Labsii sabaa himaalee haaraatiin gaaffileen mana maree miidiyaa kamitu deebii argatan?

Wixineen labsii sabaa himaalee haaraa mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyaatee raggaasifamuun isaa ni yaadtaama.

Labsii kana dura garuu A L I bara 2012 ji'a Hagayyaa keessa manni maree ministirootaa Imaammata Sabaa Himaalee Itoophiyaa mirkaneessee ture.

Labsiichi ammaa kun Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif mirkanaa'ee kan hojiirra oole ture.

Imaammatichi fooyya'insi seera sabaa himaaleen duraan ittiin bulaa turan raggaasifamee osoo hin ba'iin dura ba'uun isaa ni yaadtama.

Imaammatichi miidiyaalee maxxansaafi kan biroodkastingii dabalatee kanneen kanaan dura seerata sabaa himaalee keessa hin jirre, kan marsariitiifi miidiyaalee hawaasaa akka damee sabaa himaaleetti hammata.

Imaammaticharratti miidiyaan Itoophiyaa bifa akkamii qabaachuu akka qabu, kallattii kamitti deemuu qaba, deeggarsi mootummaa hanga kamiitti ta'uu akka qabu qabxiiwwan agarsiisan of keessaa qaba.

Hirmaannaan mana maree sabaa himaalee, wixinee labsichaarratti maal ture?

Manni Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa waraqaa ragaa(certificate) seeraa argatee biyyattii keessatti hojii kan jalqabe hanga tokko tureera.

Miseensonni mana marichaa gaazexeessitootaafi waldaaleen ogeeyyii sabaa himaalee dhuunfaafi mootummaa keessa hojjetanidha.

Dhimmoota ijoo manni marichaa milkeessuudhaaf karoorfate keessaa in guddaan, gaazexeessitoonni naamuusa ogummaan kun gaafatu eeganii akka hojjetan taasisuu akka ta'e miseensaafi barreessaa ol-aanaa Mana Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa Obbo Taammiraat Hayiluu BBCtti himeera.

Seera pireesiirratti fooyya'insa taasisuudhaaf Abbaa Alangaa Waliigalaa jalatti gareen tokko hundeeffamee hojjechaa akka ture Obbo Taammiraat ni dubbata.

Hojiin dhaabbataa garee kanaa ammoo seera pireesii duraan turan keessatti rakkoowwan mul'atan maal turan kan jedhu qorannoodhaan adda baasuu akka ture hima Obbo Taammiraat.

Qorannoo kanaan ammoo daangaafi raawwiin seeraa adda baafamuun isaanii kan dubbatu Obbo Taammiraat, gaazexeessitoonni gara garaa qorannoo kanaaf galtee kan ta'u gumaachaniiru jechuun ibsa.

Isaan booda rakkooleen adda ba'anirratti erga mariin tasifameen booda wixineen seeraa inni haaraan kun qophaa'e.

Wixineen kun yeroo mariif dhiyaatee turetti ogeessonni, miseensonni paartii siyaasaafi kanneen biroo dhimmoota seericha keessa galuu qabaa ykn galuu hin qabu jedhanirratti marii walitti fufinsaan taasisuu isaanii yaadata.

Dhumarrattis galteewwan bakka buutotarraa argame itti dabaluun wixineen isaa kora mana maree ministeerotaatti qajeelfame.

Seerichi yeroo gara mana maree bakka bu'oota ummataatti qajeelfamee garuu yeroo mariin taasifamu kan keessa hin turreefi manni maree miidiyaas ta'e ogeessonni kan hin argiin keewwanni itti dabalamee argamuusaanii Obbo Taammiraat hin dhoksine.

Dhimmoota kanneen irratti marii dabalataaf gaaffii yeroo gaafataa dhiyeessanillee,labsichi gara mana mareetti qajeelfamee guyyoota 15 keessatti mirkanaa'uu dubbata.

Keewwatoonni Manni Maree Sabaa Himalee Itoophiyaa hubate isaan kam?

