Leedii Gaagaa nama sarootashee hataman deebiseef dolaara miliyoona walakkaa kennuuf

Leedii Gaagaa saroota kunuunsuun kan beekamtu yoo ta'u waltajjii badhaasa muuziqaa gara garaarratti sarootashee qabattee dhiyaatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leedii Gaagaa saroota kunuunsuun kan beekamtu yoo ta'u waltajjii badhaasa muuziqaa gara garaarratti sarootashee qabattee dhiyaatti

Sirbituun beekamtuu Leedii Gaagaa sarootashee magaalaa Loos Anjalas keessatti jalaa hataman nama deebiseef dolaara miliyoona walakkaa nan kennaaf jette.

Roobii darbe galgala hidhataan tokko nama saree Leedii Gaagaa kunuunsu osoo inni sarootashee qabatee bakkeerra deemuu rasaasaan erga dha'ee booda saroota lamaan fudhatee miliqeera.

Miidiyaalee Ameerikaatti namni saroota daandiitti baasee qilleensa fudhachiisaa ture sun maqaan isaa Riiyaan Fiisher kan jedhamu akka ta'e gabaasaniiru.

Namni kun rasaasaan dha'amuu hordofee gara hospitaalaatti geeffamus miidhaan hangamii akka irra ga'e garuu poolisiin hin ibsine.

Leedii Gaagaa saroonnishee sanyiin isaanii Firaansirraa ta'an lama Koojii fi Gustaav jedhaman eessa akka jiran kan eerumsa kennuuf oolmaa isaanii akka kaffaltuuf ibsiteeti.

Miss Eesiyaa kan jedhamtu sareen sadaffaa bakka sanaa erga baqattee miliqxee booda poolisiin argee deebiseera.

Maqaanshee sirriin Istiifaanii Jemaanootaa jedhamuun kan beekamtu Leedii Gaagaa yeroo kun ta'utti fiilmii hojjechaa turte. Nama sarootakoo naaf deebisu kamiifiyyu oolmaasaa dolaara 500,000 akka kennituuf waadaa galteetti.

Bakka bu'aan Pireesii Leedii Gaagaa namni bakka saroonni kunneen jiran odeeffannoo qabu kamiyyuu odeeffannoo akka kennuuf teessoo iimeelii maqaa sarootaatiin baname beeksiseera.

Sanyiin sarootaa kun warra gati-jabeeyyiidha jedhaman keessaa yommuu ta'u gatiin bukkullaa tokkoo dolaara kuma 2 hanga kuma 10 baasuu danda'u.

Qajeelchi poolisii Loos Anjalas Roobii darbe galgala nama "bakka hin beekamnerraa dhukaasuun nama miidhame kana madeesse," barbaadaa jiraachuu mirkaneesseera.

"Shakkamaa ta'uu mala" namni jedhame yakkicha erga raawwateen booda konkolaataa adiidhaan bakka sanaa miliqeera jechuun ibseera poolisiin.

Saroonni Leedii Gaagaa haleellaa kanaan kan irratti xiyyeefatame ta'uusaa ifa miti.

Leedii Gaagaa sarootashee kunuunsuun kan beekamtu yommuu ta'u, waltajjiiwwan badhaasa muuziqaafi agarsiisa Suuppar Boowul jedhamurratti sarootashee qabattee dhiyaatti turte.

Haleellaa qaqqabe jalaa kan miliqxe Miis Eesiyaa kan jedhamtu sareen Leedii Gaagaa fuula Instagram mataashee kan qabdu yoo ta'u, fuulashee kanarratti hordototoota kuma 224 qabdi.