Namticha haadha warraasaa hiikeef beenyaa hojii mana keessaa akka kaffalu ajajame

Dhaddachi Beejiing abbaan warraa, haadha warraasaa hiikeef hojii mana keessaa yeroo gaa’eela isaanii hojjechaa turteef akka kaffalu ajaje.

Dubartiin kuni hojii hin kaffalamne waggaa shaniif doolaara 7,700 argachuuf jirti jechuu dha. Dhimmi kuni miidiyaa hawaasaa irratti falmii kan kaase yoo tahu beenyaan kuni xiqqaa dha kan jedhan jiru.

Murtoon kuni erga Chaayinaan seera haaraa baasteen booda kan kenname dha.

Namni Cheen jedhamu kuni bara darbe ture haadha warraasaa hiikuuf kan galmee bane, dubartii Waang jedhamtu waliin bara 2015tti ture kan gaa’ela dhaaban.

Haati warraa jalqabarra gaaffii wal-hiikuu kana fudhachuuf boodatti harkisaa turtus, boodarra garuu beenyaa qarshii gaafatteetti. Cheen hojii mana keessaa hin hrimaatu, ilma keenya tokkos hin kunuunsu ture jechuun himatte.

Dhaddachi Faangshaan nama kana qarshii ji’aa yuwaanii 2000 fi takkaatti kan kaffalamu immoo 50,000 akka kennuufi ajaje.

Abbaan murtii haati manaa fi abbaan warraa yeroo wal-hiikan qabeenya qabatamaa tahan ni hrimaatu,’’haa tahu malee hojiin mana keessaa gatii ijaa hin mul’anne qaba, isa hirmaachuun irra jiraata’’ jedhan.

Murtoon kuni seera haaraa biyyattii irratti hundaa’uun kenname. Seerri barana bahe kuni yeroo wal-hiikuu namni hojii mana keessaa, ijoollee guddisuu, manguddota gargaaruu fa’iin itti-gaafatamummaa qixxee hin hirmaanne jedhu beenyaa gaafachuu danda’a.

Kana dura beenyaa gaafachuun kan danda’amu yeroo wal-fuudhan yoo waliigalani qofa ture.

Dhimmi kuni miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weeboo irratti falmii kaaseera, al miiliyoona 570 caalaas ilaalameera.

Hojii waggaa shaniif maallaqni Chayinaa 50,000 baayyee xiqqoo dha kan jedhan jiru. ‘’Hojiin mana keessaaf gatiin kenname na ajaa’ibeera, Chaayinaa keessatti hojjettuuun manaa isa caalaa kaffalamaaf,’’ jedhan namni yaada kennan tokko.

Warri kaan immoo dhiiroti sirumaa hojii mana keessaa irratti hirmaachuu qabu jedhan.

Kaanimmoo dubartootni erga heerumaniin booda abjuu isaanii dhiisuu akka hin qabne dubbatan.’’Dubaroo yeroo hunda of-danda’uu akka qabdan hubadhaa. Hojii keessan gaa’iilaaf dabarsitanii hin kenninaa. Ofiif daandii tolchadhaa,’’ jechuun miidiyaa hawaasaarratti barreessan.

Akka dhaabbanni guddina diinagdee Economic Co-operation Development jedhutti dubartoonni sa’atii afur hojii mana keessaa hin kaffalamnetti yeroo dabarsu kunis kan dhiirotarra dachaan caala.

Biyyoota dhaaba kanatti miseensa tahanirraa kan Chaayinaa olaanaa dhas jedheera.