Raashiyaa: Gaazexeessituu ministeera duratti ibidda ofitti qabsiisuun of ajjeefte maaltu kakaasee?

Iriinaa Silaavaanaa

Guyyaa gaazexessituun Raashiyaa, Iriinaa Silaaviinaa, ofitti ibidda qabsiisuun of ajjeeftetti abbaan warraashee Alekseeiin waan addaa omaa akka hin argiin dubbata.

Guyyichi guyyaa dhalatoota haadhashee waggaa 70ffaa waan tureef keekii qopheessuun kabajuuf qophaa'aa turte.

Naannoo sa'aatii saddeet ta'uuf jirutti abbaan warraashee bilbileef haasaadhuma barame, ''sa'aatii meeqarrati dhuftaa?'' jedhee akka ture hima.

Sa'aatii lamaan booda garuu waan abjuusaattiyyu yaadee hin beekne dhagahe.

Bilbilli bilbilameef, haatii warraa kee Iriinaan Ministeera Dhimma Biyya keessaa fulduratti ibiddaan of gubdee jirti jedhamee itti himame.

Ergaan dhumaa Feesbuukii isheeratti barreessite, ''du'a kiyyaaf Federeshinii Rusiyaa itti-gaafatamaa akka taasiftanan gaafadha,'' kan jedhu ture.

This tribute quotes Irina Slavina's last Facebook post: "I ask you to blame the Russian Federation for my death"

Mormii baayee cimaa

Iriinaan bakka bulchiinsa magaalaa Mooskoo irraa fageenya km400 irratti argamtu keessa jiraatti turte.

Maatiifi hiriyyoonni gaazexessituu kanaa maal akka karoorsite waan hin beekneef ishee dhaabuu hin dandeenye ture.

Haata'u malee, hundumtuu abdii kutattee waan ta'eef itti yaaduun siyaasa biyyattii mormuuf rawwatte jechuun waliigalu.

''Iriinaan waan mukaa'u jedhamu hin beektu,'' jetti hiriyaan ishee waggoota dheeraa.

''Baayyee nama ilaalcha qajeelaa qabdu, kan namoota jajabeessituufi iftuu turte,'' jetti hiriyyaan ishee Iriinaa Inkeevaan.

Du'asheetiin boodas namoonni hedduu vidiiyoo haala du'ashee mul'isu ilaalaniiru.

Isheenis gamoo Waajjira Ministeeraa guddaa jedhamu fuulduratti kan ibidda ofitti qabsiiftee of ajjeefte.

Nannawa Iriinaan itti of ajjeefte

Siidawwan sadii miseensoota poolisii biyyattii yaadachuuf dhaabbatan bakka jiru dhaquun jidduu sana teessee.

Ibidichi qaama isheetti kan qabatee karaa harka bitaatiin yoo ta'u, achiinis qaamni ishee gutuun yoo gubatu mullata.

Namni daandii sanarra darbaa ture tokko jaakkeettii isaa baafachuun ibidda dhaamsee qaamashee haguuguuf yaalii taasisullee gaazexessituun kunis yeroo lama ofiirraa dhorkiteen.

Isaan boodas ni kufte. Jireenyishee dhumaas haala kanaan xumurame.

"Haarsaan ishee kun bu'aa malee hafaa laata?"

"Kana raawwachuuf kutannoo qabdi turte. Mormii akkasii kanas kan raawwatte akkasumaan lafaa kaatee osoo hin taanee, karoorsuun itti yaadde karaa ittiin mormiishee ibsiteedha,'' kan jedhu hirriyaan isheefi mormaan mirgoota namoomaa akkasumas deegaraan dimokraasii Miikihaayiil Iyosooleviich ture.

Iriinaan yada kana waggaan dura fuula Feesbuukiisheerraatti kaaftee turte.

''Osoon ofii kiyya ibiddaan gubee Raashiyaaf maal buusuun danda'aa laata? Egeree foyyaa'aa uumuu danda'aa? ykn aarsaan kiyya hiikaa hin qabaatu ta'aa? jechuun gaafattee, hedduunis akka qoosaatti ilaalanii ture.

Irina Slavina

Madda suuraa, Irina Enikeeva

Haadha ijoollee lamaa kan taatee Iriinaan abbaa warraashee waliin kan wal baran umurii ijoolluummaasheetti ture.

Oggummaashee kan eegalte barsiisummaan yoo ta'u, seeraafi dambiiwwan jiran waliin gonkumaa akka walii hin taanee abbaa warraasheetti himaa turte.

"Addunyaa haala foyyaa'een geedaruu"

Achiin boodas bara 2003tti gara waajjira gaazeexaa naannoo tokkoo deemuun hojii barbaadde.

Iriinaafi abbaa warraashee daa'ima hiriyaa saanii waliin

Madda suuraa, Irina Enikeeva

Abbaan warraashee akka jedhuutti, hojiishee haaraadhaaan bilisummaan itti dhagahamaa ture.

Haata'u malee, erga bilisummaan pireessi biyyattii keessatti gaaffii keessa galeen booda, keessatti bulchiinsi pirezidaantii Viilaadmiir Puutiin pireesi hin sochoosu jechuusaatiin ilaalchi Iriinaa rakkina keessa bu'e. Hojiirras hari'atamte.

''Barreeffamoonni aanga'oota akka deeggaran jedhamee dhiibbaan irra gahu mataarra ishee bahuu eegale,'' jedha hiriyaanishee.

Ajjeechaa haaloo bahumsaa

Bara 2015tti deeggarsa Miikyaayil Iyosilevichiin midiyaa dhuunfaa Koza.Press jedhamu hundeessite.

