Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beelli sababa waraanaan mudate lubbuu miiliyoona hedduu galaafachuu danda'a-UN
Biyyoota Afrikaa tokko tokko dabalatee addunyaa irratti namootni miiliyoonaan lakkaa’aman beela sababa walitti bu'iinsaa fi waraanaan mudateen du'uu danda'u jedhe Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN).
Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guteeres weerarri koronaavaayirasii fi jijjiiramni qilleensaa balaa kana daranuu hammeessuu mala jechuun akeekkachiisan.
Namootni miiliyoona 30 ol ta’an kan naannoo Saheel, Gaanfa Afrikaa, Sudaan Kibbaa, Yaman fi Afgaanistaan keessa jiran beela keessa jiraachuun isaani labsamuuf “tarkanfii tokko qofatu hafe”.
“Tarkaanfiin hatattamaa yoo hin fudhatamne, namootni miiliyoonaan lakka’aman beelaa hamaa fi du’a keessa galuu danda’u, “ jechuun Guteraas marii mana maree dhimma nyaataa fi nageenyaa irratti dubbatan.
Sudaan Kibbaa keessatti uummanni %60 ta’an “beela dabalaa” jiru keessa jiru jedhan Guteeres.
Rippaabliki Dimookraatawaa Koongoo “wagga darbe hanqina nyaata addunyaa isa guddaa keessummeessiteetti, ji’a Adoolessa fi Mudde gidduutti yoo xiqqaate namooti miiliyoona 21.8 beelaa hamaan rakkataniiru,” jedhe.
Hogganaan UN’s haalaa Tigiraay, Itoophiyaa, bakka sababa waldhabee fi lolaan yeroo miidhaan itti haamamu waan jeeqameef namootni kumaatamaan lakka’aman beelaan rakkachaa jiru yaddoo jedhu akka qabu ibseera.
Hogganaan Oxfam Idil Addunyaa Gabriyeela Bucheer namootni naannoo hammaataa keessa jiran “beela’aa jiraachuu qofa osoo hin taane qaama biraadhaan beeleffamaa jiru,” jedhan.
“Addunyaa har’aa keessatti, beelli namtolcheedha. Yoo nuutiin uumame ta’e, numaan dhaabamuu danda’a jechuudha,” UN’tti ambaassaaddarii US Lindaa Toomas Toomas-Giriinfiild dubbataniiru.
Haaluma kanaan nannoolee beelaan miidhaman kanaaf gargaarsa hatattamaa dhiyeessuuf eejensoonni UN gargaarsa maallaqaa doolara biiliyoona 5.5 gaafachuus Guteeres himaniiru.