Keewwatoonni Manni Maree Sabaa Himalee Itoophiyaa kan hundeeffameef dogongorri yeroo uumaman mootummaan gaazexeesitoota ar'ichuusaarra walii walii isaanii serreessuudhaafi wal gorsuudhaaf akka danda'amu yaadamee ta'uu kan hima Obbo Taammiraat, kanaan dura miidiyaan yoo dogoggora hojjete kan hordofu Abbaa Taayitaa Biroodkasitiniidha jehuun ibsa.

Kanaan dura manni maree kun waan tureef Abbaa Taayitaa Biroodkasitiniidha ergama kana ba'achuun isaa amansiisaa ture kan jedhu Obbo Taammiraat, amma garuu manni marichaa waan jiruuf imaammanni miidiyaa ergama kana akka ba'atu beekamtii akka kenneeruuf dubbata.

Dhimmi walii walii to'achuu (Self-Regulation) jajjabeeffamuu akka qabu labsicharra akka jiru kaasuun, haata'u malee waggoota sadan itti aanan dogogorawwan sabaa himaaleen irratti mul'atan Abbaan Taayitichaa ni ilaala jedhamuun isaa, wixineen seerichaa imaammata poolisii waliin kan wal faakkessu ta'ee akka arge dubbata.

Keewwata kana manni maree kun akka morme kan ibsu Obbo taammiraat, labsicharratti mana marichaas ta'e Abbaa Taayitaa Biroodkastingii adeemsa walii walii to'achuu waliin raawwataa turee dhumarratti qorannoo raawwii mootummaan fudhatuun itti-gaafatamummaa isaa mana marichaaf dabarsee akka kennu labsicharra taa'eera jedha.

Yaadni gama mootummaatiin dhiyaatu manni maree miidiyaa sadarkaa inni yeroo kana irra jiru kana hojjechuuf kan isa dandeessisurra waan hin taaneef Abbaan Taayitaa Biroodkastingii yoo xiqqaate waggoota sadiitiif mana marichaa waliin ta'uun gaggeessuu qaba yaada jedhudha.

Ta'us garuu sadarkaa manni maree miidiyaa irra jiru waggoota sadiin booda qoratamee hojiiniifi itti-gaafatamummaan walii waliin to'achuu guutummaan guutuutti gara mana marichaatti carraan itti darbuu danda'u akka jiraatu agarsiisa.

Obbo Taammiraatfaaf garuu kun kan liqimfamuuf hin taane.

Manni Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa bu'uura seera waldaalee hawaasaatiin kan hundeeffame dhaabbata bilisaafi walabaati kan jedhu Taammiraat, haalli mootummaan ittiin nu gamaggamuu danda'uuf hin jiraatu jechuun ibsa.

Kana waan ta'eef, keewwanni labsii kanaa kun gaaffii walabummaafi bilisummaa kaasa jechuun akka foyyaa'uuf gaafatanillee mootummaan sababoota gara garaa dhiyeessuudhaan osoo isaan hin fudhatiin hafuu kaasa.

Kana waliin walqabsiisee dhimmi biraan morman, Abbaan Taayitaa Biroodkastii dambii naamuusa hojii sabaa himaalee biroodkastingii ni baasa keewwata jedhudha.

Labsii haaraa kanaanis Abbaan Taayitaa Biroodkastii maqaan isaa gara Abbaa Taayitaa Miidiyaa kan jedhamutti jijjiirama.

Manni Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa hunda caalaa kan inni hundeeffameef, dambii naamusaa eegsisuufi sabaa himaaleen sadaraa isaanii eeggatan biyya keessatti akka guddachaa deeman ta'uu ibsa.

Akka Obbo Taammiraat jedhanitti, dambii naamusaa baasuun hojii ogeessotaafi abbootii qabeenyaa midiyaaleeti malee dhimmi mootummaa ta'uu hin qabu.

Mootummaan seera, qajeelfamaafi dambii baasuu danda'ullee dambii naamusaa (Code of conduct) garuu ogeessonni ofii isaanii dambii sirreessan waan ta'eef ofiisaanii baasuu akka qaban dubbata.