Gaazexesummaa walabaa hordofuunis maqaa gaarii horatte. Gama aanga'otaatiin garuu waan gaarii hin buufneef.

''Aanga'oonniifi humnootiin nageenyaa daangaa malee aangootti wayita fayyadaman barreeffamoota hedduu barreessaa turte. Kana gochuunshee hin jaalatamneef ture. Achumaan isaanis raadaarii [qiyyaafannaa] keessa galfatan,'' jechuun abbookaatoon ishee Evaaganii Gubiin kan dubbatan.

Himannaawwan hedduunis irratti banamaa ture. Abbokaatoonni ishee yeroo adda addaa mana murtiitti dhiyaachuun mormaa turan.

Dhimmoota himannaan ittiin dhiyaate keessaa mormii seeraan alaa qindeessuufi deeggartoota garee Dimokiraasii dhorkaman waliin hojjachuun kan jedhu ni argama.

Kana malees, Covid-19 ilaalchisee oduu sobaa tamsaastee jirti jedhamuun himatamte jirti.

Yeroo tokko himannaa irratti dhiyaateef wayita mormiitu, ''abbaa hirree Istaaliin nu yaadachise'' jechuusheetiif Koministoota naannichaa tuqxee jirta jedhamtee adabbiin Paawundii 700 irratti murtaa'eera.

''Himannaawwan irra jiran keessaa 10 ykn 12 dhimmoota bulchiinsaa kan ilaalattan turan. Isaan kana hundaa maallaqaan adabamte jirti. Waggaa darbe keessattis himannaan irratti dhiyaatan baayyatanii ture,'' jedha abbookaatoon ishee.

Niizihinii Noovogorod

Galiin Koozii Pireesi irraa argataa turtees hangas guddaa waan hin taaneef, adabbii garaa garaa manni murtii itti murteesseef deeggarsa walitti qabuuf yaadaa turte.

''Ogummaa kiyaan walqabatee kan narra gahaa jiru salphaa miti,'' jechuun guyyaa tokko Yutube irratti viidiyoon dubbattee turte.

Hojjataa humna qilleensaa duraanii kan ta'e abbaa warraashee waliin halaa jireenya gaazexessummaa gad-fageenyaa dubbachuu baatanilleen, adabiiwwan irra dedeebiin itti murtaa'an ''biyya keenya keessatti mo'achuu akka hin dandeenye kan agrsiisudha,'' jedha.

Itti-dabaluunis, ''Dhugaa dubbachuunshee gatii ishee kaffalchiiseera. Dhiibbaa olaanaan akka irra gahuuf sababii ta'eera. Haalli kunis baayyee na jeeqe,'' jedha.

Iriinaan osoo of hin ajjeessiin dura dhiibbaan irra gahaa ture sadarkaa olaanaarra gahee ture.

Guyyaa tokkoon duras sa'aatii 12 irratti poolisoonni hidhatan 12 fi qorattoonni mana ishee seenuun sa'aatii afuriif sakkatta'iinsa raawwataniiru.

Kunis yakka hiriyyaashee Miikiyahaayil Iyoosooleviich waliin kan wal qabatu jedhameera.

Innis himannaa humna nageenya biyyattii balaa keessa buuseera jedhuun himatameera. Keessatti himannaawwan akkasii irratti dhiyaachuu kan eegalan erga inni leenjii filannoo attaniin hordofuufi to'achuun dana'ama jedhu kenneen booda ture.

Qophiileen inni qopheessus pirezidaant Putiin kan qeeqaniidha. Biyya kessaatti dhorkamuun kan hidhaarratti argamu gareen 'Open-Rusia' duuba jira jedhu qorattoonni.

Miikhaayiliis ta'e Open-Rusia kaan hin fudhatan.

Iriinaafi mormitoonni mirga namoomaa kan biraa jahas dhimmicha irratti ragaa bahummaan kan galmaa'an yoo ta'u, himatamuu akka danda'an himama.

Kaan ammoo beekaa malaammaltummaa raawwatamee ukkaamsuuf itti yaadamee himannaa dhiyaate jechuun qeequu.

Qopheessitoota Gaazexaa Kooziif sakkatta'inisi mana Iriinaatti gaggeeffame sadarkaa dhumaarra gahu kan mullisu ture.

''Iriinaan dhiibbaa olaanaatu irra gahee. Kanaanis baayyee gadditee turte,'' jedha abbaan warraashee.

Erga Iriinaan of ajjeefteen booda, sakkatta'insi man sheetti gaggeeffame kana waliin hidhata omaa hin qabuu jedhaniiru koreen qorattoota naannichaa akka beeksiiseetti.

Abaaboowwan bakka isheen itti duute kaa'aman waliitti fufinsaan galgala galgala qulqulleessitoota magaalaatiin ni kaafamu ture.

Ammaaf garuu abaaboowwan kaan achmatti kan dhiisan yoo ta'u, namoonni hedduunis abaaboo kaa'anniifii jiru.

Namoota bakka isheen itti duute daraaraa kaa'an

Kaan waa'ee oduu kanaa dhagahu baatanileen kanneen dhagahan garuu nahaniiru, raafamaniirus.

Iriinaan haala sukkaneessaa akasiitiin kan of ajjeefteef namoonni haala callisaa keessaa akka nahanii bahaniif raawwattee jechuun kan yaada kennaniis hin dahbamne.

Abbaan warraashee garuu gaaffii maaliif ibiddaan of gubdee of ajjeefte jedhuuf deebii hin qabu.

''Deebiise ishee waan hin fidannee amma fudhachuu qofaadha. Ta'us garuu du'aatiinsihee akka calli hin jedhamneen barbaada,'' jedheera.

Irinaa Silaaviinaa

Madda suuraa, Irina Enikeeva