Lammiileen Kuubaa sadi odola Bahamas gubbaa guyyoota 33n booda lubbuun argaman

Madda suuraa, US Coast Guard District 7
Namootni sadii odola biyya Bahamaas namni irra hin jiraannerratti erga danqamanii guyyoota 33n booda baraaramuu, egdoonni qarqara galaanaa US beeksisan.
Eegdonni xiyyaaraan balali'uun eegumsa taasisan, namoota alaabaa tolfatanii raasan odola Anguilla Cay jedhamtutti argan.
Lammileen Kuubaa kunniin akka anga'ootatti himan, gosa firii kokonaat nyaachaa hagana gahan.
Garee lubbuu oolchan keessaa miseensa namni tahe tokko BBCtti akka himetti ''jarri kun hagana lubbuu turuusaanitti ajaa'ibsifadheera,'' jedhe.
Gareen kun jalqaba kan argaman odola Florida Keys fi Kuubaa gidduutti argamtutti guyyaa Wiixataa ture.
Angawaan 'Coast Guard' Raayilii Biichar BBCtti akka himanitti, wayita sakatta'insa taasisaa jiranitti ''waanti tahe ija keenya keessa gale,'' jedhe. Olka'insa isaa gadi buusuun naanna'anii wayita dhufanitti, odolicharra namootni qarqaarsa barbaadan akka jiran arguu dubbata.
Gareen kunniin lubbuu oolchuu hatattamaa gochuuf meeshaalee barbaachisan qabachuu baatanis; nyaata, bishaaniifi raadiyoo qunnamtii gadi darbataniifi. Sanaanis walqunnamuu dandayan.
''Akka carraa tahee, nu gidduutti namni qaceellootti Ispaanish haasawuu hin turre. Tahus Ispaanishii koo caccabaan walqunnamuun, jarri biyya Kuubaarraa akka tahaniifi qarqaarsa yaalii fayyaa akka barbaadan hubadhe.
Jarris odolicharra guyyaa 33f jiraachuu irra deddeebiin nutti himan,'' jedhe Biichar.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Gareen dhiira lamaafi dubartii tokkoo kun, akka angawootaatti himanitti, bidiruun isaanii erga dhidhimtee booda odolichatti bishaan daakanii gahan,
Boodarras akka isaanitti himanitti, soorata isaan barbaachisu kokonaatirraa argachaa turan.
Miidiyaaleen US akka gabaasanitti, jarri kun kokonaatii malee hantutaafi waan bishaan keessaa ciilalluu faa nyaachaa bahan.
Jarri sadan kun boodarra guyyaa Kibxataa helikoptaraan achii baafamanii, wiirtuu fayyaa Filooridaatti geeffaman. Miidhaan guddaan akka irra hin geenyees dubbatan.
Yaaliin erga godhameefi boodas, gara waajira godaantotaatti dabarfamaniiru.
Miseensonni lubbu baraartootaa kun BBCtti akka himanitti, taateen akkasii amma dura isaan qunnamee akka hin beekne dubbatan.
''Amma dura namni yeroo dheeraa akkasiif bakka tokkotti badee argamuu nan qunnamne,'' jedhe miseensi tokko.













