'Rabbi naaf dhiisuu ykn naaf dhiisuu diduu danda'a' -namticha seeraan ala namoota dadabarsaa ture

Shaafiilaah lammii Afgaanistaan. Wayita umuriinsaa waggaa 16 ta'u gara Tarkii deemaa jiraachu maatii isaatti himee ture.

Yeroo sanattis namoonni biraa isa waliin galaana qaxxaamuran 100tu ture.

Waggaa waggaadhaanis akkuma isaatti lammiileen Afgaanistaan kumaatamaan lakkaa'amaniitu gara Awurooppaatti baqata.

Namoonni seeraan ala namoota dadabarsaniifi akka gara Istaambulitti isa geessaniif kanfaltii raawwateefi poolisiin akka isaan hinqabneef jecha karaa lafa bishaanii Vaan jedhamuutiin alkan imaluuf murteessan.

Alkan osoo imalaa jiranuu bidiruun isaanii dhidhimte. Bidiruun sunis lammiilee Afgaanistaan 32, Paakistaanoota torbaafi lammii Iraan tokko feetee turte.

Balaa sanaan boodas reeffi namoota 61 argameera. Shaafiilaahiin dabalatee godaantonni eessa akka gahan hinbaramne ammaalleen jiru.

Godaantoota kanneen imalchiisaa kan ture nama godaantota karaa seeraan alaatiin dadabarsaa ture kan Kaabuul keessa jiru tokko. BBC'n nama kana dubbiseera.

“Namoota dadabarsuun hojii qofaa hojjatamu miti”

Alhaam Nuur (maqaansaa kan geedarameedha) baqattootaa gara biyyoota akka Faransaay, Xaaliyaaniifi UK erguun beekama.

Namoonni isa waliin hojjatanis hedduudha.

''Hojiin namoota dadabarsuu kan qofaa hojjatamu miti. Kan namoota dadabarsinuu hundi keenyaa waliitti hidhata qabna,'' jedha.

Maamiltoota Afigaanistaan dhiisanii bahan hedduu qaba.

Mootummaan Gamtooman akka jedhuutti, ammaatti namoonni Afgaanistaanii bahan gara miliyoona 2.7 ni ta'u. Afgaanistaanis biyyoota lammiilee hedduun gadhiisanii bahan ta'uun Sooriyaafi Veenziweelaatti aantee argamti.

Kanaafuu Alihaam yeroo hundaa namoota dadabrsu hindhabu. Lammiileen Afgaanistaan hedduunis kan biyyaa bahan namoota akka Alehaam kanaan gargaaramuun.

Haata'u malee Awuroppaa gahuun manaa bahanilleen kan imalichi qajeelef dhogomuuf namoota muraasa qofadha. Essuumni Shaafiilaah kan ta'e Ashar Afizal imalli cimaa ta'u ni beeka. Haata'u malee akkasii bakka buuteen Shaafiilaah ni dhabama jedhanii hinyaadne ture.

Maatiin Shaafiilaah achi buuteen isaa dhabamuun gadda saanii itti cimseera. Godaantota reeffi isaanii argamee sirni awwaalcha isaanii raawwatameera. Kan Shaafiilaah garuu omaa gochuun hindanda'amne.

''Jira jennee hineegnu garuu osoo reeffa isaa agarree amanna'' jedha eessumni isaa.

Shaafiilaah doolaara 1,000 kanfalee ture kan biyyaa bahee. Godaantota kaan waliin miilaanis, konkolaataa fe'umsaatinis deemuun ture Iraan keessa qaxxaamuruun Tarkii kan galan . Booda garuu bishaan Vaan irratti abjuunsaanii gabaabbate malee.

Faddaalaa Alihaam maallaqa Shaafiilaah irra fudhate ture maatii isaatiif akka deebiise dubbata.

“Hanga Xaaliyaaniitti deemuuf doolaara 8,500 kanfalama”

Afgaanistaanii Tarkii gahuuf doolaara 1,000, Tarkiidhaa Sarbiiyaa galuuf doolaara 4,000 kanfalachiisu. Sarbiiyaadhaa Xaaliyaan galuuf ammoo doolaara 3,500 kanfalchiisa. Waliigalatti gara doolaara 8,500 kanfalama.

