Artistiin beekamtuu Kiim Kaardaashiyaan abbaa warraaashee Kaaniyee Weestiin 'hiikuufi'

Madda suuraa, Getty Images
Kiim Kaardaashiyaan abbaa warraasheee raapparii Kaaniyee Weest hiikuuf galmee banuu miidiyaaleen US gabaasan.
Jarri lameen erga bultii ijaarratanii waggaa torba yoo tahu ijoollees waliin horataniiru.
Oduun kuni sabaa-himaa namoota beekamoo TMZ jedhamurraa yeroo jalqabaaf dhagahame.
Gaa’ela isaanii keessa rakkoon akka jirus jette jetteen odeeffamaa tureera.
Namooti kunneen beekamtii guddaa kan qabaniifi dhuunfaadhaan milkaa’ina horataniiru.
Kiim yeroo jalqabaaf beekamtii kan argatte bara 2007 sagantaa TV waa’ee maatiishee hojjetame irratti dha. Ergasii isheefi maatiinshee beekamtii guddaan jiru. Sagantichis kutaan 21ffaa fi dhumaa bara dhuftu gadhiifama.
Artistiin kuni gama daldala kuulaa (makeup) fi appii mobaayliitiinis milkaa’ina guddaa qabdi. Foorbis qabeenya ishee dhuunfaa dolaara miiliyoona 780 dha jedheera.
Sirba Gold Digger jedhamuun kan beekame, Kaaniyee Weest illee muuziqaa raappiidhaan waggaa 15 asitti namoota maqaan dhahamu keessaati.
Walleen badhaasa Giraamii mo’ate kuni dizaayinii faashiiniitiinis fiixaan bahumsa nama argate dha.
Lamman isaanii otoo waliin bultii hin dhaabiin dura yeroo dheeraaf waliin turaniiru. Kaaniyee Weest bara 2010 ture sagantaa maatiishee irratti kan yeroo jalqabaaf mula’te.
Mucaan isaanii jalqabaa Noorz bara 2013'tti dhalatte.
Weest Kiimiidhaaf gaaffii natti heerumtaa isteediyeemii kubbaa kaachoo Saan Firaansiskoo kireeffatee sirba okeestiraadhaan dabaalameetu ture kan dhiyeesseef.













