Raashiyaa: Hiriira mormii ba'amerratti namoonni 1,400 hidhaman

Hiriirtonni mana hidhaatti haala kanaan guuramaa turan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriirtonni mana hidhaatti haala kanaan guuramaa turan

Raashiyaatti hidhamuu duree paartii mormituu Aleksi Navaalnii mormuun hiriira ba'amerratti namoonni 1,400 ta'an hidhamuu gareen mirga namoomaaf falmu hime.

Magaalaa guddoo Raashiyaa Moskoo keessatti poolisoonni wayita hiriirtota reeban argamaniiru.

Ga'eessa umrii waggaa 44 kan ta'e Aab Navaalniin kanaan duras waggaa sadii fi walakkaaf hidhamee kan ture yoo ta'u, himatama yeros irratti banamee ture hin amanne.

Dhiyeenya kanammoo dhibamuunsaan walqabatee atakaaroon uumamee kan ture yoo ta'u gara Jarmanii ergamee erga yaalamaa turee booda gara biyyaa deebi'eera.

Hagayya darbe haleelamuunsaa kan barame Aab Navaalniin ajaja Pirezidaant Vilaadmiir Putiiniin akka summeeffame komata, biyyattiin garuu kana haalteetti.

Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa fi UK'n hidhamuu duree mormituu mormaniiru, hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafatan.

Guyyaa kaleessaa erga murteen mormituu kanarratti darbee booda hiriirtonni hedduun fuuldura mana murtii magaalaa Moskoo keessatti argamutti ba'uun mormiisaanii agarsiisaa turan.

Moskoo keessatti poolisoonni humnaan hiriirtota cabsaniiru jedhamuun komataman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Moskoo keessatti poolisoonni humnaan hiriirtota cabsaniiru jedhamuun komataman

Poolisoonni ulee harkaa qabaniin gaazexeessitoota dabalatee namoota hiriira ba'an hedduu haala suukanneessaan wayita reeban mul'ataniiru.

Jaarmiyaan qabiinsa mirga namoomaa hordofuun odeeffannoo kennu kan biyya Raashiyaa OVD jedhamu Mooskoo keessatti namoonni 1,116 magaalaa St Petersburg keessatti ammoo namoonni 246 hidhamuu ibse.

Namoonni biroon 15 ta'an ammoo magaalaa biraa keessatti hidhamaniiru jedhe.

Aanga'oonni Raashiyaa lakkoofsa hidhamtootaa gabaafamerratti yaada hin kennine.

Ji'a darbe keessas hiriira guyyoota lamaaf kutaalee biyyattii hedduu keessatti ba'amerrtti namoonni kumaan lakkaa'aman hidhamaniiru.