Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: 'Nammoota duraan Covid-19n qabamaniif talaallii tokkichi ni gaha'
Abbaan Taayitaa Fayyaa Faransaay namni duraan Covid-19n qabame talaalli idilee si’a lamaaf fudhachuu irra, tokkicha qofaa fudhachuun gahaa ta’u jedhe.
Namoonni Covid-19 qabamanii irraa bayyanatan madinummaa hanga tokko waan horataniifi turtii ji’oota sadii booda talaalamu qabu jedhe.
Faransaayis gorsa akkasiin wayita labsitu biya jalqabaa yoo taa'u, talaallii doozii miliyoona 2.8 dhiyeessuus Ministirri fayyaa biyyattii ibseera.
Kanaafuu ‘’talaalliin al tokkichaaf kennamu kunis namoota duraan dhukkubichaan qabamaniif qooda madinummaa qaamaa saanii olaanaa cimsuu baha’’ jedhe Abbaan Taayitichaa (HAS).
Gorsi kunis wayita mootummoonni biyyoota addunyaa uummatasaanii talaaluun jiruu idileettii deebisuuf wayita dhama’aa jiraniitti kan dhufedha.
Amma yoonaatti Faransaayitti yoo xiqqaate namoonni miliyoona 3.4 ta'an koronaavaayirasiin qabamuun kan mirkanaa’e wayita ta’u, lakkoofsa namoota qabamanii kanaan ol ta’a jedhamee yaadama.
Namoonni 81,000 ammoo sababii vaayirasichaan biyyattii keessatti du’uun, addunyaarratti biyya namoota hedduun jalaa du’e ishee 7ffaa taatetti Ffaransaay.
Biyyattiin sagantaa madinummaa qaamaa cimsuu Muddee keessa kan eegalte ta’ulle, biyyoota akka Israa’el, UAE fi UK wajjin wayita wal bira madaalamtu duubatti harkifattetti.
Talaalliiwwan addunyaarratti kennama jiran isaan ijoo ta’an sadan marroo lamaaf garaagarummaa torbaniitiin kennamaa jira.
Haata’u malee, Ministeerri Fayyaa Faransaay qorannoowwan afur gaggeeffamuun, talaalliin marroo tokkichaa namoota koronaavaayirasiirra bayyanataniif madinummaa qaamaa dammaqsuun vaayirasichaan akka hin qabamne irraa ittisa jedheera.
‘’Namoonni vaayirasichaan qaban madinummaan isaanii vaayirasicha ni yaadata’’ jedhe qoranniichi ifa ta'e kun.
Haa ta’u malee, namoota Covid-19 qabamanii turan akkaata adda baasuun danda’amu fi yoom akka ta’e adda baasu ilaalchise waan ibse hin qabu.
Namoonni madinummaan qaamasaanii gadi xiqqaatu marroo lamaaf talaalamuu akka qaban jaarmiyaan fayyaa Firaans gorseera.