Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensonni komishinii filannoo Niijer torba haxxee dho'een lubbuun darbe
Filannoo pirezedaantummaaf guyyaa sagaleen itti kennamaa jirutti miseensonni komishinii filannoo Niijer haxxee dho'een lubbuun isaanii darbe.
Konkolaataan miseensota komishinii filannoo kanneen qabatee ture kun naannoo Tilaabeerii kan kutaa biyya Niijer Kibba-lixaatti argamutti haxxeerra bahuun ture kan balaan kun qaqqabe.
Konkolaataan kun garuu addatti kan irratti xiyyeeffatame ta'uu isaa garuu wanti beekame hin jiru. Miseensota komishinii filannoo biyyattii torba du'an malee hojjetoonni biroon sadii madaa'aniiru.
Niijer erga bara 1960 bittaa Firaans jalaa bilisa baatee . booda filannoo pirezedaantummaa gaggeeffamaa jiruuf namoonni kaleessa sagalee kennaa oolaniiru.
"Namoonni balaan kun qaqqabe saanduuqqawwan filannoofi hojjetoota buufata filannoo geessaa turan," jechuun itti-gaaftamaan komishinii filannoo naannoo snaa Haruunaa Monkaayilee Roohitarsitti himaniiru.
Filannoo pirezedantummaa kanaan bakka bu'aan partii biyya bulchuufi ministeerri duraanii nageenya biyya keessaafi alaa Mohaammad Baazuum marsaa duraatiin sagalee harka dhibba keessaa 40 argateera jedhameera.
Kaadhimamaa dorgomicha keessatti ni mo'ata jedhamee tilmaamni guddaan kennameefiidha.
Morkataan isaanii ammoo pirezedaantii duraanii Mahaameenee Osmaan yoo ta'an, marsaa duraatiin sagalee harka dhibba keessaa 17 kan argatan yommuu ta'u, deeggarsa paartileen siyaasaa xixiqqoo hedduu qabu.
Pirezedaantiin amma gaggeeffamuuf jiran Mahaamaaduu Isuufuu bara aangoo isaanii marsaa lamaa kan waggaa shan shaniin ture gadi dhiisuuf qophaa'aniiru.
Niijer biyyoota addunya iyeeyyii ta'an keessaa tokko yommuu taatu, hidhattoonni Islaamummaa Saahel keessa sosocho'an yaaddoo nageenyaa itti ta'aniiru.