'Balaa na mudate booda, du'a caalaa jireenyan sodaadha': Nama qaamni isaa %90 abiddaan gubate

Nama ganna 20 du'a caalaa jireenyan sodaadha jedhu hedduu arguun ni rakkisa.

Mucaan lammii Ispeen ta'e Aleyksoo Paaz garuu miira akkasii qaba.

Wayita umuriin isaa ganna saddeet ture Aleyksoo Paaz qaamni isaa %90 ta'u abiddaan gubate. Ergasii booda dhukkubbii hamaa fi guyyoota siqiqii akka salphaatti namaaf hin dhiine jiraate.

"Guyyaa mara ganama siree irraa akkan ka'u kan na godhu aariidha" jechuun bilbilaan BBC'tti hime.

"Akkan jiraadhu, lubbuun akkan turu kan na taasisu isa. Aarii koo raap gochuun, muuziqaa hojjechuun ofirraa cabsa."

Paaz guyyaa balaan isa mudate konkolaataa abbaa isaa kan bobaa'aa liitira kuma hedduu fe'ee tureen imalaa ture.

Wayita konkolaataan sun balaan irra gahee garagalu Paaz rafee ture, yoo dammaqu abiddi irraa boba'a ture. Lubbuun kan hafee akka carraati.

Umurii ijoollummaa isaa irra hedduu kan dabarse hospitaala keessatti. Wal'aansa baqaqsanii suphuu fi yaalawwan gogaa qaamaa hedduu godhate.

Jireenyi isaa harki caalu dhukkubbii, abjuu badaa fi aarii akka maleen kan guutame ture.

Paaz iddoo namni itti hedduummatutti argamuu ykn ammoo namni hubatee akka isa ilaalu hin fedhu. Ni shakka, nama waliin salphaatti walitti hin siqu.

Dookumentarii dhiyeenya bahe 'The Fire Kid' irratti seenaa isaa himuun isaa ajaa'iba.

Paaz waggoota dheeraaf kaameeraan akka isa hordofus hin fedhu ture.

Kanneen seenaa isaa daawwatan waan addaa akka hin eegne itti hima - seenaan isaa kan abdii namatti horu ykn kan jajjabina namaaf kennu miti jedha.

"Namoonni anaan akka fakkeenya jabinaatti na ilaalanii akka dogoggoran hin fedhu. Ani wantin irra aane tokko hin jiru, akkuma nama kaanii jiraachuufan jiraadha."

Paaz waan isa mudate ammayyuu irra hin aanne jedha.

"Namoonni akkan nama jabaa ta'etti na yaadu garuu gonkumaa akkas miti. Balaa na mudate booda du'a caalaa jireenyan sodaadha."

"Balaa sana irraanfachuu hin danda'u. Wayita gara sammuu kootti dhufu, tokko tokkoon waan mudate yaaduun eegala. Wayitan gubadhu sana takkaayyuu of hin wallaalle, ofin beekan ture. Irraanfachuun ulfaataadha."

Guyyuu abjuu badaa akka qabuu fi hirriba gahaa akka hin rafne dubbata.

"Gaaf hedduu tasa kan dafqi narra yaa'uu fi onneen koo ariitiin rukuttun dammaqa."

'Daa'imummaa koo hin yaadadhu'

Akka Paaz jedhutti godaannisi balaa kanaa gogaa isaa qofarratti hin hafne. Eenyummaa isaa guutummaatti jijjiire.

"Daa'imummaan koo akkam akka ture of hin beeku," jedha Paaz.

"Kuni garuu bifa qofaan miti. Miira abdii fi gammachuu homaa hin qabu.

"Erga balaa sanaatii haguuggii wayiitu narra jira. Maqaan koo Aleyksoodha, garuu maqichi ana bakka hin bu'u. Aleyksoon maqaa daa'ima tokkoo malee kana nama ani amma ta'e kanaa miti."

Haa ta'u malee, namoonni dokumentarii isaa erga ilaalanii booda seenaan isaa akka isaan gargaare isatti himuu Paaz ni dinqisiifata.

Jalqabarratti moggaasa dookumentarichaa 'The Fire Kid' jedhutti hin gammadne ture. Booda maqichi maqaa masoo isaa ta'e.

Amma garuu itti madaqeera.

Seenaan isaa namootaaf jajjabina kennuun gaarii ta'uu kan dubbatu Paaz, inni garuu waa ni jijjiirama jedhee akka hin amanne dubbata.

'Muuziqaan abdii naaf kenna'

"Nagaa ta'uu hin fedhu. Nagaa ta'uun maal akka ta'es hin beeku. Inumaa gaafan aariin hirribaa ka'u humna naaf ta'a," jedha.

"Guyyaa mara dhukkuba garaa fi dhukkuboota biroos nan qaba. Namni wanti hundi gaarii ta'a, ni sirrata jedhee na jajjabeessus, dhugaan lafarra jiru garuu akkas miti."

Garuu "harka hin kennu" jedha.

Muuziqaa karaa raapparii "Chaca" jedhamuu akka eegale kan himu Paaz, "Muuziqaan iddoo itti baqannaa kooti, isan hafuura baafadha" jedha.

"Abdii xiqqoo akkan qabaadhu, gara fuuladuraas akkan mil'adhu na godha."

"Garuu akka hin dogoggorre, ani akka weellisaatti of hin ilaalu, muuziqaan waa milkeessuufis hin yaadu."

"Duraan aariikoo keenyaan bunyaan dhahuun ofirraa cabsa ture, amma garuu muuziqaa barreessuuni."