Obbo Taammiraat kana haa jedhaniyyu malee Abbaan Taayitaa Biroodkasti wixinee dambii naamusaa kana amma baasee raggaasisuuf qophiirra akka jiru namoota dhimmichatti dhiyeenya qabanirraa dhageenyeerra. Dambichi sadarkaa wixineerra jira.

Dhimmi biroon Obbo Taammiraat kaasan dambiin naamusaa yeroo ba'utti addatti sabaa himaalee biroodkastii qofaaf osoo hin taane warra oonlaayinarraa ta'aniifi damee pireesiifillee kan tajaajilu ta'uu qaba.

Ammallee dambiin naamusichaa miidiyaalee maxxansaa kan hin dabalanneefi sabaa himaalee biroodkastii qofaaf ta'uu ibseera.

Obbo Taammiraati sericha keessa sadarkaa wixineetti yeroo irratti mariyatamaa ture kan keessa hin turre garuu yeroo mana maree ministirootaarraa gara mana maree bakka bu'oota ummataatti qajeelfamu qabxiin itti dabalameera jedhu kan biroonis jiru.

Kanneen keessaa ammoo akaakuuwwan sabaa himaalee keessatti argamu.

Yeroo mariin turetti akaakuuwwan sabaa himaalee sadii kan dhuunfaa, kan mootummaafi kan hawaasaa kanneen jedhaman jiraachuu isaanii qofa kan beekan akka turee kan ibsu Obbo Taammiraat, haata'u malee wixinee gara mana maree ummataatti qajeelfamerra kanan dura dhaga'ee kan hin beekne 'sabaa himaalee ummataa addaa' kan jedhu itti dabalamuu dubbata.

Gosti sabaa himaalee haaraa itti makame kun gosa sabaa himaalee ammaa dhaabbileen labsii dhaabbata miti-mootummaa tol-ooltummaan galmaa'anii ta'uun isaanii eeramuu yaadta.

Sabaa himaaleen kunneen kan socho'an maallaqa ummatarraa kennaatiin argamiinidha kan jedhu Obbo Taammiraat, dabalataaf gabaa beeksisaa keessa galuun isaanii sabaa himaalee dhuunfaa quucarsu yaaddoo jedhu qaba.

Abbaa qabeenyummaa sabaa himaalee ilaalchisee namoonni lammummaa biyya alaa qaban gahee hanga harka dhibba keessaa 25 qabaachuu akka danda'an wixinee seerichaa keessatti eeramuusaa ibsa Obbo Taammiraat.

Obbo Taammiraat manni maree isaanii kun lammii biyya alaaf walumaagalatti kennuu osoo hin taane kanneen hiddi dhaloota isaanii Itoophiphiyaa ta'e qofaaf gaheen akka hayyamamuuf kan jedhu falmii dhiyeessuusaanii yaadata.

Kun gama nageenya biyyaalessaatiinis balaa waan qabuuf, falmiin isaanii fudhatama argatee imaammata haaraa irratti ifatti warra diyaasporaatiif qofa akka hayyamamu kaa'amuu isaa ibseera.

Haata'u malee, wixinichi yeroo dhufu dhimmi kun labsicharratti osoo hin dabalamiin dhiyaachuun isaa yaaddoo akka itti uume dubbatu. Labsichi kan raggaasifame kun osoo hin foyyaa'iin taanaan gara duubaatti deebiyamee sirreessuu akka barbaachisu dabalee ibseera.

Dhimmichi yaaddessaa ta'uu isaa yeroo ibsanittis lammiin Itoophiyaa tokko Masirii deemee abbaa qabeenyaa miidiyaa nan ta'a yoo jedhe akkuma hin dandeenye, abbaan qabeenyaa Masiriin tokkos Itoophiyaa keessatti miidiyaa keessatti gahee yoo qabaate birmadummaa irratti balaa akkamii akka qabaachuu danda'u ibsa.

Yaaddoon kun akkuma jiruttti ta'ee, yeroo sadarkaa wixineetti mariidhaaf dhiyaatee turetti akka ibsametti gahee sabaa himaalee qabaachuu ilaalchisee lammileen biyya alaafi dhalattoonni Itoophiyaa walqixa akka hin ilaalamne taasisu akka jiru ka'ee ture.

