Lola Tigraay: Dippilomaatin Itoophiyaa 'sababa lola Tigraayin' aangoo gadhiisan eenyu?

Dippilomaatiin olaanaa Itoophiyaa Ameerikaa jiran himannaa sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa jira jedhame mormuun aangoo gad-lakkisuu ibsan.

Imbaasii Itoophiyaa magaalaa Waashingitan jirutti dippilomaati [deputy chief of mission] ta'un kan tajaajilaa turan Birhaana Kidaanamaariyaam sababa aangoo gad - lakkise jedhaniif akkanaan ibsu.

''Waraana duguggaa sanyii Tigraay keessa adeemaa jiru akkasumas hacuuccaa fi badii mootummaan lammiilee Itoophiyaa biroorratti raawwataa jiru mormuun aangoo gadhiise,'' jechuun barreessan.

Dippilomaatiin kuni MM Abiy Ahimad biyyattii ''diigumsaatti oofaa jira'' jechuun kan qeeqan yoo ta'u waan naanno Tigray keessa adeemaa jiru ''osoo addunyaan ragaa dhugeeffatu'' mootummaan sobaa jira jedhan.

Dubbii qondaala kana irratti qondaala Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa irraa yaada isaanii fudhachuuf yaalin taasifne hin milkoofne.

Guyyaa kaleessaa waan Naannoo Tigraay keessa jiru hubachuuf Itoophiyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa dabalatee dippilomaatonni gara Naannoo Tigraay imalanii turan.

Erga lolli Naannoo Tigraay keessa Sadaasa eegale as ajjeechaawwwan jumlaa fi kaan raawwachuu gareewwan mirga namoomaa ibsaa turan. Mootummaan dhimmoota kana akka qoratu ibsee ture.

Lola Naannoo Tigraay keessa eegaleen hammi namoota du'an ifatti hin beekamu, garuu kumaatamaan akka du'an tilmaamama.

Kan qe'erraa buqqa'anii gara Sudaan baqatan 60,000 olidha.

Obbo Birhaanan waraanni Ertiraa fi humni Amaaraa naannoo Tigraay seenuu eeruun badii guddaa raawwatuu ibsan.

Kana dura US dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa waraanni Ertiraa Tigraay seenu ibsanis Itoophiyaanis ta'e mootummaan Ertiraa garuu ifatti kana hin amanne.

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Kongirasii Ameerikaatti dhihaatani Naannoo Tigraayitti ''gocha duguggaa sanyiitu raawwate'' jedhanii dubbataniiru.

Ta'us, ifatti ragaan kanaaf dhihaates ta'e dhimma kana irratti waan mootummaan Itoophiyaa dubbate hin jiru.

Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee fi mootummaaleen Lixaa Itoophiyaarra dhiibbaa taasisaa jiru jechuun komii ibsata. Balballi ulaa deeggarsaa Tigraayitti banamus deeggarsi biyyootarraa taasifamu xiqqaa ta'u ibse.

MM Abiy Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaaf dubbii taasisaniin biyyaaleen Afrikaa akka waliin dhaabbatan waamicha dhiheessaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa jiraatan immoo Ameerikaan Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisaa jirti jechuun hiriira mormii bahanii sagalee dhageessisaniiru.

Birhaana Kidaanamaariyaam eenyu?

Obbo Birhaanan gara Ameerikaatti osoo hin imaliin dura Hoji gaggeessaa olaanaa miidiyaa biyyaalessaa, EBC turan.

Akka gabaasaaleen eeranitti hanga bara 2018 keessaa baafamanittimmoo miseensa koree gidduugaleessaa dhaaba TPLF kan amma aangoorraa kuffifame turan.

Dabalataan, kan amma aangoorra jiran Dr Ashabbir W/Goorgis aangotti hin dhufin dura waggoota saddeetif pireezidantii Koree Olompikii Itoophiyaa ta'un tajaajilaa turani.

Gara Waashingitan osoo hin dhufin durammoo achuma Ameerikaa Los Anjalasitti Qonstilaa Janaraalaa ta'un dalagaa turan.

Naannoon Tigiraay waldhabdee mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti uumameef wiirtuu taatee turteetti.

Lolichi humnoonni TPLF buufata waraanaa federaalaa irratti haleellaa erga bananii booda eegale.

Mootummaan federaalaa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee lola torban sadi ibooda to'achuun injifannoo labsuus ammallee hoggantoonni dhaaba TPLF to'annoo jala hin oolle jiru. Ta'us lolli faffaca'e jiraachuu gabaafama.