Itoophiyaan talaallii Covid-19 kennuu eegalte

Madda suuraa, EBC
Itoophiyaatti talaalliin Covid-19 kennamuu eegale, jalqabarrattis qondaaltonni mootummaa olaanoon talaallicha fudhataniiru.Itoophiyaan torbee darbe keessa gosa talaallii AstraZeneca doozii miiliyoona 2.2 argattee turte.
Talaalliin biyyattiin argatte kun naannoolee fi bulchiinsa magaalotaaf qoodameetu har'a kennamuu eegale.
Haala kanaan magaalaan Finfinnee, naannoon Amaaraa, Oromiyaa, Hararii, Somaalee fi naannooleen kaan akkaataa sagantaa qabameen talaallicha kennuu ifatti jalqabaniiru.
Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa naannoo lolli keessatti baname Tigraay, magaalaa Maqaleetti argamuun sagantaa kenniinsa talaallii kana jalqabsiisaniiru.
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo naannochaa Dr Muluu Naggaa fi qondaaltonni mootummaa olaanoon biroon talaallicha fuhdataniiru.
Hoogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dr Yohaannis Caalaa, waa'ee talaallii kanaa wanti odeeffamu soba ta'uu himanii , ofiisaaniifillee talaallicha fudhachuu ibsaniiru.
Gosti talaallii Itoophiyaan argatte AstraZeneca jedhamu dhiiga kantarsa sodaa jedhuun biyyoonni Awurrooppaa kennuu addaan kutaniiru.
Talaalliin kun Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Falaga Hiwot jedhamu kan naannoo Amaaraa magaalaa Bahardaar keessatti argamu keessattis kennamuu eegaleera.
Bulchaa naannochaa dabalatee qondaaltonni mootummaa olaanoon talaallicha fudhachuun sagantaa kana eegalchiisaniiru.Nannoon Amaaraa ga'ee akka biyyaatti jiru doozii miiliyoona 2.2 keessaa kuma 108 argachuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannochaa ibseera.
Bulchaa Itti Aanaan naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahammadis talaallicha fudhachuun sagantaa kana eegalchiisaniiru.
Doozii 108 argachuu kan ibsan Obbo Musxafeen, ''kutaalee hawaasaa vaayirasichaaf daran saaxilamoo ta'aniif talaallicha waliin ga'uurratti hatattamaan hojjenna,'' jedhan.
Itoophiyaatti erga weerarri koronaavaayirasii eegalee namoonni 172,571 qabamaniiiru, kanneen keessaa 2,510 kan ta'an du'aniiru.