Yakka maqaa balleessuu "duriifi amma"

Akka ibsa Obbo Taammiraatitti, seerri pireesii foyyaa'e kun miidiyaadhaan maqaa balleessuu itti gaafatamummaa yakkaa hambisuun isaa garaa garummaa guddaadha.

Labsii kanaan dura tureen garuu, gaazexeessitoonniifi sabaa himaaleen himannaan yakkaa akka irratti dhiyaatu yaadata Obbo Taammiraat.

Labsii kanaan baqaa balleessuun akka yakkaatti ilaalamee gaafatamuun isaanii sirrii akka hin taane falmiin waan dhiyaateef fooyya'insi taasifamuu ibseera.

Aadaafi afaan Itoophiyaa beekuu, biyyoota waliin hariiroon jiru dirqama ta'uu baatus, abbaa qabeenyummaa keessatti dursi akka namaa kennamu taasisuu akka danda'u keewwan keessa galeera.

Kun ammoo tarii dhalattoonni Itoophiyaa gahee miidiyaa keessaa akka argataniif carraa isaanii akka bal'isuutti yaadamee akka waan gaarii tokkootti fudhatamuu danda'a.

Abbaa Taayitaa Biraadkastii waliin faayidaan walitti hidhachuu

Sabaa himaalee abbummaadhaan namoota qabachuu danda'an ilaalchisee hojjetoonni Abbaa Taayitaa Biroodkastii labsichaan dhiibamuu isaanii Obbo Taammiraat ni ibsa.

Kunis kan ta'e faayidaan walitti hidhachuu hojjetoota Abbaa Taayitaa Biroodkastii hambisuudhaaf kan jedhuun akka sabaa himaalee keessatti gahee hin qabaanne labsichi ittisuusaati.

Kun garuu Obbo Taammiraatiif dhimma biraa komii keessatti uumedha.

Walitti bu'insi faayidaa jiraachuu kan hin waakkanne Obbo Taammiraat, kun garuu aanga'oota Abbaa Taayitichaa sadarkaa murtee kennuurra jiraniif malee hojjetoota Abbaa Taayitichaa sadarkaa gadi aanaarra jiran waliin wal hin ilaallatu jedha.

absicha keessa, "hojjetaan biroodkastii" gaaleen jedhu keessa jiraachuun hojjetoonni hundinuu hojii barbaadan irratti bobba'uudhaaf mirga qaban kan dhorkudha jedha.

Labsii kanaan miidiyaalee hedduudhaaf dagaagina ta'a jedhamee garuu akka kufaniif sababa kan ta'e beeksisa dhabuu haala kamiin akka keessatti makame beekuun hin danda'amne.

Sabaa himaaleen mootummaa baayyina beeksisa argataniirraa kan ka'e maamiltootaaf dabareen haalli itti kennan yeroo mullatutti sabaa himaaleen dhuunfaa garuu abjii fagoo itti ta'ee tureera.

Kanaaf ammoo sababii tokko ta'ee kan ka'u dhaabbileen mootummaafi dhaabbileen misoomaa beeksisa dabarfachuudhaaf miidiyaaleen mootummaa filachuu isaaniiti.

Wixinee sana keessatti beeksisni haqa qabeessa akka ta'uuf sagaleen baayyeen dhaga'amanii kan turan yoo ta'u hangamtu deebii argateera kan jedhu adeemsa keessa kan ilaalamu ta'a jedha.

Labsiin sabaa himaalee haaraa Gaazexaa Nagaarit irratti waan hin ba'iin jiruuf komiin mana marichaa ykn yaadawwan ijaaroo ta'an itti dabalamaniiruu, isaan kamtu ammoo dhiifame kanneen jedhan tokko tokkoon baasuun hin danda'amne.

Labsii haaraan kun miidiyaaleen biroodkastii ta'an qabiyyeen isaanii dhibba keessaa 80 kan ta'u biyyaalessa akka ta'u akka jajjabeessaniif dirqisiisa.