Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa waanan Tigiraay keessatti arge hedduu na yaaddesse jedhe

Federeeshiniin Waldaa Fannoo Diimaafi Addeessa Diimaa Addunyaa lola naannoo Tigiraay keessatti uumameen namoota miidhamaniif gargaarsi dabalata akka qaqqabuuf waamicha dhiyeesse.

Pirezedaantii Federeeshinichaa kan ta'an Firaansiiskoo Rookaa wayita naannoo Tigiraay daawwatanitti waan argan hedduu akka isaan yaaddesse ibsaniiru.

Lola naannoo Tigiraay ture hordofee mootummaan Itoophiyaa dhaabbileen lammilee nagaaf gargaarsa qindeessan guutummaan guutuutti akka hin sochoone dhorkeera kan jedhu himannaan irratti dhiyaataa tureera.

Mootummaan gama isaatiin garuu gargaarsi gara naannichaa akka galuuf tumsa ol-aanaa godhu beeksiseera.

Magaalaa guddoo naannoo Tigiraay, Maqalee, kan daawwatan Pirezedaantiin Federeeshinichaa miidhaa sababa waraana sanaan qaqqabeen daa'imman, dubartootaafi maanguddoonni gargaarsi guddaan akka isaan barbaachisu beeksisaniiru.

Hospitaalonnillee meeshaalee wallaansa fayyaa kennuudhaaf isaan dandeessisu akka hin qabne ibsuun, hir'inni nyaataas naannicha keessatti dhimma yaaddessaadha jedhan.

Federeeshiniin Waldaan Fannoo Dimaafi Waldaan Addeessa Diimaa Addunyaa ibsa guyyoota muraasa dura baaseen lolli naannoo Tigiraay keessatti adeemsifamaa jiru lammileen nagaa hedduu rakkoof kan saaxileefi biyyoota ollaa irrattillee dhiibbaa akka qaqqabsiise himuun isaa ni yaadatama.

Naannoo kun osoo lolli hin jalqabamiinillee hir'ina nyaataan, weerara awaanisa gammoojjiifi Covid-19n miidhamaa tureera jedhe Dhaabbanni kun.

Torbanoota itti aanaan keessa gargaarsi nyaataa gara naannichaatti dafee hin seenu taanaan namoonni kumaan lakkaa'aman beelaaf saaxilamuu akka danda'an akeekkachiiseera.

Mootummaan naannichatti guutummaan guutuutti sochiin akka jiraatu kan hin hayyamneef naannicha guutummaan guutuutti waan hin to'anneef, akkasumas nyaanni haala gahaa ta'een akka hin galle kan godhuuf gaggeessitoonni TPLF baqannaarra jiran akka harka kennatan taasisuuf akka ta'e xiinxaltoonni tokko tokko ni dubbatu.

Mootummaa Federaalaafi TPLF gidduu wal-gaarerfannaafi waliigaluu dhabuun yeroo dheeraaf ture cimuun humnoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa Iizii Kaabaarratti haleellaa gaggeesseera jechuun MM Abiy waraana Federaalaa gara Tigiraayitti duulchisuun isaanii ni yaadatama.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ammoo haallli namoomaa naannicha keessa jiru "hammaataadha" jechuun ibseera.

Akka gabaasa UN irratti eerameefi Wiirtuun Gargaarsa Yeroo Atattamaa Qindeessu jedhetti naannoo Tigiraay keessatti namoonni miliyoona 4.5 ta'an gargaarsa nyaataa atattamaatu isaan barbaachisa.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis ta'e dhaabbileen gargaarsaa uummaticha qaqqabuu akka hin dandeenye ibsuun mootummaan akka mijeessuuf yeroo gaafatan ni dhaga'ama.

Haalli naannicha keessa jiru rakkisaa akka ta'eefi, "namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman sababa beelaan du'aaf saaxilamuu akka danda'an" aanga'aan mootummaa tokko dubbachuusaa walga'ii hojjetoota gargaarsaa waliin taasifame keessaa dhoksaan miliqee bahe yaadannoo irratti barreeffame mul'isuun isa ni yaadatama.

Kana malees, haalli namoonni daangaawwan naannoo Tigiraay lolli itti gaggeeffame jiraniifi namoonni qe'ee isaaniirraa buqqa'an yaaddessaa ta'uufi rakkoo namoomaa qaqqabsiisuu akka danda'ullee Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Tibba kana ammoo nyaata, meeshaaleen bu'uuraa nyaataan ala ta'aniifi dhiyeessi fayyaa namoota miliyoona 1.8 qaqqabuu isaa Ministeerri Nagaa beeksiseera.

Ministeerichi ibsa gargaarsa namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf dhiyaachaa jiru ilaalchisuun baaseen, namoota eeramaniin alatti naannichatti kanneen biroo miliyoona 2.5 ta'an keessummeessuudhaaf qophii dandeesisu taasisuu himeera.