecha amantaa fudhate.
Dargaggeessi kun haakaroota Adooleessa 15 waggaa darbe gama kiriptookaransiin waa'ee maallaqa arjoomuu galanii maxxansani, kiriptookaransii doolaarii 117,000 walitti qabuun hate keessa qindeessaa ture
Haleellaan kun tujaarota Ameerikaa kanniin qofaa otoo hin taane, akkaawuntiin pirezedantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obamaa, Pirezedantii Ameerikaa kan amma Joo Baayiden, raappara beekamaa Kaaniye Weest fi haadhawarrasa butamee ture.
Qindeessaan gowwoomsaa Intarneetiidhaan raawwatame kun Giraham Ivaan Kilaarkii umri 17, mani murtii hidhaa waggaa sadii itti murteesse.
Hidhaa waggaa sadeen kan keessaa, guyyaa 229 duraanuu mana hidhaatti dabarse.
Taalleen hayyama fi to’annoo malee Kompiitara fayyadamuu akka hin dandeenne manni murtii murteesse.
Giraham hojjataa Twitter of-fakkeessuu fi haakaroota lama biroo walliin hojjachuun hanna tana gagessee jedhan
Haakarooti kaan Niimaa Fazeelii umri 22 fi Meeson Shepaardii umrii 19 yakka fedaraalaatin himatan
Maallaqii namoonni irra saamameefitti akka deebi’u, anga’otaatti kenname jira jedha abukaatoon isa.
Mallaqii kun akkamiin hatame?
Haakaroonni kunniin gama kiriptookaransiin waa'ee maallaqa arjoomuu galanii maxxansan. ''Namni hedduu qabeenyakoo akkan qoodu na gaafatan,'' jedha ergaan fuula Biil Geetis irratti dhooban. “Yoo doolarii 1000 ergitan, deebisee doolaarii 2000 isaniif erga.”
Fuula hojii gageessaan kampaanii Tesla fi SpaceX Elon Maask irratti ammoo ''daqiiqaawwan 30 itti aananiif teessoo as jala kaa'ame jirutti Bitcoin yoo ergitan, dachaa godheen isinii deebisa,'' jedhamee maxxanfame.
Itti dabaluunis ''Sababa Covid-19f miira arjummaatu natti dhagahama,'' jedha maxxansi kun.
Dubbi himaan Biil Geeeti ammoo,wanti rawwate kun rakkoo cimaa tiwitarri keessa jiru agarsiisa jedhe ture.
Akkawuntiin namoota bebbeekamoo hedduu haala kanaa butamuun kan hin baratamneefi hin eegamne ta’uunis himameera
Gaafas hojii gaggeessaan Tiwitaraa Jaak Doorsiiy Roobii ''Tiwitaraaf guyyaa jajjaba/hamtuu ture,’’ jedhan.