Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa abiddaa Karabooboo: Yoo xiqqaate namoonni 68 du'aniiru
Okkoraa fi balaa abiddaa buufata poolisii magaalaa biyya Veenzuweelaa Valeenshiyaa jedhamturra gaheen yoo xiqqaate namoonni 68 du'aniiru jedhu aanga'ootni biyyattii.
Ka'uumsi balaa kanaa hatattamaan qoratamuu akka eegalus himaniiru.
Akka miidiyaaleen gabaasanitti balaan abiddaa kun kan eegale hidhamtoonni mana hidhaa san cabsanii bahuuf jecha firaasha isaaniitti abidda kaa'uuni.
Poolisiin maatii hidhamtootaa akkuma abiddichi ka'een fuuldura sanatti walitti qabaman gaazii imimmaanessu fayyadamuun bittinneessee jira.
Qondaalli poolisii tokko okkora bakaa kana booda uumame keessatti rasaasaan dhahamuu aanga'aan naannawa sanii Jiisas Saantaandar mirkaneessee jira.
Kutaan biyyaa Karabooboo gaddaa cimaa keessa akka jirtus himeera.
Akka maatiin hidhamtootaa jedhanitti hidhamtoonni hedduun kan du'an aaraan ukkaamfamaniiti.
Dubartoonniifi daa'imman hidhamtoota dubbisuuf achi turan muraasni du'uu akka hin oolles ni dubbatama
Manneen hidhaa Veenzuweelaa hedduun nama humnaa ol kan qabaniifi yeroo mara okkorri namootni irratti ajjeefaman kan keessatti mudatudha.
Kaarloos Niyeetoo hogganaan dhaaba 'Una Ventana a la Libertad' (Foddaa Bilisummaa) akka jedhutti manneen hidhaa tokko tokko hanga nama qabatuu danda'aniin ol dachaa shan caalaatu keessatti hidhama.
Kufaatiin diinagdee biyyattii mudate hidhamtoota sirnaan qabu akka hin dandeenye. Namootni itti murtaa'e dabalatee hidhamtoonni hedduun mana hidhaa yeroo keessa akka turan taasifamu.