Hogganaan finciltootaa Siyeeraa Liyoon yakka waraanaatiin mana murtii dhiyaate

Madda suuraa, AFP
Hogganaan garee fincilaa waraana waliinii Laayibeeriyaa keessatti yakka waraanaan shakkame Fiinlaandi keessatti murteef dhiyaate.
Akka warri isa himatan jedhanitti, Jibriil Iloghiimaa Maasaakuwooyi lammii Siyeeraa liyoon yoo ta’u, hoggantoota gurguddoo garee fincilaa 1999 hanga 2003’tti Laayibeeriyaa keessatti lolaa turan keessaa tokkodha.
Namoota nagaafi loltoota hidhannoo hiikkatan ajjeesuu, dirqiin gudeeduu fi daa’imman loltuu akka ta’aniif foo’uun himatame.
Yeroo jedhame kanatti ani waa’ee nageenyaa irratti marii taasisuurrattin hirmaadhe jechuun himata kana haala.
Lola waiinii Laayibeeriyaa kan ollaashee Siyeeraa Liyoon waliin walirra bu’een namoonni kuma 250 ta’an lubbuu dhabaniiru.
Jibriil Iloghiimaa Maasaakuwooyi eenyudha?
Namni ganna 51 kun komaandaraafi dubbi himaa garee fincilaa hamaa Siyeeraa Liyoon keessa ture ‘RUF’ jedhamuu yoo ta’u, garichi Laayibeeriyaa keessattis lolaa ture.
RUF yakkoota hamaa kan akka miila namarraa buqqisuu, ajjeechaafi dirqisiisanii gudeeduudhaan maqaa badaa qaba ture.
Mana murtii addaa yakkoota yeroo sanatti raawwataman qorachuuf UN’n deeggaramu irratti raga kan bae yoo ta’u, 2008’tti qaama eegumsa namoota raga ba’aniif taasifamuu ta’uudhaan gara Fiinlaanditti geeffame. Sagantaan kun yakkoota Siyeeraa Liyoon keessatti raawwatamaniif qofa dhiifama kan godhu yoo ta’u, kan Laayibeeriyaa hin dabalatu.
Bitootessa darbe magaalaa Taampeeree bakka murteesaa itti hordofaa jirutti to’annoo jela oole.
Maaliin himatame?
Ajjeechaa, yakka waraanaa hamaafi yakka hamaa namummaa irratti raawwateera jedhamuun himatame.
Akka ragaaleen jedhaniifi AFP’n gabaasutti, namni kun angoofi dhaga’amummaa guddaa qabutti fayyadamuun, namoonni nagaa ijoollee dabalatee, mana lama keessatti itti cufamee abiddi itti qabsiifamuun akka ajjeefaman ajaja dabarseera jedhama.
Akka abbaan alangaa Toom Laayitneen jedhanitti ammoo, namoota isaan ajjeefaman keessaa muraasni reeffi isaanii cicciramee Jibriiliin dabalatee kan biroos ‘‘akka nyaatan taasifameera’’.
Abbootiin alangaa namni kun hidhaa umurii guutuun akka adabamu kan gaafatan yoo ta’u, akka seera Fiinlaanditti hidhaa ganna 14 jechuudha.














