Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Anjelinaa Joolii fakkii Winistan Charchiil kaase Birrii miiliyoona 400 olitti gurgurte
Fakkiin Mininistira Muummee duraani Biritish Winistan Charchiil qabeenyummaan isaa kan Anjelinaa Joolii ture caalbaasii Landan irratti Birrii miliyoona 400 olitti gurgurame.
Gatiin itti gurgurame kun kan tilmaamee ture dacha afuriin kan caaleefi rekoordii gatii fakkii Charchiil duraanii Birrii miliyoona110 olitti gurgurame cabsedha.
Fakkiin The Tower Of The Koutoubia Mosque jedhamu, yeroo Waraanaa Addunyaa Lammataatti Marakeesh keessatti kaafame kun nama hin beekamneen bitame.
Dubbi himaan caalbaasii Kiristiis fakkiin kun “hojiiwwan Charchiil keessa isa ijoodha,” jedhan.
“Fakkii isaa barameen alatti, kun yeroo waraanaatti fakkii teessuma lafaa inni hojjate isa tokkichadha,” jedhan.
Artiistii beekamaas kan ta’e Charchiil, fakkii kana Walga’ii Kasabilaankaa bara 1943tti gaggeefamee booda kaase.
Fakkii kana yeroo xumuretti waayilaa isaa yeroo waraanaa, Pireezdaant US Firaankliin Roosaveltiif kenne.
Sana booda bara 2011tti yommuu fakkiin kun gurguurtaaf dhiyaatetti taatoo Anjelinaa Joolii turte kan bitatte.
Kiristiis akka jedhutti komishinii dabalatee gatiin gurgurtaa fakkii kana Paawondii miiliyoona 8.2 ol akka ta’u hima.
Fakkiin Charchiil biroo lamas caalbaasii kanaratti kan dhiyaatan yoo ta’u, sadan isaanii walitti Paawondii miilyoona 9.43’n gurguramaniiru.
Gara siyaasaatti utuu hin seeniin Charchiil qondaala waraana kan ture yoo ta’u, fakkii kaasuu kan eegale umurii ganna 40tti ture.
Charchiil fakkii kana kan kaase konfiransii seenaa qabeessa Kazabilaankaa kan yeroo waranaa kanaratti biyyootiin Jarmaniin ‘guutummatti harka akka kennituuf’ waliigalan booda, foddaa Viillaa Teeylar jedhamurra taa’eetidha.
Fakkiin kun masjiida magaalaa dullomtuu kana keessa jiruufi kan duddubasaatti garreen mul’atan kan agarsiisudha.
Erga jilli US konfiraansicha fixanii ba’anii booda Charchiil fakkii isaa fixuuf guyyaa dabalataa tokko achi ture. Sana booda guyyaa dhaloota Roosvelti irratti akka kennaatti kenneef.
“Kun dippiloomaasii Charchiil isa cimaafi dhuunfaadha,” jedha hogganaan Kiriistii artii ammayyaa Biritishiifi Ayiirish, Niik Orchaard.
“Kun kennaa akkanumaan hoggantoota lama gidduutti kennamu miti. Kun haariiroo addaa kan ibsudha.”
Fakkiin teessuma lafaa Charchiil inni lammataa Scene in Marrakesh jedhamu, bara 1935tti Morookoo yeroo jalqabaaf yommuu daawwate kan kaafame yoo ta’u, kana dura Paawondii miiliyoona 1.5’n gurgurame.
Abbaan manaa duraanii Joolii, Biraad Piit aartii adda addaa funaanuu kan jaallatu yoo ta’u, yeroo ga’eelaan waliin turanitti lamaan isaanii aartii babbakeemoo akka Banksy and Neo Rauch bitaa turan.