Raashiyaatti hiriira mormii deeggartootni Navaalnii bahanirratti hedduun hidhaman

Madda suuraa, Getty Images
Hidhamuu qeeqaa Vilaadmiir Puutiin beekamaa, Aleeksii Naavaalnii mormuun, hiriira guutuu biyyattiitti deeggartootni isaa bahan dhaabsisuuf Poolisiin mormitootaan walitti bu'aa jira. Kanaanis hiriirtotni hedduun hidhamaniiru.
Magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskootti deeggartootni Naavaalniiy hiriirri guddichi eegalamuun dura walitti qabaman humna Poolisiin bittimfamaniiru.
Gara baha biyyattiitti garuu namootni hiriirarratti argaman hidhamanis kumootni hedduun hirmaataniiru.
Dilbata darbe kan hidhame Navaaliin, deeggartootni isaa hiriira mormii akka gaggeessan gaafatee ture.
Summii obaafamuun qarqara du'aa gahee yaala biyya Jarman magaalaa Barliinitti argateen erga fayyee Moskootti deebi'ee hidhame.
Akkuma Moskoo gaheen hidhamee yakka miindaa waliin walqabatuun badii dalageera jedhame.
Navaaliin na callisiisuuf sababa dursee qophaayedha jechuun deeggartootni isaa mormiif akka bahan gaafate.
Hiriira har'aa kana dursuunis dubbii himtuu isaa dabalatee namootni Navaalnii waliin hojjetan hedduun to'annoo jala oolfamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Hiriirri kun gaggeeffamuu dura aanga'ootni Raashiyaa hiriirri mormii kun beekamtii hin qabnee fi dubbii barbaaduun kamuu atattamaan to'atama jechuun akeekkachiisanii turan.
Magaalaa gara Bahaatti argamtu Vilaadivostook keessatti namootni 3,000 ta'an hiriira kanarratti hirmaachuu, miidiyaaleen gabaasanis qaamni mootummaa garuu 500 hin caalan jedhu.
Hiriirri kun Saayibeeriyaa magaalaa Yakutisk lafa qorri isaa zeeroo gaditti digiri selshiyesii 50C qaqqabettis gaggeeffameera.
Magaalota adda addaa hiriirri kun itti gaggeeffametti namootni 200 ol ta'an to'atamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Hiriirichi magaalota 60 ol biyyittii keessatti gaggeeffamuuf karoorfame. Hiriirota kana keessaa tokko addababayii Pushikiin kan magaalaa Moskoo keessa jirutti adeemaa jira.
Biloogarii beekamaan qeeqaa Puutiin ta'e kun miidiyaa hawaasummaa gubbaatti hordoftoota miiliyoonaan lakkaawaman qaba. Filannoo manneen maree naannoo bara 2020 gaggeeffamee tureen ammoo Saayibeeriyaatti michootni isaa injifataniiru.
Namni ganna 44 kun Hagayya darbe summii narvii miidhuun fiixee du'aarraa fayye. Yakka kana kan raawwachiise pireezidant Vilaadmiir Puutiin jechuun himata.
Mootummaan Puutiin harka keessaa hin qabu jechuun ofirraa qolata.