Aliihaamis tokko tokkoo baqattootaatti doolaara 3,000 hanga 3,500 argata.

Namoota isa qaamaan beekan ykn kan inni beekuun yoo wal hinbeekne wal hinarguun.

Godaantota sanada hinqabneef imalli cimaa ta'u ni beeka. Kanaafuu guyyaa dhokachuun alkan alkan imalu. Godaantonnis manneen dhoksaa keessaa akka boqatan taasifamu.

Akkasumas godaantonni saamtotaan xiyyeeffannaa keessa akka hingalleef jecha sa'aatii harkaafi faaya gatii jabaa baasan hinqabatan. Doolaara 100 olis akka hinqabannee Aliihaam ni gorsaan.

Tarkii gahuuf torbaniifi isaan ol fudhachu danda'a jedha. Yeroo baayyees godaantonni kan filatan daandii Tarkii gara Giriik geessudha jedha.

Ejjansiin daangaa awurooppaa bara kana baatii 10 keessatti qofa namoonni kuma 17 gara awurooppaatti aka ce'an tilmaama.

Godaantoota keessaa tokko kan ta'ee Shaah akka jedhuutti, Giriikii gara Boosaniiyaa imaluun baayyee cimaa ture. Erga yeroo baayyee gara biyyasaatti deebii'u taasifameen booda dhumarratti daangaa ce'uu danda'eera.

''Daangaa ce'uuf wayitan yaaleetti poolisootaan reebameera. Darara hedduun narra gahe. Du'uu, ukkaamfamu, miidhamu dandeessa. Eenyumtu si hingargaaru. Kanneen namoota dadabarsanis poolisii waan sodaataniif nama hingargaaran'' jedha Shaah.

Kana malees bishaaniifi nyaata dhabuun namoonni wayita du'an argeera.

Dhaabbanni baqattoota addunyaa akka jedhuutti, bara kana qofaa baqattoonni 1,000 ta'an osoo galaana Meeditiriyaaniyaanii qaxxaamuruuf yaalanu du'aniiru.

Godaantummaa irraa gara namoota dadabarsuutti

Aleehaam tibba tokkoo godaanaa ture. Abaansaa wayita inni mucaa waggaa 14 turetti namoota nama dadabarsaniif doolaara kuma shan kanfaluun kan biyyaa isaa baasan.

''Imalli kiyyaa cimaa ture. Keessattuu BUlgaariiyaatti baabuura keessa dhokanneen ture. Akkan baabura irraa utaalu dirqiisiifameen ture'' jedha.

Namoota dadabarsuu kan eegalee doolaara 90 kanfalamaatii ture. Erga UK galeen booda namoota nama dadabarsan waliin hojjachuu itti fufe.

Waggaa 21ffa isaarratti poolisiin akka isa barbaadu dhageenyaan gara Afgaaniistaaniitti deebii'e.

Namoonni Awurooppaa galan waa'ee isaa waan dubbataniif maamiltoonni isaa baayyataniif.

''Namoonni akka biyyaa isaan baasuu na amanu ture'' jedha.

Ammattis jidduu galaan karaa isaatiin namoonni 100gara awurooppaa imalaa jiru.Balaan Shaafiilaah fa'i irra qaqabee waan isaa gaddisiiseef isaan booda namoota dadabarsuu dhaabuu dubbata.

“Maatii siaas irra deedeebii dhiifama gaafadheera. Imala irratti wanti hedduun isaan mudachu akka danda'u dursee itti himeen ture. Waaqnii balleessaa kiyyaaf dhiifama naaf gochuu ykn dhiisuu danda'a,'' jechuun waan itti dhagahame dubbata.

Inni namoota dadabarsuu dhiisuus itti fufuus adeemsichi itti fufuunsaa hinoolu. Lammiilee afgaanistaan kumaatamaan lakkaa'amanis jireenya fooyya'aa barbaacha daangaa qaxxaamuruu itti fufuu.