Kanaan dura obboleettiisheen kan himatamte weellistuu Maariyaa Keerii obboleessa isheenis himatamte

Madda suuraa, Getty Images
Obboleessi hangafaa weellistuu Maarayaa Keerii kitaabaa barreessite keessatti waan miraa nama tuquufi maqaa namaa baleessu barreessiteetti jechuun himata irratti bane.
Moorgan Keelii, kitaabni kun sobaan akkan nama hamaa ta’etti na ibsa jedha.
Sababa kanaaniis, “xiinsaammuun isaa hedduu dhippachuufi maqaan isaa hedduu baduu” himanni seeraan dhiyeesse kun ni ibsa.
Himannaan kun obboleettiin Maariyaa sababuma kitaaba kanaan himattee kaffaltii doolara miilyoona 1.25 erga gaafattee ji’a tokko booda dhufe.
Alisan Keerii kiitabaa kana keessatti akka isheen yeroo Maariyaan ganna 12 turtetti qoricha sammuu hadoochuu vaaliyem jedhamu kennitetti, qunnamtii saalaaf ishee gurguruu akka yaalteefi bishaan danfaa akka itti dhangalaastetti barreeffame kan jiru wanta “guddaa nama aarsuu" fi ishee “qaaneessuu fi salphisuuf” kan barreefamedha jetti.
Kitaabni Maariyaa seenaashee himuun barreessite kun, Fulbaana darbe kan maxxanfame yoo ta’u, Onkololeessa keessa The New York Times kiitaba asoosama hin taanee keessaa isa tokkoffaa jedhamee ture.
Kitaabni kun wa’ee jireenyaa ishee waan hedduu ibsa, kan akka rakkoo ishee qunnamee, guddina ishee rakkoo qabu ture, jibbaa sanyummaa ijoollummaatti irra ga'eefi ga’eelli ishee jalqabaa Toomii Mottolaa waliin ture keessatti akka gidirfamte kan himudha.
Bara 1960tti kan dhalate Morgaan Keerii, weellistuu beekamtuun kun wa’ee “lola hamaa” abbaa isaa waliin yeroo isheen daa’ima turtetti raawwate jettu kanaa barressuun maqaa isaa balleessuu ishee hima.
Kitaaba kana irratti Maariyaan, "obboleessakoofi abbaakoo poolisoota 12ti gargar qabe,” jechuun kan barreessite yoo ta’u, Moorgan garuu kun “asoosama” isheen uumteeedha, akkasumas haala barame keessatti waldhabdee maatii keessatti uumame furuuf kan ergaman poolisii tokko ykn lamadha jedheera.
Dabalataanis erga Maariyaan beekkamtii argattee maallaqa irraa nyaachuuf akka yaaleefi kana dura “mana hidhaa” keessa akka turetti waan barreeffame irrattis himateera.
Morgan himata kana yommuu dhiyeessu aariin ykn jibba obboleettii isaarraa qabuun akka hin taane beeksisseera.
“Karaa kamiinuu milkaa’ina obboleetti isaa irraa hinaaffaa hin qabu, ofii isaa dhunfaa fi hojii isaan nama milkaa’inaa argateedha, yeroo hundas isheef waan gaarii qofa hawwaaf ture.”
Namoonni biroon himatni kun irratti dhiyaate kan kitaabicha waliin barreessite Mikaa’ela Anjelaa Deevis, mana maxxaansaa kitabichaa Makmilaan fi gulaalaa kitaabichaa Andii Koheen Buuksidha.
Qamoota himannaan irratti dhiyaate keessa hanga ammaatti himanicha irratti yaada kan kenne hin jiru.















